Publicidade

Graça

Por Bíblia Online

A graça de Deus é favor imerecido. Pela graça somos salvos, pela graça vivemos, pela graça somos sustentados. É o dom mais precioso de Deus — dado a quem não merece.

Salvos pela graça

Pela graça sois salvos, mediante a fé, e isto não vem de vós — é dom de Deus. Não por obras, para que ninguém se glorie.

Isin badhaadha Waaqaatiin karaa dhugeeffanna'aatiin fayyitane malee, hujii teessaniinii moti; isiin tun kennaa Waaqaa ti. Akka nami tokkolle ittiin ifi hin jajne, huji'iinii moti.

Waaqi mararti'iin dureessaa ammoo, jaalala guddaa nu jaalate irraa ka ka'e, yakkaa teennaan yennaa nuuti duuneerruuyyuu, inni Kiristoosiin gara jiru'uu nu fide. Isin badhaadha Waaqaatiin fayyitaneertan.

Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera. Ammoo karaa wodoo te'iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera.

Ammoo kennaan badhaadha Waaqaa akka cubbuu namaatii moti; akkuma sababa cubbuu nama tokkochaatiif worri hedduun du'e, sababa badhaadha Waaqaatii fi sababa Yesuus Kiristoosii nama tokkochaatiif, kennansi badhaadhaa worra heddu'uuf danbalaafamee kennameera.

Maarre, akkuma cubbuun karaa du'aatiin moote, badhaadhi Waaqaalle karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, gara jiruu bara baraa nu geessiisaan balchumma'aan mowa.

Graça que capacita

A graça me basta, pois o poder se aperfeiçoa na fraqueza. Na graça, não estamos mais sob a lei, mas sob o favor de Deus.

Isin badhaadha Waaqaa jala jirtan malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuun isin irratti hin goottontu.

Yoona maan jenna ree? Nuuti badhaadha Waaqaa jala malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuu hunyuu ree? Ijjumaa waawwo'o!

Waaqi waan nuuti gooneef adoo hin te'in, fedhaa fi badhaadha ifiitiin nu fayyisee akka kolbaa isaa teenu nu waame. Badhaadhi kun bara heddu'uun dura karaa Kiristoosiitiin nu'uuf kenname.

Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa.

Tanaaf, waan gootanuuf qalbii teessan qopheessa'a; worra ifi qabatu te'a'a; addii teessan guutuma guutu'utti badhaadha yennaa Yesuus Kiristoos mudhatu isiniif kennamutti godhadha'a.

Yennaa diqqoo rakkattaneen duuba ammoo, Waaqi abbaan badhaadha duudi'ii, ka karaa Kiristoosiitiin ulfinna isaa ka bara baraa akka qoodantanuuf isin waame, inninuu akka duriititti isin deebisee, isin utubee, isin jabeessee hin hundeessa.

A graça de Deus

O Senhor é compassivo e gracioso, tardio em irar-se e grande em amor. Sua graça é nova a cada manhã.

Mootiin Waan Maraa

mararti'ii fi araaraan ka guutame,

ka aari'iif hin ariifannee fi ka jaalala guddaa qabu.

Dhugumaan, bara jiruu tiyyaa mara,

dansummaan teetii fi

marartiin teeti na gula deeman;

bara le'ii tiyyaa mara

mana Mootii Waan Maraa keessa hin le'a.

Goottaa Waaqa keenna,

ila dansa'aan nu ilaali;

hujii harka keennaalle nuu milkeessi;

ee, nuu milkeessi.

Ee Mootii Waan Maan Maraa,

ani qilee keessaa gara keeti iyya;

Ee Gootta'a, qoonqoo tiyya naaf dhage'i!

Gurri keeti gara iyya tiyyaa caqasuu ti.

« ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!

« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!

« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.

Mootiin Waan Maraa ammalle isin marariisaaf hin ossata; inni isiniif nayiisaaf hin ka'a; Mootiin Waan Maraa Waaqa haqaa ti; tanaaf worri isatti addatu duudiin gammaduu ti.

Viver pela graça

A graça de nosso Senhor Jesus Cristo esteja convosco. Perdoando e confessando, experimentamos a graça restauradora.

Badhaadhi Goottaa Yesuusii, kolbaa Waaqaa woliin jiraatu. Ameen!

Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.

Yoona yennaa qarqaarsi nu'uuf barbaachisetti akka marartii fudhannuu fi badhaadha dhaggannu, kowaa gara badhaadhi itti dhaggamu, gara barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa sodaa malee dhikaannaa.

Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.

Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.

«Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama.

Nami cubbuu ifii dhoffatu,

hin milkowu;

nami cubbuu ifii faaci'atuu fi ka isii lakkisu ammoo

marartii hin dhaggata.

Hisqiyaas Jila Irra Dabaramaa Jilifate

Hisqiyaas kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase'eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanuuf waame. Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji'a lammeesso'oo keessa jilifatiisaaf wolii galane. Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te'iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna'atti jilifatiisaaf hin dandeenne. Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane. Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa'elii mara keessaa, Bersheeba'aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanu murteeffatane. Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessa deemane.

Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa'elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii deebi'a'a; innille gara keessan gara worra lubbu'uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi'a. Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te'ina'a; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe. Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama'a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina'a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa'a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila'a! Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja'aa fi mararaa waan te'eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji'e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi'anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha.

Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase'ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi'ii fi murgo'oon itti kollane. Te'uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase'eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane. Biyya Yihuda'aa keessalle'etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare.

Jilti Irra Dabaramaa Jilifante

Ji'a lammeesso'ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante. Isaan addee ciinca'aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane. Isaan ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane. Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe. Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu waan hin te'iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane. Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase'ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram! Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe. Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage'e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne. Lewwootii fi hayyooti meya faaru'uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya'aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda'aan faarfataa, kolbaan Israa'elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane. Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte. Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane. Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'e'ee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi woyyoonsane. Gumiin Yihuda'aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa'el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa'el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane. Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa'elii duudii irratti mootii te'ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te'e. Hayyootii fi Lewwooti ka'anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubba'aa irraa daadimata isaanii dhage'e.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-