Pular para o conteúdo
Publicidade

Homem de Deus

Por Bíblia Online

O homem de Deus é aquele que busca a justiça, a piedade, a fé e o amor. A Bíblia apresenta modelos de homens íntegros que andaram com Deus e marcaram a história.

Características do homem de Deus

O homem de Deus foge das paixões e segue a justiça, a piedade, a fé, o amor, a perseverança e a mansidão.

Gorsa Xiimotewosiif Kenname Kan Dhumaa

Ati garuu yaa nama Waaqaa, waan kana hunda irraa baqadhu; qajeelummaa, Waaqatti buluu, amantii, jaalala, obsaa fi garraamummaa duukaa buʼi.

Ati dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantii fi qulqullinaan warra amananiif fakkeenya taʼi malee namni tokko iyyuu dargaggummaa kee hin tuffatin.

Dammaqaa; amantiitti cimaatii dhaabadhaa; jajjabaadhaa; cimaas. Wanni isin hojjettan hundinuu jaalalaan haa taʼu.

Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera.

Waaqayyo maal sirraa barbaada?

Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu,

akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?

Exemplos bíblicos

Noé era justo e íntegro entre seus contemporâneos. Jó era homem reto que temia a Deus e se desviava do mal.

Seenaan Nohii fi maatii isaa kanaa dha.

Nohi namoota bara isaa turan gidduutti nama qajeelaa, nama hirʼina hin qabne kan Waaqa wajjin deddeebiʼu ture.

Seensa

Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Iyyoob jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture.

Nama Waaqa biraa ergame kan maqaan isaa Yohannis jedhamu tokkotu ture. Innis akka namni hundinuu karaa isaatiin amanuuf dhuga baatuu taʼee waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuuf dhufe.

Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata;

iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora.

Viver como filho de Deus

Quem faz a vontade de Deus é eleito. Medite na Palavra e ande nos caminhos do Senhor como verdadeiro discípulo.

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne. Isaanis Waaqa irraa dhalatan malee dhiiga irraa yookaan fedhii foonii irraa yookaan fedhii dhiiraa irraa hin dhalanne.

Akka Waaqni cubbamoota hin dhageenye ni beekna. Inni nama isa waaqeffatuu fi fedhii isaa guutu dhagaʼa.

Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?

Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.

Ani garaa koo guutuudhaan sin barbaada;

akka ani ajajawwan kee irraa jalʼadhu na hin godhin.

Ani akkan cubbuu sitti hin hojjenneef,

dubbii kee garaa koo keessa dhokfadheera.

Yaa Waaqayyo, galanni siif haa taʼu;

sirna kee na barsiisi.

Ani seera afaan keetii baʼu hundumaa,

afaan kootiin nan dubbadha.

Akkuma namni tokko badhaadhummaa guddaatti gammadu,

ani ajaja kee faana buʼuutti nan gammada.

Ajajawwan kee irra deddeebiʼee nan yaada;

karaa kee irraas ija koo hin buqqifadhu.

Ani sirna keetti nan gammada;

dubbii kees hin dagadhu.

ג Giimeel

Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,

yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,

yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.

Garuu inni seera Waaqayyootti gammada;

seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.

Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee

yeroo isaatti ija isaa kennu,

kan baalli isaas hin coollagnee ti;

wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.

Hamoonni garuu akkana miti;

isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.

Kanaafuu hamoonni murtii dura,

yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.

Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii;

karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.

Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Waaqaatiin uumame sana uffadhaa.

Seja o primeiro