Homem
A Bíblia fala sobre o homem como criação de Deus — feito à sua imagem e semelhança, mas também frágil, mortal e necessitado de redenção.
Criado à imagem de Deus
Deus criou o homem à sua imagem. Mas pelo pecado, o homem caiu e passou a depender da graça para ser restaurado.
Achiin duuba Waaqi, «Kowa’a, akka bifaa fi akka fakkeenna keennaatitti, nama dannaa ti. Nami qurxummii abbaaya’aa, sinbirroota, horii, bineensota lafa irraa maraa fi bineensota lafa irra lowanu mara irratti baallii qabaatuu ti» jedhe. Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.
Yennaa galgalootte namichii fi namittiin Mootiin Waan Maraa Waaqi addee oorru’uu keessa ideemuun qoonqoo isaa dhage’ane; isaan Mootii Waan Maraa Waaqa duraa mukoota addee oorru’uu san odduu dhokatane.
Karaa nama tokkochaatiin cubbuun gara biyya lafaa dhutte; cubbuulle du’a fidde. Akkasuma nami maraa cubbuu Addaamiitiin waan cubbameef, duuti sanyii namaa maratti dhutte.
Barreeffam woyyichi, «Nami qaraa Addaam foon jiruu qabu te’e» jedha; Addaamiin duuba ammoo, Ayyaana jiruu kennu te’e. Ka dura dhufe nafa fooniiti malee, nafa ayyaantichaa moti. Nafi ayyaantichi nafa foonii saniin duuba dhufe. Nami duraa Addaam lafa irraa waan dadameef, nama biyya lafaati; namichi lammeesso’oo ol-gubbaa irraa dhufe. Worra lafaa ka te’ane, namicha lafa irraa dadame fakkaatan; worra ol-gubba’aa ka te’ane nama ol-gubba’aa dhufe fakkaatan. Nafa nama lafa irraa dadamee akkuma fakkaannu, akkasuma nafa nama ol-gubba’aalle hin fakkaanna.
Fragilidade humana
O homem nascido de mulher é de poucos dias e cheio de inquietação. Deus conhece nossa fragilidade e cuida de nós.
«Barri nama foon uffatee gabaaba’a;
sunuu rakko’oon ka guutame.
‹Waaqa caalaa nami balchaa te’uu dande’aa?
Yookiin ka isa dade duratti
qulqulluu te’uu dande’aa?
«Akka nama barbaachisaa te’e tokkootitti akka isa ilaaltuuf,
akka guddoo isa yaadattuufille nami maan inni?
Barreeffama Woyyicha keessatti addee takkatti,
«Ee Waaqa, akka isaaf yaadattuuf,
nami maan inni?
Yookiin akka kunuunsituuf,
ilmi namaa maan inni?
Ijjata namaa ka qajeelchu
Mootii Waan Maraa ti;
nami karaa ifii attam beekuu dande’a ree?
Renovação e chamado
Despojados do velho homem e revestidos do novo, somos chamados a buscar a justiça, a piedade e o amor.
Le’ii dullattii dur le’aa turtane, ta halchaa sobaatiin badde san ifi irraa gata’a. Ayyaana qalbii teessaniitiin haareffama’a. Jiruu haareya, balchumma’aa fi woyyummaa dhuga’aatiin ifi mudhittu, ta fakkeenna Waaqaatiin dadante san uffadha’a.
Karaa kanaan nageya fidiisaaf, gosa lamaanuu irraa ka te’e nama haareya isa woliin wolii galu tokko dadiisaaf, Seera Yihudootaa ajajootaa fi aadaa seerotaa woliin diige.
Ati nami Waaqaa ammoo, waan kana duudii irraa fagaadhu; balchummaa, akka nama Waaqaa le’uu, dhugeeffannaa, jaalala, ciniinnatanee ossu’uu fi qajeelummaa hordof.
Ani yennaa ijoolle’ee akka ijoolle’ee dubbadhe; akka ijoolle’ee yaadadhe; akka ijoolle’ee herrege; amma ammoo, guddadheen duuba amala ijoollumma’aa lakkiseera.
Hujiin namaa Mootiin Waan Maraa duratti ifa;
inni daandii namaa mara dhagga.
Nami gadhaa ifiititti hin yaadata;
yaada san guutuu ka dande’u ammoo
Mootii Waan Maraa qofa.
A confiança errada
Maldito o homem que confia no homem. O homem de duplo ânimo é instável em todos os seus caminhos.
Ammalle Mootiin Waan Maraa,
«Nami namatti addattu,
ka nama foon uffatetti irkatee,
jabeenna ifii godhatu,
ka gadhaan isaa Mootii Waan Maraa irraa fagaate,
ka abaarame.
Nami akkasii, ka yaada lamaatii fi karaa maraan raafamaa waan te’eef, Goottaa biraa waan tokkolle hin dhaggadha jedhee hin eegatin.
Jaarsa akka abba’aatitti gorsi malee hin xixin; dargaggageeyyii dhiiraa ammoo akka obboleeyyaniititti qabadhu;