Publicidade

Isaías 46

Waaqota Worra Baabilonii

1 Waaqoti dharaa ka worra Baabilonii,

Beelii fi Neboon hin salphatan;

waaqoti dharaa ka isaanii sun geejjibatti fe'amaneeran;

fakkiin isaan ba'atanee ideemanu sun ba'a'a;

geejjiba itti fe'amane sanille hin dadhassiisan.

2 Isaan geejjiba san woliin hin gugguufan;

ifi fayyisuu hin dande'anu;

isaan hin booji'aman.

3 Mootiin Waan Maraa, «Ee sanyii Yaaqoobii,

isin sanyii Israa'elii keessaa worri hattane na dhage'a'a!

Gadaamessa haadha teessanii keessatti natti isin eege;

dhaloota keessaniin jalqabee

ka isin ba'ate ana.

4 Haga isin dulloontanee arrii baatanutti

ka isin ba'atu ana;

ani isin dadeera; isin hin ba'adha;

isin hin qarqaara; isin hin fayyisa.

5 «Eennuun na fakkeessitan?

Eennu woliin na wol qixxeessitan?

Yookiin akka wol fakkaannuuf,

eennu woliin na wol fakkeessitan?

6 Worri gariin worqii subba ifii keessaa baafatan;

meetiille madaala irratti madaalan.

Isaan nama worqii baqisiisu qaxaratanee,

inni waaqa isaaniif huja;

achiin duuba isaan waaqa san sagadanee waaqonfatan.

7 Isaan waaqa san ol fuudhanee, gurmuu ifii irratti ba'atanee,

geessanee addee isaaf qophootte hin keyan.

Inni achuma dhaabbata malee, addee san irraa hin tacho'u;

yoo nami isatti iyyate, inni deebii hin kennu;

yookiin rakkoo keessaa nama hin baasu.

8 «Isin finqiltooti tana qaabadha'a!

Qalbii teessanille'etti qabadha'a.

9 Waan dur bara dheera'aan dura te'e qaabadha'a;

ani Waaqa;

ana malee Waaqi dhibiin hin jiru;

ka akka kiyyaalle hin jiru.

10 Ani waan muummee irratti dhufu'uu jiru

jalqaba irratti himeera;

waan gara duraa te'uu jirulle duruu himeera;

karoorri kiyya hin te'a;

waan godhiisaaf barbaade hin godha.

11 Ani nama karoora kiyya muummessu

karaa aduun baatuu irraa hin waama;

inni akka risa'aa biyya fago'oo irraa hin dhufa.

Ani waan dubbadhe hin godha;

karoora kiyyalle hin muummessa.

12 «Isin worri gadhaa jabaattane,

ka balchummaa irraa fagaattane na caqasa'a.

13 Ani balchummaa tiyya fidiisatti jira;

isiille fagoo hin jirtu;

fayyisiis kiyya hin turu;

ani Xiyooniif fayyinna,

Israa'eliif ulfinna hin kenna.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-