Publicidade

Isaías 50

1 Mootiin Waan Maraa, «Barreeffam ani ittiin

haadha teessan lakkise meet ree?

Yookiin nama liqaa na irraa qabu keessaa

ani eennutti isin itti gurguradhe?

Isin cubbuu teessaniif gurgurantane;

haati teessanille yakkaa teessaniif lakkifante.

2 Ani yennaa dhufe maaf

nama tokkolle achii dhabe?

Yennaa waamelle maaf nama owwaatu dhabe?

Harki kiyya gabaabbatee isin wodiisa dadhabee?

Yookiin hunna ittiin isin fayyisu dhabee?

Ani xixicha kiyyaan abbaayaa hin gossa;

lagoota goomolee hin godha;

qurxummiin achi keessaa bisaan dhaddee

dhumattee, hin ajootti.

3 Ani gubbaa dukkaneessee,

akka woyaa gaddaa hin gurraachessa» jedhe.

Ajajamiisa Tajaajilaa Mootii Waan Maraa

4 Ani worra dadhaba'atti dubbadhee

akka isaan jajjabeessuuf,

Goottaan Mootiin Waan Maraa

dandeettii barsiisiisaa naa kenneera.

Inni ganama ganama na dammassa,

akka nama baratiisatti jiruu

akka dhage'u gurra kiyya naaf hin bana.

5 Goottaan Mootiin Waan Maraa gurra kiyya baneera;

ani ajajamuu didadhee,

isa irraa gara duubaa hin deebine.

6 Ani dudda kiyya worra na dikutti,

boqoo tiyyalle worra areeda kiyya

buqqisu dura qabe;

fuula kiyya worra natti murguu fi natti tufu hin dhoffanne.

7 Goottaan Mootiin Waan Maraa

waan na qarqaaruuf ani hin qaanowu.

Tanaaf, ani fuula kiyya akka dhakaa qara qabuu hin godha;

ani akka hin qaanonnelle hin beeka.

8 Akka ani yakkaa hin qanne ka mudhisu, na bira jira;

eentu na himatuu dande'a ree?

Yoo jiraate

wolitti dhikaannee woli himannuu ti!

Ka na himatu dhikaatuu ti.

9 Ka na qarqaaru Goottaan Mootii Waan Maraa ti;

ka natti muru eennu ree?

Isaan marti akka woya'aa hin dullooman;

qu'een isaan hin nyaatti.

10 Isin keessaa ka Mootii Waan Maraa sodaatuu fi

jecha tajaajilaa isaatiif ka ajajamu eennu?

Ka ifa hin qanne,

ka dukkana keessa deddeebi'u

Mootii Waan Maraatitti addatuu ti;

Waaqa ifiille'etti irkatuu ti.

11 Amma ammoo, isin worri ibidda gabbittanuu fi

worri xassaa qassittanu marti,

ifa ibidda gabbittaneetii

fi ifa xassaa qassiittane san keessa deema'a.

Isin farra keessa hin buutan;

tun ta isin harka kiyya keessaa fudhattanu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_10-32-54-