Publicidade

Apocalipse 15

Ergantoota Waaqaa Torbaa Fi Balaa Torba

1 Achiin duuba beessisa gudda'aa fi kancira te'e tokkolle ol-gubba'atti dhagge. Ergantoota Waaqaa ta balaa muumme'ee torba qabatteertu dhagge; mufiin Waaqaa isaaniin waan muummottuuf, ka muumme'ee jedhamane.

2 Ammalle waan ibiddaan makameeru ka abbaayaa daaw'iti'ii fakkaatu tokko dhagge; worra bineensa, fakki'ii fi laakkossa maqaa isaa injifateerulle, cinaa abbaayaa sanii dhaabbataneeranuun dhagge. Isaanille kiraara guddicha Waaqa biraa kenname qabatanee, 3 faaruu garbicha Waaqaa ka Muuse'eetii fi Ka Hoolichaa faarfatanee,

«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu,

hujiin teeti guddo'oo fi baasa!

Ati mootii gosa biyya adda addaa,

karaan keeti qajeela'aa fi dhuga'a!

4 Gootta'a! Nami si hin sodaanne,

ka maqaa keetille hin guddinne eennu?

Si calla'attuu woyyicha;

hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef,

gosi biyya adda addaa mara dhufee,

si'iif hin sagada» jedhane.

5 Kanaan duuballe'etti waan dhibii dhagge. Galmi Waaqaa ka ol-gubba'aa, ka dunkaanii dhugaa bayaa jedhamu baname; 6 ergantooti Waaqaa ta balaa torba qabatteertu, Galma Waaqaa keessaa gadi bayane; isaan woyaa quncee talba'aa irraa hujante, adii calalaxxu uffatanee qoma ifiille hidhata worqi'iitiin hidhataneeran. 7 Achiin duuba dada lubbuu qaddu afur keessaa tokkochi, qorii worqi'ii torba ta mufii Waaqa bara baraa haga bara baraa jiraatuutiin guutanteertu, ergantoota Waaqaa torba sanii kenne. 8 Galmi Waaqaa sunille aara ulfinnaa fi hunna Waaqaatiin guutame; haga balaan torba ka ergantoota Waaqaa torbaa muummottutti, eennulle gara Galma Waaqaa seeniisaaf hin dandeenne.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-