Publicidade

Isaías 35

Gammada Worra Wodamee

1 Goomole'ee fi latti godduun hin gammaddi;

gammoojjiin firinxiixxee,

akka daraara'aa hin daraarti.

2 Goomoleen daraaraa hedduu daraartee,

guddoo firinxiixxee, hin ilillitti;

ulfinni gaara Libaanonii,

arnyi gaara Qarmelosiitii fi

dhooqa Shaaronii isi'iif hin kennama.

Nami marti ulfinna Mootii Waan Maraatii fi

arnya Waaqa keennaa hin dhagga.

3 Harka dadhabe jabeessa'a;

jilba lelleqelle jabeessa'a.

4 Worra gadhaan isaanii soda'aan qabameen,

«Jabaadha'a; hin sodaatina'a!

Kunoo, Waaqi keessan diinota keessan haluu bayiisaaf,

yakkaa isaan isin irratti hujaneef

gatii isaan kaffalchiisiisaaf,

isin ammoo fayyisiisaaf hin dhufa» jedha'a.

5 Achiin duuba ilti worra balla'aa hin bananti;

gurri worra duuda'aalle hin dhage'a.

6 Naafi akka gadansaa hin utaala;

worri afaan duuda'aa, hin ilillisa.

Gammoojjii keessaa bisaan,

goomolee keessaa maddi hin burqa;

7 maansi akka ibiddaa gubu baleessa hin te'a;

lafa godduu keessaa bisaan hin burqa.

Addeen jeedalti keessa leetu

marra, shonbooqqo'oo fi allaaduu hin baatti.

8 Achi keessa karaan guddaan hin baya;

maqaan isaalle, «Karaa Woyyicha» hin jedhama.

Karaa san irra kolbaa Waaqaa qofattuu deema malee,

worri battiin irra hin deemu;

worri gowwooleelle irra hin deemu.

9 Neenqi achi hin jiraatu;

bineensi hamaan achi irra hin ideemu.

Worra wodame qofattuu achi irra ideema.

10 Worri Mootiin Waan Maraa wode hin deebi'an;

faarfataa gara Xiyoonii hin galan.

Kallacha gammada bara baraa mata'atti hin keyatan;

isaan gammadaa fi qananummaa hin dhaggatan;

gaddaa fi aadiis isaan irraa hin fagaata.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-