Generosidade
A generosidade é marca do caráter de Deus e vocação do cristão. Deus ama ao que dá com alegria. Quem semeia generosamente, generosamente colherá.
Dar com alegria
Deus ama ao que dá com alegria. Cada um contribua segundo propôs no coração — não com tristeza ou por necessidade.
Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin.
«Ka diqqoo facaase diqqoo galfata; ka hedduu facaase hedduu galfata» yaada jedhu qaabadha’a. Tanaaf Waaqi nama gammadaan kennu waan jaalatuuf, nami tokko tokkonuu waan gadhaa ifiitiin kenniisaaf barbaade gammadaan kennuuti malee, gaabbaa yookiin hunnaan hin kennin. Yennaa mara waan isinii barbaachisu maraa ifii qabaattanee, hujii dansa’aafille ka geyee hafu akka qaabattanu Waaqi badhaadha ifii bira dabarsee isinii kennuu hin dande’a. Kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
«Worra hiyyeeyyi’iif arjoomaan kenne;
balchummaan isaalle haga bara baraa jiraatti» jedhu.
Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa. Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa. Tajaajilli keessan kun dhidhuu kolbaa Waaqaa guutiisa qofa adoo hin te’in, akka galata guddaa Waaqaaf dhikeessanu godha.
Waaqi ka facaasuuf sanyii, ka nyaatuuf sagalee kennu, sanyii facaattanu mara isinii kennee akka guddattu hin godha; midhaan arjummaa teessaniille hin fakkansa.
Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa.
Nami tokko kenniisaaf quxiquxama yoo qabaate, kennansi isaa fudhatama ka qabaatu, haga qabutti yoo kenne malee, haga hin qanne yoo kennee moti.
Partilhar e abençoar
Quem dá aos pobres empresta ao Senhor. A generosidade abre portas de bênção sobre quem dá e sobre quem recebe.
Nami arjaan hin durooma;
nami dheebuu nama baasulle
ifille’eef dheebuu hin baya.
Nami gariin toluma karra ifii namaaf kenna;
ammoo irra caalaa duroomaa deema;
nami gariin akka malee donnooma;
ammoo hiyyoommataatuma deema.
Nami arjaan hin durooma;
nami dheebuu nama baasulle
ifille’eef dheebuu hin baya.
Qabeenna keetiin,
midhaan keeti mara keessaa mataa kenniisaan,
Mootii Waan Maraatiif ulfinna kenni.
Achiin duuba gootaraan keeti
midhaaniin hin guutama;
daadhiin teeti waabaa guutantee irra hin danbalaati.
Worra wonni dansaan malteef,
waan dansaa godhiisaaf adoo dandeettuu,
waan dansaan godhiisa hin lakkisin.
Hiyyeessa rakkatee iyyuuf nami hin dhageenne,
innille rakkattee yennaa iyyu,
nama isa qarqaaru hin dhaggatu.
Mana kiyya keessa sagaleen akka jiraattuuf kudhan keessaa tokko guutumatti gootaraa kiyyatti galcha’a! Ani foddaa ol-gubba’aa banee, eebba irraan dhangala’u yoo gad isiniif jissuu dhabaadhe na ilaala’a!
Worri hiyyeeyyiin yoomille lafa irraa hin dhabamu. Tanaaf, ani obboleeyyan teeti Israa’elootaaf, worra hiyyeeyyi’ii fi worra rakkataa lafa teeti keessaatiif akka kennitu si ajaja.
O ensino de Jesus
Dai e dar-se-vos-á. A quem te pedir, dá. O que fizestes a um destes mais pequeninos, a mim o fizestes.
Namaaf kenna’a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa’aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi’iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.
Namaaf kenna’a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa’aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi’iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.
Nama si kadhatu maraaf kenni, nami tokko yoo waan keeti fudhate, akka inni si’iif deebisu hin gaafatin.
Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffatiisaaf barbaadu hin dhooggatin» jedhe.
«Hiyyeeyyi’iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina’a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin. Maarre arjoom keeti dhossa’aan te’uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa’aan tolchitu dhaggu, gatii si’iif hin kenna.
Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.
Generosidade de Deus
Se Deus dá sabedoria generosamente a quem pede, quanto mais nos dará Ele forças e suprimento em toda necessidade?
Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma’aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.
Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane, isin keessaa nami tokko, waan le’ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema’a, hin boojjatina’a, quufa’a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati? Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute.
Inni worra laafeef
jabeenna hin kenna;
worra dadhabeef hunna hin ede’a.
Nama arjaa, liqaa namaaf kennu
wonni dansaan isaaf hin teeti.