Publicidade

Isaías 52

Waaqi Yerusaalem Hin fayyisa

1 Ee Xiyoon, dammaqi! Dammaqi!

Hunna uffadhu!

Ee Yerusaalem, qachaa woyyicha,

woyaa teeti ta ulfinnaa uffadhu!

Haganaa achi worri haqanqabaa hin qabatinii fi

worri battowe gara keeti hin seenu.

2 Ee kolbaa Xiyoonii ta booji'antane,

wodaroo sibiilaa

ta ittiin hidhantane

morma keessan irraa hiikadha'a!

Ee Yerusaalem,

Bukuu ifi irraa hargufadhuutii,

ka'ii, barcumaa mootumma'aa irra tee'i!

3 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiin, «Isin gatii malee gurgurantaneertaniiyyu; beesee malee hin wodantan» jedha.

4 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan tiyya qara biyya Gibxi'ii keessa le'iisaaf, gad dhaxxe; achiin duuba worri Asoorii, sababa malee isaan cunqurse. 5 Kolbaan tiyya sababa malee waan fudhatanteef, ani asii maan qaba ree? Worri isaan bulchu isaanitti murga; guyyaa mara maqaa kiyya faanshessan. 6 Tanaaf yennaa san kolbaan tiyya maqaa kiyya hin beetti; ‹Kunoo, ani asi jira› jedhee, ka dubbate ana akka te'e hin beetti» jedha.

7 Miilli ergamaa gaara irra dhaabbatee

oduu gammadaa fidu,

ka nageya lassuu,

ka waan dansaa fidu,

ka fayyinna lallabu,

ka Xiyooniin, «Waaqi keeti mootii te'a» jedhu,

attam attam tola!

8 Caqasi! Mootiin Waan Maraa gara Xiyoonii yennaa deebi'u,

eeddoti teeti ila ifiitiin hin dhaggiti;

qoonqoo ifii ol qabattee tokkumma'aan hin ilillitti.

9 Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii jajjabeessee,

Yerusaalem waan wodeef,

ee bututa Yerusaalemii

tokkumma'aan ilillisaa faarsa'a.

10 Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa mara duratti

irree ifii woyyittii hin mudhisa.

Worri qaccee biyya lafaa jiranu duudiin

fayyisiisa Waaqa keennaa hin dhaggan.

11 Isin worri meya Mootii Waan Maraa ba'attanu,

adda baya'a; adda baya'aa;

achi keessaa baya'a;

waan battii hin tuqina'a;

achi keessaa baya'aatii,

ifi qulqulleessa'a.

12 Te'uu malee, ariiti'iin hin baatanu

yookiin baqattanee hin deentanu;

Mootiin Waan Maraa isiniin dura hin deema;

Waaqi Israa'elii duuballe'een isin hin eega.

Tajaajilaa Rakkatu

13 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, tajaajilaan kiyya qarumma'aan huja;

inni hin saadama;

ol ol hin qabama;

hin jajama.

14 Te'uu malee akki tajaajilaa kiyyaa

nama irraa adda te'ee,

waan gara dhabeef,

namooti hedduun baaseffatane.

15 Maarre inni gosa biyya adda addaa hedduu hin baaseffachiisa;

sababa isaatiif moototi afaan hin qabatti;

waan dur itti hin himamin hin dhaggiti;

waan hin dhage'in hin hubatti» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-