Publicidade

Isaías 54

Ulfinna Xiyoonii Ka Gara Duraa

1 Mootiin Waan Maraa,

«Ijoollee dubartii abbaa

manaa qadduu caalaa,

ijoolleen dubartii qofi lakkifantee

waan heddatteef,

ati maseentittiin

ijjumaa deettee hin beenne,

ta ijjumaa ciniinsifattee hin beenne

gammadaan faarfadhuu, ilillisi!

2 Addee dunkaanii teetii badhisi;

gollaa dunkaanii teetii

badhiisii diriirsi;

hin dhiphisin.

Wodaroo teeti dheeressi;

togaa keeti jabeessi.

3 Ati gara middaa fi bita'aa

waan badhattuuf,

sanyiin teeti gosa biyya

adda addaa hin qabatti;

qachoota isaanii

ka one keessalle hin qubatti.

4 «Ati waan hin qaanonneef,

hin sodaatin;

waan hin salphanneef,

hin rifatin.

Fokkoo yennaa dargaggummaa

teetii hin deeta;

qaanii yennaa

haadha hiyyeessummaa teetiille

haganaa achi hin qaabattu.

5 Ani ka si dade

akka dhirsaa si'iif hin te'a;

maqaan kiyya Mootii Waan Maraa

Ka Waaqa Waan Mara Dade;

ka si wode

ana Woyyicha Israa'elii ti;

ani Waaqa lafa duudi'ii ti.

6 «Ati akka dubartii

dargaggumma'aan heerumtee,

abbaan manaa isii lakkisee,

gadhaa ifii keessatti gadditee ti» jedha.

Mootiin Waan Maraa keeti ammoo,

gara ifii si waamee,

7 «Ani yennaa diqqo'oof

si lakkiseeraayyu;

amma ammoo,

marartii guddo'oon

si deebisa.

8 Ani guddoo waan sitti aareef,

yennaa diqqo'oof

fuula kiyya

si duraa dhoffadheeraayyu;

ammoo, jaalala kiyya

ka bara baraatiin

si hin marara» jedha ka si wodu.

9 Ammalle Mootiin Waan Maraa

ka si mararu si'iin,

«Tun naaf akka bara Nohii

deebi'ee bisaaniin

lafa akka hin balleessine kakadhee ti;

maarre ani amma deebi'ee

akka sitti hin aarre,

deebi'eelle ijjumaa

akka si hin xindheef kakadheera.

10 Gaaroti raafamanulle,

kooboti addee ifii irraa ka'anulle

jaalalli bara baraa

ka ani si'iif qabu,

ijjumaa hin raafantu;

gondooroon nageyaa tiyyalle hin diigantu.

11 «Ee, ati qachaa Yerusaalemii,

ka rakkatte,

ka bubbee bokkeyaatiin raafante;

ka hin jajjabaatin.

Kunoo, ani dhakaa gatii guddo'ootiin

si hin ijaara;

dhakaa ‹Safiiros› jedhamuun

hundee teetille hin keya.

12 Ani qaccee xelleephoo teetii

dooqa diima'aan,

karra teetiille dooqa cululuquun,

dalleya dhaka'aa keetille

dhakaa gatii guddo'ootiin hin ijaara.

13 Ilmaan teeti marti

ana Mootii Waan Maraa irraa

ka baratte hin teeti;

ijoolleen teetille

nageya guddaa hin dhaggatti.

14 Ati balchumma'aan

hin ijaaranta;

cunqurfamiisi si irraa hin fagaata;

wonni si sodaachisu hin jiraatu;

bararaqi si irraa hin fagaata;

si'ille'etti hin dhikaatu.

15 Eennulle yoo si miidhe,

inni ka ani ergee moti;

nami si miidhu marti

harka sitti hin kennata.

16 «Kunoo, nama cile'etti buufee bobeessu,

sibiila tumee,

meya woraanaa ka qopheessu,

ka dade ana.

Ka woy balleessu,

akka inni woy balleessuuf,

ka dade ana.

17 Mey woraanaa

ka si balleessiisaaf qophowe,

si miidhuu hin dande'u;

worra si himatu mara

hin injifatta.

Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti;

injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-