Publicidade

Força

Por Bíblia Online

O Senhor é a nossa força. A Bíblia está repleta de promessas para os que se sentem fracos, cansados ou sobrecarregados. Deus fortalece, sustenta e renova os que confiam nele.

O Senhor é minha força

O Senhor é minha força e meu escudo; nele meu coração confia. Ele é a fortaleza da minha vida — de quem me recearei?

Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;

wontee tiyyalle'e;

ani isatti addadha.

Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,

ani faaru'uun isa hin galateessa.

Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;

wontee tiyyalle'e;

ani isatti addadha.

Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,

ani faaru'uun isa hin galateessa.

Mootiin Waan Maraa jabeenna kiyya;

wontee tiyyalle'e;

ani isatti addadha.

Inni waan na qarqaaree na gammachiiseef,

ani faaru'uun isa hin galateessa.

Mootiin Waan Maraa

kolbaa ifiitiif jabeenna isaanii ti;

ka ifii muudeef kushee fayyinnaa ti.

Mootiin Waan Maraa ifa kiyyaa fi fayyinna kiyya;

ani eennu sodaadha ree?

Mootiin Waan Maraa kushee jiruu tiyyaa ti;

eentu na sodaachisa ree?

Lafa worra jiraata'aa keessatti

dansummaa Mootii Waan Maraa

akka dhaggu hin addadha.

Mootii Waan Maraa eegadhu;

jabaadhu; addii hin kutatin;

Mootii Waan Maraa eegadhu.

Mootii Waan Maraa eegadhu;

jabaadhu; addii hin kutatin;

Mootii Waan Maraa eegadhu.

Mootiin Waan Maraa

jabeenna kiyyaa fi faaruu tiyya;

inni fayyinna kiyya te'eera.

Ee Mootii Waan Maraa, ati jabeenna kiyya;

ani si jaaladha.

Mootiin Waan Maraa rassaa kiyya,

waan itti golladhu;

ka na baasulle'e.

Waaqi kiyya rassaa kiyya ka ani itti baqadhu;

inni wontee tiyya;

ka akka gaafaa woy na irraa dhooggu;

inni waan ani itti golladhu.

Qarqaarsa keetiin ani loltoota hin lola;

qarqaarsa Waaqaatiin

dalleya gubba'aan utaaluu dande'a.

Waaqa malee Mootiin Waan Maraa eennu?

Waaqa keenna malee rassaan eennu?

Renovar as forças

Os que esperam no Senhor renovam as forças. Sobem com asas como águias, correm e não se cansam, caminham e não se fatigam.

Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa'aa koolaan hin ka'an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa'aa koolaan hin ka'an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,

hunna ifii hin haareffatan.

Isaan akka risa'aa koolaan hin ka'an;

hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.

Inni worra laafeef

jabeenna hin kenna;

worra dadhabeef hunna hin ede'a.

Inni worra laafeef

jabeenna hin kenna;

worra dadhabeef hunna hin ede'a.

Inni worra laafeef

jabeenna hin kenna;

worra dadhabeef hunna hin ede'a.

Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!

Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin!

Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;

harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.

Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!

Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin!

Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;

harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.

Ani si woliin waan jiruuf hin sodaatin!

Ani Waaqa keeti waan te'eef hin rifatin!

Ani si hin jabeessa; si hin qarqaara;

harka kiyya middicha balchichaan ol si hin qaba.

Worri hiyyeeyyi'ii fi worri rakkataan,

bisaan hin barbaadatan;

ammoo hin dhaggatanu;

arrabi isaanii dheebu'uun gogeera.

Ani Mootiin Waan Maraa ammoo

daadimata isaaniitiif deebii hin kenna;

ani Waaqi Israa'elii isaan hin lakkisu.

Ati hiyyeessaaf addee itti baqatu,

rakkata'aaf yennaa rakkinnaa addee itti baqatu,

yennaa bokkeya bubbe'ee addee jalatti qophatanu,

yennaa o'a adu'uulle gaaddisa teeteertaaf.

Wonni afaan worra gadhaa jabaatuu keessaa bayu,

akka bokkeya bubbe'ee

ka dhaaba manaa dhowuutii fi

Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru,

mata'atti addee daadhaa firfirfatanu

marata dansaa akka ani itti maru

addee bowanu,

zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu,

addee ayyaana gaddaa,

woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf,

na ergeera.

Isaan, «Qilxaa balchumma'aa,

ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.

Tudo posso em Cristo

Tudo posso naquele que me fortalece. Deus dá poder ao cansado e multiplica as forças dos que não têm vigor.

Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.

Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.

Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.

Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi'ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.

Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada. Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te'utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada.

Inni ammoo, «Hunni tiyya mijuu teetee ka mudhattu yennaa ati dadhabaa teete waan teeteef, badhaadhi kiyya si hin geya» anaan jedhe. Tanaaf hunni Kiristoosii akka ana irra jiraattu, ka durii caalaa dadhabbii tiyyaan gammadaa ifi jajiisa barbaada. Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te'utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada.

Ani hunna ka dhaggadhu dadhabaa yennaa te'utti waan teeteef Kiristoosiif yennaa dadhabu, yennaa arraffamu, yennaa rakkadhu, yennaa miidhamu fi yennaa yaaddawu hin gammada.

Mey woraanaa keennalle ka kushee diigiisaaf dandeessisu, ka hunna Waaqaa qabu malee, meya woraanaa ka biyya lafaatii moti.

Nuuti dandeettii teennaan tana goona waan jennu takkaalle hin qannu; dandeettiin teenna Waaqa irraa dhutti.

Força do Espírito

Recebereis poder ao descer sobre vós o Espírito Santo. O Espírito nos fortalece com poder no homem interior.

ammoo yennaa Ayyaanni Woyyichi isin irratti bu'u, hunna hin dhaggattan; yennaa san Yerusaalemitti, lafa Yihuda'aa duudi'itti, Samaariya'aa fi biyya lafaa duudi'itti dhugaa bayoota tiyya hin teetan» jedhe.

Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale.

Durummaa ulfinna isaatiin keessi keessan karaa Ayyaana isaatiin akka jajjabaatu hunna akka isiniif kennu daadimadha.

Yoona, Gootta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a.

Yoona, Gootta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a.

Yoona, Gootta'aa fi hunna isaa jaddu'uun jabaadha'a.

Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande'uuf, Karaa wolde'a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te'u! Ameen.

Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti.

Ayyaanni Waaqi nu'uuf kenne ka hunnaa, ka jaalalaatii fi ka ifi qabatu'uuti malee, Ayyaana soda'aatii moti.

Yoo ittuma ossine

isa woliin hin moona.

Yoo isa mormanne,

innille nu hin mormata.

Coragem e perseverança

Sê forte e corajoso! O Senhor teu Deus é contigo por onde quer que andares. Não desanime, porque a alegria do Senhor é a vossa força.

Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille'e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.

Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, ‹Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille'e!› jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.

Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin woliin waan jiruuf, jabaadha'a; jajjabaadha'a; isaan hin sodaatina'a yookiin hin bararaqina'a; inni isin hin lakkisu yookiin isin hin gatu» jedhe.

Akka isin injifattanu, diinota keessan isinii loliisaaf, ka isin woliin deemu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhuu ti.

Akka isin injifattanu, diinota keessan isinii loliisaaf, ka isin woliin deemu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan» jedhuu ti.

Nahimiyaan, «Dhaqa'aatii sagalee filante nyaadha'a; untoo mi'oottuulle una'a! Worra hin qannelle'eef irraa qooda'a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te'eef, hin gaddina'a!» jedhe.

Isa woliin loltoota namaatitti jira; nu woliin ammoo nu qarqaariisaa fi nu'uuf loliisaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti jira» jedhe. Kolbaalle dubbii mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dubbatteen jajjabaatte.

Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha'a, hin dadhabina'a» jedhe.

Achiin duuba Daawiti ilma ifii Solomooniin, «Jabaadhu, jajjabaadhuutii huji. Waaqi kiyya, Mootiin Waan Maraa Waaqi si woliin waan jiruuf, hin sodaatin, hin nayinille'e. Haga hujiin Galma Waaqaa tun hobbaatutti inni si hin lakkisu yookiin si hin gatu.

Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda'a; hunnaamessalle'e. Ulfinni, baalli'ii fi arnyi keeti. Wonni ol-gubba'aa fi lafa irra jirtu marti teeti; ati mooticha waan maraan olii ti.

Mootii Waan Maraatii fi

hunna isaa barbaada'a;

Yennaa mara fuula isaa barbaadadha'a!

Fortalecidos na Palavra

A Palavra de Deus é viva e eficaz. Ela nos fortalece, nos guia e nos equipará para toda boa obra.

Jechi Waaqaa jiraata'aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.

Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a.

Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a.

Dammaqa'a; dhugeeffanna'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a; jajjabaadha'aa, jabaadha'a.

Haasonni kiyyaa fi lallabi kiyya ayyaanaa fi hunna Waaqaa mudhisiisaan malee, jechoota qarummaa namaatiinii moti. Dhugeeffannaan teessan qarummaa namaa irratti adoo hin te'in hunna Waaqaa irratti ta hundootte akka teetuuf ani tana godhe.

Ergaan fannifamuu Kiristoosii worra baduuf gowwumma'a; nu worra fayyuuf ammoo hunna Waaqaa ti.

Ergaan fannifamuu Kiristoosii worra baduuf gowwumma'a; nu worra fayyuuf ammoo hunna Waaqaa ti.

Promessas de força

Quando estou fraco, o Senhor me sustenta. Ele restaura minha alma, fortalece meu coração e guia meus passos.

Mootiin Waan Maraa

karaa namaatitti yennaa gammade,

karaa isaaf akeekee, ijjata isaa jabeessa.

Mootiin Waan Maraa harka ifiitiin isa waan qabuuf,

yoo gufatelle hin jigu.

Mootiin Waan Maraa balchoolee hin baasa;

yennaa rakkinnaa addeen isaan itti baqatanu isa.

Mootiin Waan Maraa

worra guddoo gaddeeruuf dhikoo jira;

inni worra addii kutateeru hin baasa.

Mootiin Waan Maraa

jiruu tajaajiltoota ifii hin woda;

worra gara isaa baqatu keessaa

tokkolle'etti yakkaan itti hin murantu.

Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti,

jabaadha'a; jajjabaadha'a.

Isaan shallaagaa ifiitiin lafa san hin qabanne;

isaan hunna ifiitiin hin injifanne;

ati waan isaan jaalatteef,

harki keeti middichi, irreen teetii fi

ifi fuula keetii tana isaaniif kenne.

Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya,

addee ani itti baqadhulle waan teeteef,

marroo jabeenna keetiitii fi

marroo jaalala keeti ka bara baraa

ganama mara hin faarfadha.

Ee Waaqa, ati gollaa kiyya,

Waaqa na jaalatu,

ee jabeenna kiyya,

faaruu leellisaa sii dhikeessa.

Ee Waaqa, dargaggummaa tiyyaa jalqaddee,

ati na barsiitteerta;

ani haga ammaa hujii teeti ta maade'ee odeessa.

Hunna teeti dhaloota dhufuuf,

hujii teeti ta maade'ee worra dhufu'uu jiru maraaf,

haga odeessutti

ani dulloomee arrii baasulle,

Ee Waaqa, na hin lakkisin.

Ati rakkoo heddu'uu fi

farra akka dhaggu na gootulle,

ati ammalle jiruu tiyya adde'etti deebittee,

qilee lafa jalaa keessaa ol na hin baatta.

Ati ulfinna kiyya itti edeeta;

ammalle deebittee na hin jajjabeessita.

Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande'an;

Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi

qooda kiyya ka bara baraa ti.

Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande'an;

Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi

qooda kiyya ka bara baraa ti.

Foon kiyyaa fi keessi kiyya dadhabuu dande'an;

Waaqi ammoo jabeenna kiyyaa fi

qooda kiyya ka bara baraa ti.

Perseverança e vitória

Se Deus é por nós, quem será contra nós? A Palavra da cruz é poder de Deus para os que são salvos.

Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande'a?

Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa'aaf akka isaanii godhu hin beenna.

Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu.

Worri gara gaara Xiyoonii deemiisaaf,

gadhaa ifii keessatti dharra'ee,

hunna si biraa dhaggatu ka gammade.

Isaan akkuma deemanuun jabeenna ede'atan;

Waaqa Xiyoon keessaa dura hin dhikaatan.

Yennaa yaaddoon gadhaa kiyyatti bacattu,

ati na jajjabeessitee lubbuu tiyya gammachiitta.

Lubbuun tiyya gaddaan dadhaddeerti;

akka jecha keetiititti na jabeessi.

Waadaan keeti

jiruu waan naa kenneef,

rakkinna kiyya keessatti

jajjabeenni kiyya kana.

Ani rakkinna keessa yoo ideemelle,

ati jiruu tiyya hin eedda;

ati harka keeti diriirsitee,

mufii diinota kiyyaa mormita;

harka keeti middichaan na hin baacha.

Yennaa ani addii kutatiisa geyeeru,

gara ani ideemaaru ati hin beetta.

Daandii ani irra ideemu keessa,

isaan fonxoroo naaf dhossaneeran.

Worri gariin

garreettaa lolaa ka fardaan harkifamu ifiititti,

worri gariin fardoo ifiititti addata;

nuuti ammoo

maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatitti addanna.

Ee Mootii Waan Maraa,

mootichi jabeenna keetiin gammada;

injifachaa ati isaa kenniteen,

gammadi isaa attam attam gudda'a!

Diinota keeti loliisaaf,

nyaaphotaa fi worra haluu bayu cadhi godhiisaaf,

afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan harma hootuutiin,

hunna qopheessite.

Em todo tempo

O Senhor fortalece de manhã à noite, do berço à velhice. Nenhum obstáculo é grande demais quando Deus é nossa força.

Mootiin Waan Maraa Waaqi hunna tiyya.

Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa;

gaara irralle akka deemu na hin godha.

Sooressitoota faarsitootaatiif: Meya ribu'uutiin ta faarfatantu.

«Ee Goottaa, Mootii Waan Maraa! Ati jabeenna keeti gudda'aa fi irree teeti hunnaametti'iin lafaa fi ol-gubbaa daddeerta; wonni ati hin dandeenne takkaalle hin jirtu.

Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara dande'u, «kolbaan jecha akkasii waan dubbatteef anaan, ‹Inni womaa nu hin godhu› waan jetteef, ani jecha kiyya afaan keeti keessatti akka ibiddaa, kolbaa tanalle akka qoraanii hin godha; ibiddille isaan hin fixa.

Ani kolbaa tiyya hin jajjabeessa.

Isaanille jecha kiyyaaf hin ajajaman» jedha.

Jechi Mootii Waan Maraa ka ergamaan Waaqaa akka ani Zarubaabelitti himuuf natti hime kana: «Ayyaana kiyyaan malee hunnaa fi jabeennaanii moti.

«Isin worri ba'aa ulfaattuu ba'atee dadhabe marti, gara kiyya kowa'a, ani isin foorfachiisa.

Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande'antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande'anti» jedhe.

Ayyaana Abbaa keessan ka ol-gubba'aatitti isin keessa jiraatee dubbata malee, isinii moti.

Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti'iin, qalbii teeti takkatti'iin, hunna teeti takkatti'iin› jaaladhu.

Namooti marti ilmaanii fi durri isaanii waan booji'amaneef, gaddanee aaranee, Daawiti dhaka'aan tumiisaaf waan mari'ataneef inni guddoo yaadaan rakkate. Garuu Daawiti Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiin ifi jajjabeesse.

Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan.

Waaqi haga bara baraa isa hin gatu.

Inni nama gaddisiisulle,

akka jaalala ifii ka bara baraa gudda'aatitti marartii qaba.

Inni nama rakkisu'uu fi gaddisiisu'utti hin gammadu.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-