Publicidade

Isaías 11

Mootummaa Nageyaa

1 Akkuma jirmi quunxee damee baasu,

sanyii Iseyii keessaa mootiin haarenni hin ka'a.

2 Ayyaanni Mootii Waan Maraa

Ayyaanni qarumma'aatii fi hubanti'ii

Ayyaanni gorsaatii fi hunnaa

Ayyaanni beekkumsaatii fi

Mootii Waan Maraa sodaatiisaa

isa irratti hin bu'a.

3 Inni Mootii Waan Maraa sodaatiisaan

hin gammada.

Akkuma ilaan dhagge hin muru;

yookiin akkuma gurraan dhage'e hin murteessu;

4 worra hiyyeeyyi'iif ammoo

balchumma'aan hin mura;

worra deega'aaf haqaan hin mura;

dubbii afaan isaa keessaa baatu

ta akka ule'eetiin biyya lafaa hin dhowa;

hafuura afaan isaa keessaa bayulle'een

worra hamoolee hin ijjeesa.

5 Balchumma'aa fi addatamummaan

akka hiituu hidha isaa ti.

6 Yayyiin ilmayyoo hoole'ee woliin hin leeti;

qeeransi ilmayyoo re'e'ee woliin hin ciisa.

Jabbiin, ilmoolee neenqaatii fi

korommii dardarri woliin hin tikatan;

mucaan diqqaalle isaan hin tissa.

7 Loonii fi doobbaan woliin hin tikatan;

jabbi'ii fi ilmooleen doobba'aa woliin hin ciisan;

neenqille akka qotiyyo'oo hicaacee hin nyaata.

8 Mucaan harma hodhu

boolla dhudhuufa'aa bira hin taphata;

mucaan harma irraa gu'elle

boolla buuti'ii keessa harka hin keya.

9 Akkuma abbaayaan bisaaniin guutantu,

latti beekkumsa Mootii Waan Maraatiin

waan guutantuuf,

waan gaara woyyicha kiyya irra le'u

miidhaan yookiin badiin hin dhaqqaddu.

Kolbaan Booji'ante Hin Deebiti

10 Guyyaa san sanyiin Iseyii akka beessisaa kolba'aaf hin dhaabbatti; gosi biyya adda addaa isa hin barbaaddi; addeen inni le'ulle ulfinna hin qabaatti. 11 Guyyaa san Goottaan yennaa lammeesso'oo harka ifii diriirsee, kolbaa ifii ta biyya Asooriititti, biyya Gibxi'iititti, biyya Faaxrosiititti, biyya Itoophiya'aatitti, biyya Elaamiititti, biyya Shiinaariititti, biyya Haamaatiititti, lafa abbaayaa qarqaraatitti baraaree hafane gara biyya isaanii hin deebisa. 12 Inni gosa biyya adda addaatiif beessisa hin dhaaba; worra Israa'el keessaa ari'amee baye, worra Yihudaa keessaa bittinnowelle maddii afuriinuu wolitti hin qaba. 13 Hinaaffaan Efreemii hin baddi; diinni Yihuda'aalle hin dhumata; Efreem Yihudaa hin hinaafu; Yihudaalle Efreem hin jibbu. 14 Isaan lamaanuu wolii galanee gara aduun seentuun Filisxeemota irratti hin ka'an; worra gara aduun baatu le'ulle hin saaman; kolbaa Edoomiitii fi Mo'aabii harkatti hin galfatan; worri Amooniille isaaniif hin ajajaman. 15 Mootiin Waan Maraa abbaayaa diintuu Gibxi'ii ijjumaa hin gossa; inni harka ifii laga Efraaxiisii irratti ol kaasee, qilleensa gubuun dhowee, laga didiqqaa torbatti gargar hin qooda; nami kophe'een keessa deemee, gamatti bu'uu hin dande'a. 16 Akkuma kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate karaan qopheeffameef, kolbaa isaa worra baraaree hafeefille, Asoorii keessaa bayiisaaf karaan guddaan hin qopheeffama.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-