Publicidade

Isaías 61

Oduu Gammadaa Ta Fayyinnaa

1 Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira;

akka ani oduu gammadaa

worra cunqurfameef lallabu,

na muudeera.

Worra gadhaan isaanii madaye

akka ani fayyisuuf,

worra booji'ame akka ani bilisa baasuuf,

worra hidhame akka ani hiikuuf,

Mootiin Waan Maraa na ergeera.

2 Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi

guyyaa Waaqi keenna haluu bawu,

akka ani lassuuf,

worra bowu mara

akka ani jajjabeessuuf,

Mootiin Waan Maraa na ergeera.

3 Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru,

mata'atti addee daadhaa firfirfatanu

marata dansaa akka ani itti maru

addee bowanu,

zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu,

addee ayyaana gaddaa,

woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf,

na ergeera.

Isaan, «Qilxaa balchumma'aa,

ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.

4 Isaan diigama durii deebisanee hin ijaaran;

waan dur baddelle adde'etti hin deebisan.

Qachoota dhaloota heddu'uun dura diigamee bade

deebisanee hin haaressan.

5 Alagaan hoolee teessan isiniif hin tissa;

fichaa keessan isiniif hin qota;

oorruu muka woyni'ii teessan keessa isiniif hin huja.

6 Isin ammoo, «Hayyoota Mootii Waan Maraa, tajaajiltoota Waaqa keennaa» jedhantanee hin waammatan.

Isin qabeenna gosa biyya adda addaa hin nyaattan;

durummaa isaaniitiin hin koortan.

7 Kolbaan tiyya addee qaani'ii qooda harka lama hin fudhatti;

addee salphinnaa dhaala ifiititti hin gammaddi;

qooda lafa ifii harka lama hin fudhatti;

haga bara baraalle hin gammaddi.

8 Ani Mootii Waan Maraa haqa waan jaaladhuuf,

saamichaa fi yakkaa jibba.

Ani addatamummaa tiyyaan

kolbaa tiyyaaf gatii hujii isaanii hin keenna;

isaan wolille'een gondooroo bara baraa hin godha.

9 Sanyiin isaanii gosa biyya adda addaa keessatti,

ijoolleen isaaniille kolbaa oddu'utti hin beekkanti;

nami isaan dhaggu marti

isaan kolbaa Mootiin Waan Maraa eebbise

akka te'ane hin beeka.

10 Ani Mootii Waan Maraatiin guddoo gammada;

lubbuun tiyyalle Waaqa kiyyaan firinxiixxi.

Akkuma waajibichi akka hayyu'uu marata mata'atti maratu,

akkuma waajibittiin dooqaan ifi seefattu,

inni woyaa fayyinnaa

natti uffiseera;

bullukkoo balchumma'aalle itti dabalee natti uffiseera.

11 Akkuma latti biqiltuu biqilchitu,

akkuma oorruun sanyii itti facaafante lachisiittu,

Goottaan Mootiin Waan Maraa,

balchumma'aa fi leellisi

gosa biyya adda addaa duratti

akka lattu hin godha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-