Pular para o conteúdo
Publicidade

Honrar os pais

Por Bíblia Online

Honrar pai e mãe é mandamento de Deus com promessa de vida longa e feliz. A Bíblia ensina que respeitar, obedecer e cuidar dos pais é dever sagrado dos filhos.

O mandamento com promessa

Honra a teu pai e a tua mãe para que vá bem contigo e vivas muito tempo sobre a terra. É o primeiro mandamento com promessa.

«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessatti bara dheeraa akka leetu, abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.

«Lafa ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si’iif kennu keessa bara dheeraa akka leetu, wonni ati gootu marti akka sii toltu, akkuma ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si ajaje abba’aa fi haadha teetiif ulfinna kenni.

«Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.

Ijoolle’ee Fi Worra Isaanii

Ijoolle! Waan barbaachisaa te’eef, abbooti’ii fi haadhotii teessaniif akka Goottaan fedhutti ajajama’a. «Abba’aa fi haadha teeti ulfeessi» ajaja jedhu woliin addiin qara kennante: «Dansaan akka siif teetuu fi lafa irra bara dheeraa akka leetu» jedha.

Abbootii! Ijoollee teessan adabaa fi gorsa Gootta’aatiin guddisa’a malee, akka aartu hin godhina’a.

Ijoollee! Kun waan Goottaa gammachiisu waan te’eef, haadhaa fi abbaa keessaniif ajajama’aatii, waan isaan jedhanu mara godha’a.

Obedecer e respeitar

Filhos, obedecei a vossos pais no Senhor. Ouvir a instrução do pai e não desprezar o ensino da mãe traz sabedoria.

Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;

barsiisa haadha teetiille hin lakkisin

Ilma kiyya, gorsa abbaa keetii dhage’i;

barsiisa haadha teetiille hin lakkisin

Barsiisi isaanii,

mataa keetiif akka kallacha ulfinnaa ti;

morma keetiifille,

akka meya seesaaf diramee ti.

Bu’aa Qarummaa Irraa Dhaggamu

Ilmaan tiyya, gorsa abbaa keessanii caqasa’a;

itti xiyyeeffadha’aatii,

hubantii dhaggadha’a.

Ilmi qaroon gorsa abbaa ifii hin fudhata;

ilmi murgaamessi ammoo xixicha hin dhage’u.

Kudhanii Jayeessoo

Abbaa keeti ka si uume dhage’i;

haadha teetille yennaa isiin dulloonte hin tuffatin.

Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? Waaqi, Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi, Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du’uu qabajedhee ajajeera.

Yesuus deebisee, «Isin aadaa teessaniif jettanee maaf Seera Waaqaa ulfeessuu dhaddan? Waaqi, Abbaa keetii fi haadha teeti ulfeessi, Nami Abbaa yookiin haadhaa abaaru dhugumaan du’uu qabajedhee ajajeera. Isin ammoo nami tokko abba’aan yookiin haadhaan, Qarqaarsi isin na biraa dhaggataa turtane Waaqaaf kennameerayoo jedheen, inni Abba’aa fi [haadha ifii] ulfeessuu hin barbaachisujettan, aadaa teessaniif jettanee, Seera Waaqaa balleessitan.

Consequências da desonra

A Bíblia adverte severamente contra a desonra aos pais. Quem amaldiçoa ou agride os pais enfrenta consequências sérias.

Ka abbaa ifii saamu,

haadha ifiille ka manaa ari’u,

ilma fokko’oo fi salphinna fidu.

Nami abba’aa fi haadha ifii abaaru,

akka issaa dukkana duudduu keessatti dhaamee hin te’a.

«Nama abbaa ifiititti murguu fi

ajaja haadha ifiille tuffatu,

harraaqessi gammoojji’ii ila isaa

isa keessaa hin fuudha;

rumichille isa hin nyaata.

«Nami abbaa yookiin haadha ifii abaaru ijjeefamuu ti.

Hantuu Guyyaa Muumme’ee

Guyyoota muumme’eetitti yennaan rakkittu akka dhuttu beeki. Namooti ka mataa ifii jaalatanu, ka beesee jaalatanu, ka ifi saadanu, kijiboota, ka nama arrassanu, ka worra ifiitiif hin ajajanne, ka galata hin qanne, ka woyyummaa hin qanne, ka jaalala hin qanne, ka hin araaranne, ka maqaa namaa balleessanu, ka ifi hin qabanne, ka gadhaa jabaatanu, ka waan dansaa jibbanu,

Cuidar dos pais

Quem não cuida dos seus, principalmente de sua família, negou a fé. Honrar os pais inclui respeitar os idosos.

Isiin ijoollee yookiin akkoowwan yoo qabaatte ammoo, ijoolleen sun duraan dursitee maatii ifii qarqaaraa, haadhaa fi abba’aaf, akko’oo fi akaakoo ifiitille’eef haluu guddisaa isaaniif deebisaa, dhugeeffannaa ifii huji’iin mudhisiisa baratanuu ti. Sababille wonni kun Waaqa hin gammachiitti.

Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama’a.

Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin marti abba’aa fi haadha teessaniif ulfinna kenna’a; guyyaa Sanbataa kiyya eeggadha’a.

« Ani Mootii Waan Maraa ti; Waaqa keeti sodaadhu! Nama guddaa duraa ka’i; jaarsaaf ulfinna kenni.

Seja o primeiro