Publicidade

Isaías 38

Hisqiyaas Dhibamee Fayye

1 Bara san mootichi Hisqiyaas guddoo dhibamee du'uu geyeeraayyu; Isaayaasiin raagichi ilmi Amosii gara isaa dhaqee, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ati hin duuta malee, dhibee teeti irraa waan hin fayyineef, waan mara midhaaffadhu› siin jedha» jedheen.

2 Achiin duuba Hisqiyaas fuula ifii gara dhaaba manaa garagalee Mootii Waan Maraa daadimatee,

3 «Ee Mootii Waan Maraa, ani addatamumma'aa fi gadhaa tokkochaan si tajaajilee, yennaa mara waan si duratti dansaa te'e akka huje qaabadhu» jedhee laaleffatee bowe. 4 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Isaayaasii dhufee, 5 «Dhaqiitii Hisqiyaasiin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi abbaa keeti Daawitii daadimata keeti dhage'eera; imimmaan teetille dhaggeera; ani bara jiruu teetii irratti woggaa kudhanii shan hin ede'a. 6 Ani si'ii fi qachaa Yerusaalemii kana harka mootii Asoorii jalaa hin baasa; ani qachaa kanalle hin eega› jedhi» jedheen.

7 Isaayaas deebisee, «Mootiin Waan Maraa waadaa si'iif gale kana akka muummessuuf, beessisi inni si'iif kennu kana: 8 Inni, ‹Kunoo, gaaddisa adu'uun yaabbannoo Ahaazii irratti gad gale kana, tarkaaffii kudhan gara duubaa akka deebi'u hin godha› jedheera» jedhe. Maarre gaaddis tarkaaffii kudhan gara duubaa deebi'e.

9 Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dhibee ifii irraa fayyeen duuba, waan asii gad jiru barreesse:

10 Ani, «Wodhakkaa bara jiruu tiyyaatitti

gara karra addee worri du'e jiruu dhaqaa ree?

Barri kiyya ka hafelle na irraa saamamaa ree?

11 Ani deebi'ee lafa worra jiraata'aatitti

Mootii Waan Maraa,

biyya lafaa irralle'etti namoota hin dhaggu.

12 Akkuma dunkaaniin tissitootaa buqqaatu,

barri jiruu tiyyaa na irraa hin fudhatama;

akkuma worri woyaa dhowu woyaa maru,

akkasuma jiruun tiyya hin maranti;

akkuma nami woyaa dhowu

waan woyaa dhowee itti maru

irraa woyaa muru,

jiruun tiyyalle,

guyyaa tokko keessatti hin muranti.

13 Ani haga latti bariitutti qarqaarsa dhaggatiisaaf iyya;

inni ammoo akka neenqaa lafee tiyya mara caccassa;

guyyaa tokko keessatti jiruu tiyya mura.

14 Ani akka sinbirree doogo'oo iyya;

akka saphaliisaalle aada;

ilti tiyya gara ol-gubba'aa ilaaliisaan dadhaddeerti.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani rakkadheera,

na qarqaar.

15 Eega inni natti dubbatee,

tana godhe ani ammoo maan jedha ree?

Jiruun tiyya waan natti hadhootteef

bara jiruu tiyyaa mara

gad ifi qabee tiradha.

16 Ee Mootii Waan Maraa,

kolbaan jecha keetii fi waan ati gootuun leeti;

ayyaanni kiyyalle tanaan jiruu dhaggata;

ati na fayyittee, akka le'u na goote.

17 Dhugumaan wonni ani rakkadhee farreef,

bu'aa tiyyaaf.

Ati boolla badi'ii irraa na eedde;

cubbuu tiyya mara naaf lakkitte.

18 Qileen si hin galateeffattu;

duuti si hin leellifattu;

worri du'e addatamummaa teetitti addii hin godhatu.

19 Akkuma ani si leellifadhu,

worri jiru'uun jiru si leellifatan;

addatamummaa teeti

abbootiin ijoollee ifiititti hin himan.

20 «Mootiin Waan Maraa na hin fayyisa;

tanaaf bara jiruu teennaa mara

meya faaru'uutiin

Galma Mootii Waan Maraa keessatti faarfanna» jedhe.

21 Isaayaas, «Midhaan harru'uu irraa xaltaa huja'aatii,

iita Hisqiyaasii irra keya'a; innille hin fayya» jedheeraayyu.

22 Hisqiyaasille, «Ani gara Galma Mootii Waan Maraa

akka ol bayu beessisi maan?» jedhee gaafateeraayyu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-