Gratidão
A gratidão é a resposta natural do coração que reconhece as bênçãos de Deus. A Bíblia transborda de exortações a dar graças — em tudo, por tudo, sempre e com todo o coração.
Dai graças em tudo
Em tudo dai graças, porque esta é a vontade de Deus em Cristo Jesus para convosco. A gratidão é mandamento, não opção.
waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha’a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.
waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha’a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.
Yennaa mara gammada’a; yennaa mara daadimadha’a; waan maraa keessatti Waaqa galateeffadha’a. Jiruu isin Yesuus Kiristoosiin qaddanu keessatti wonni Waaqi isin irraa barbaadu kana.
Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji’iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha’a.
Karaa Yesuusiitiin Waaqa Abbaa galateeffataa, jechaan yookiin huji’iin waan gootanu mara maqaa Goottaa Yesuusiitiin godha’a.
Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a.
Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a.
Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.
Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha’a.
Waaqa jabaattanee galateeffatiisaan, adoo addaan hin kutin daadimadha’a.
Gratidão como louvor
Entrai pelas portas com ação de graças e nos átrios com louvor. A gratidão é o perfume do louvor que sobe a Deus.
Galateeffataa gara karra isaa,
leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena’a;
isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa’a.
Kolbaan lafa irraa marti,
Mootii Waan Maraatiif ilillisa’a.
Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila’a;
gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha’a.
Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te’e beeka’a;
ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti;
nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu.
Galateeffataa gara karra isaa,
leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena’a;
isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa’a.
Mootiin Waan Maraa dansaa waan te’eef,
jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa,
addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti.
Galataan fuula isaa dura dhikaannuu ti;
faaruu leellisaatiin ilillinnuu ti.
Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun
Ee Waaqa Ol Aana’a,
maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa’a.
Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,
addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,
Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun
Ee Waaqa Ol Aana’a,
maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa’a.
Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,
addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,
Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;
itti gammannee firinxiindhuu ti.
Ati Waaqa kiyya; ani si galateeffadha;
ati Waaqa kiyya; ani si saadadha.
Inni dansaa waan te’eef,
jaalala isaa ka bara baraatiif
Mootii Waan Maraa galateessa’a.
Nami ciincaa galataa naaf dhikeessu na ulfeessa;
nama karaa qajeelaa deemuuf,
fayyisiisa kiyya itti mudhisa» jedha.
Reconhecer a Deus
Rendei graças ao Senhor porque Ele é bom. Sua misericórdia dura para sempre. Cada bênção é motivo de gratidão.
Mootiin Waan Maraa dansaa waan te’eef,
inni haga bara baraa kolbaa waan jaalatuuf,
isa galateeffadha’a.
Ciincaa galataa dhikeessanuu ti;
faaruu gammadaatiin hujii isaa odeessanuu ti.
Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te’eef,
isa galateeffadha’a;
jaalalli isa ka bara baraa ti.
Maganne’e, Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te’eef,
jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te’eef,
isa galateessa’a.
Maganne’e, Mootiin Waan Maraa
dansaa waan te’eef,
jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te’eef,
isa galateessa’a.
Mootii Waan Maraa galateeffadha’a;
maqaa isaa waammadha’a;
Waan inni godhelle
odduu gosa biyya adda addaatitti beessisa’a.
Isin, «Nuuti maqaa keeti woyyicha
akka galateeffannuuf,
ulfinna keeti akka leellifannuuf,
ee, Waaqa fayyisaa keenna,
ati gosa biyya adda addaa harkaa nu baasiitii,
wolitti nu qabi» jedhaalle’e.
Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;
waan dansaa inni godhe mara hin dedhin.
Ee Mootii Waan Maraa, ani gadhaa tokkochaan si leellisa;
baasa ati goote mara hin odeessa.
Gratidão nas cartas apostólicas
Paulo sempre iniciava suas cartas com ação de graças a Deus pelos irmãos. A gratidão é essência da vida cristã.
daadimata kiyya keessatti isin qaabataa, marroo teessaniif Waaqa galateeffatiisa hin lakkinne.
Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba’aaf galata galcha’a.
Faaru’uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille’een woliin dudubbadha’a; faaru’uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha’a. Maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, waan maraaf, yennaa mara, Waaqa Abba’aaf galata galcha’a.
Waaqa galateeffadha’a malee, dubbii gurratti hin tolle, dubbii shufuroo, dubbii fokkisiittu hin dubbatina’a.
Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a.
Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a. Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha’aa fi qalbii teessan hin eega.
Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu’uu moti; ani, «Ka qabuu na geya» jechuu baradheera.
Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa.
Worri arjummaa teessan karaa keennaan fudhatu mara, Waaqa akka galateeffatuuf yennaa maraa akka arjoontanu, Waaqi waan maraan isin hin duroonsa.
Akkuma badhaadhi Waaqaa irra caalaa fakkanaa worra hedduu dhaqqabaa deemuun, worri ulfinna Waaqaatiif galata dhikeessu akka heddatuuf tun duudiin isiniif teete.
gaddi nu dhaqqabulle, yennaa mara hin gammanna; hiyyeeyyii adoo teeneerruu worra hedduu dureeyyii goona; womaa ka hin qanne adoo teeneerruu, waan maraa qanna.
Agradecer a Deus
Graças a Deus que nos dá a vitória por nosso Senhor Jesus Cristo! A gratidão reconhece a fonte de toda boa dádiva.
Ammoo Waaqa Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin injifachaa nu’uu kennuuf galanni te’u!
Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateeffadha.
Obboleeyyan tiyya! Nuuti marroo teessaniif yennaa mara Waaqa galateeffatiisa qanna. Dhugeeffannaan teessan akka malee guddataa, jaalaltiin isin woliif qaddanulle ittuma waan dabalamiisatti jirtuuf, akkas tolchuun keenna sirri’i.
Sababille wonni maraa isaan dadamee,
karaa isaatii fi isaaf jiraata.
Ulfinni haga bara baraa isaaf te’u! Ameen!
Isaan Waaqa adoo beekaneeranu, ulfinnaa fi galata isaaf male hin kennineef; yaada ifiitille’een shufuroo te’ane; qalbiin isaanii duwwaan sun dukkanootte.
Wonni Waaqi dade duudiin dansa’a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu,
Louvor e ação de graças
Ofereçamos sacrifício de louvor e ação de graças ao Senhor. A gratidão é o coração de toda adoração verdadeira.
Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa’a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu.
Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa’a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu.
Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa’a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda’aan kowa’a isa Waaqonfanna.
Achiin duuba dadi ol-gubba’aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti,
«Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin,
ka barcumaa mootumma’aa irra tee’eeruu fi Hoolichaaf,
bara baraa haga bara baraa te’u» jedhaa faarfatanuun dhage’e.
«Ameen! Waaqa keennaaf leelloon, guddinni, qaruun, galanni, ulfinni, hunnaa fi jabeenni bara baraa haga bara baraa te’u! Ameen!» jedhane.
«Waaqa Goottaa waan mara dandeettu,
ka ammaa fi durille jirtu,
hunna teeti guddoo fudhattee waan mooteef,
si galateeffanna.
Akkuma barattanetti hidda gadi naqadha’aatii, isatti ijaarama’aatii, dhugeeffannaa teessaniin jabaadha’a; galata guutee dhangala’ulle dhiyeessa’a.
Ee Waaqa abbootii tiyyaa,
ati qarumma’aa fi hunna
waan naaf kenniteef,
waan nuuti si gaafannelle
waan natti beessitteef,
waan mootichi beekiisaaf rakkatelle
natti waan beessitteef,
ani si galateeffadha; si leellifadhalle’e» jedhe.
Faaruu galataa
Mootii Waan Maraatiif faarsa’a;
kiraara guddichaan Waaqaaf faarsa’a.
Yakkaa akka hin qanne mudhisiisaaf,
harka dhiqadha;
Ee Mootii Waan Maraa,
addee ciinca’aa teeti cinaa mara.
Faaruu galataa guddisee faarfataa,
hujii maade’ee teeti hin odeessa.
Ee Israa’eloota,
wonni isin godhiisaaf jaalattanu tana waan teeteef,
daabboo uukoo qaddu irraa ciincaa galataa dhikeessa’a;
kennansa fedhii teessaniin kennitanuun
ifi jaja’aatii koora’a» jedha.
Nuuti waan kana yennaa mara, addee maratti galata gudda’aan fudhanna.
Ani ammoo faaruu leellisaatiin;
ciincaa si’iif hin dhikeessa.
Waan waadaa si’iif galelle hin godha.
Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.
Ani ammoo faaruu leellisaatiin;
ciincaa si’iif hin dhikeessa.
Waan waadaa si’iif galelle hin godha.
Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.
Ani ammoo faaruu leellisaatiin;
ciincaa si’iif hin dhikeessa.
Waan waadaa si’iif galelle hin godha.
Fayyinni Mootii Waan Maraa irraa dhufa» jedhe.
Achi keessaa faaruun galataatii fi
qoonqoo firinxiixaa hin dhage’anti.
Ani isaan hin baceessa malee,
laakkossa isaanii hin diqqeessu;
Ani ulfinna isaaniif hin kenna malee
isaan hin salphatanu.
Amma waan duudi’iin dura, iyyannoon, daadimannaan, worra dhibi’iif daadimatu’uu fi galata dhikeessuun Waaqa duratti nama duudi’iif akka godhamuuf gorsa.