Pular para o conteúdo
Publicidade

Guardar o coração

Por Bíblia Online

Guardar o coração é o mandamento mais urgente de Provérbios. Sobre tudo o que se deve guardar, guarda o teu coração, porque dele procedem as fontes da vida.

Sobre tudo, guarda o coração

O coração é a nascente de tudo — pensamentos, desejos, decisões. Guardá-lo é proteger toda a vida espiritual e emocional.

Maddi jiruu teetii qalbii waan teeteef,

waan mara caalaa

qalbii teeti eegadhu.

Kudhanii Torbeessoo

Ilma kiyya, qalbii teeti naa kenni;

ilti teetille karaa kiyya ilaaltuu ti.

Gorsa Dargaggootaaf Kenname

Ilma kiyya, waan ani si barsiisu hin dedhin;

ajajoota kiyya gadha’atti qabadhu.

Isaan guyyoota sii ede’anee,

woggoota hedduu si leesisan;

qananumma’aa fi nageya sii kennan.

Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.

Coração puro e renovado

Cria em mim um coração puro, ó Deus. Os puros de coração verão a Deus — e o Espírito renova nosso interior.

Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;

ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.

Worri gadhaa qullu’uu gammaduu;

isaan Waaqa hin dhaggan!

Ee Waaqa, qorqoriitii gadhaa kiyya beeki;

haga na ilaaliitii yaaddoo tiyya beeki.

Hammeenni yoo na keessa jiraate ilaali!

Karaa bara baraa irra na sooressi.

Ee Mootii Waan Maraa,

na qorqori, hagalle na ilaali;

gadhaa kiyyaa fi qalbii tiyya qorqori.

Jaalalli keeti ka bara baraa

ila tiyya dura jira;

anille dhugaa teetiin hin ideema.

Gadhaa kiyya yoo qorqorte,

halkaniin gara kiyya dhuttee,

yoo haga na ilaalte,

hammeenna na keessatti hin dhaggitu;

afaan kiyyalle cubbuu hin dubbatu.

Jecha afaan keeti keessaa bayuuf ajajamee,

waan namooti hujanu irraa,

karaa isaan hunnaan nama irratti ka’anu irralle’ee,

ifi eeggadheera.

Ideensi kiyya daandii teeti eegateera;

miilli kiyyalle hin fallaanne.

Ee Waaqa, gadhaan kiyya hin mamu!

Gadhaan kiyya hin mamu.

Ani hin faarfadha;

meya faaru’uu ka adda addaatiin hin faarfadha.

Guardar com a Palavra

Não vos conformeis com este mundo. A Palavra de Deus guardada no coração nos protege do pecado e nos direciona.

Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.

Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.

Ani gadhaa tokkochaan si barbaada;

ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin.

Akka si hin yakkineef,

jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.

Mootii Waan Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’ii fi hunna teeti maraan jaaladhu. Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin.

isaaniin, «Jecha seera kanaa mara, ijoolleen teessan akka dansaa akka eegattu, akka isaan ajajjanu jecha ani adha isinitti himu kana mara gadhaa keessanitti qabadha’a;

Vigilância e paz

A paz de Deus guarda nossos corações em Cristo Jesus. Chegai-vos a Deus, purificai os corações — e Ele estará convosco.

Maarre daadimataan, gaaffi’ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a. Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha’aa fi qalbii teessan hin eega.

Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.

Isinille akkasuma ossadha’a! Guyyaan Goottaan dhufu waan dhikaatteef, gadhaa keessan jabeeffadha’a.

Jiruu Haareya Kiristoosiin

Yoona eega Kiristoos woliin du’aa kaatane, waan ol-gubbaa addee Kiristoos midda Waaqaatitti tee’eeru jiru barbaada’a!

Seja o primeiro