Publicidade

Humildade

Por Bíblia Online

A humildade é o caminho da honra verdadeira. Deus resiste aos soberbos, mas dá graça aos humildes. Jesus lavou os pés dos discípulos e nos ensinou que o maior é aquele que serve.

Humilhar-se diante de Deus

Humilhai-vos diante do Senhor e Ele vos exaltará. Quem se humilha será exaltado, e quem se exalta será humilhado.

Goottaa duratti gad ifi qaba'a, innille ol isin hin qaba.

Maarre Waaqi yennaa ifii murteessetti akka isin ol qabu, harka Waaqa hunnaamessaa jalatti ifi gad qaba'a.

kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage'a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa.

Mootiin Waan Maraa dansa'aa fi

balchaa waan te'eef,

inni cubbaaleyyii daandii ifii barsiisa.

Inni worra gad ifi qabu haqaan sooressaa,

karaa ifiille isaan hin barsiisa.

Nami ol ifi qabu salphinna ifitti fida;

nami gad ifi qabu ammoo ulfinna dhaggata.

Badiisa ifiitiin dura nami hin koora;

ulfinnaan dura ammoo

gad ifi qabiisatti dhufa.

Humildade como virtude

Considerai os outros como superiores a vós mesmos. Revesti-vos de humildade, mansidão e paciência no trato uns com os outros.

Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa'aatii ilaala'a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina'a!

Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen.

Yoona worra Waaqaaf filatantane, woyyoontanee fi jaalatantane akkuma teetanetti naasuu, arjummaa, ifi gad qabiisa, qajeelumma'aa fi ossata uffadha'a.

Yennaa mara worra ifi gadi qabu, worra qajeela'aa fi ossaameyyii te'a'a. Jaalalalle'een wol dande'a'a.

Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma'aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila'a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu'uu hin godhatina'a!

Muummee irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala'a; woliif dhiiga'a; akka obboleeyyanii wol jaaladha'a; arjoole'ee fi worra ifi gad qabu te'a'a.

Shaggummaan teessan waan alaan mudhatuun mataa dhowatiisaan, worqii naqatiisaan, yookiin woyaa gatii guddo'oo uffatiisaan ifi seefatiisaan hin te'in. Ammoo shaggummaan teessan, ka ayyaanni qajeela'aa fi sirnaamessi Waaqa duratti gatiin isaa guddaa te'e keessa jiru, ka yennaa mara hin banne, seefata keessa nafa keessanii te'uu ti.

O exemplo de Jesus

Aprendei de mim, que sou manso e humilde de coração. O maior entre vós seja o que serve — esse é o caminho do Reino.

Waanjoo kiyya fuudha'aatii ba'adha'a, ana irralle'ee baradha'a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. Waanjoon kiyya kaso'o, ba'aan tiyya sallo'o» jedhe.

«Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran.

Yesuus tee'een duuba barattoota kudhanii lamaan gara ifii waamee, «Nami caalaa namaa te'iisaaf barbaadu, gadee namaa te'ee, tajaajilaa nama maraa te'uu ti» jedhe.

isaaniin, «Daa'ima kana maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata; ka ana fudhatu, ka na ergelle fudhata. Nami isin maraa keessaa gade'ee isin maraa caala» jedhe.

Gad ifi qabiisii fi Mootii Waan Maraa sodaatiis

karra, ulfinnaa fi jiruu namaaf kennan.

Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa;

ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.

Koorri yennaa dhufu,

salphinni hin dhufa;

gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti.

Humildade verdadeira

O que se exige de ti? Praticar a justiça, amar a misericórdia e andar humildemente com teu Deus.

Ee nama, Mootiin Waan Maraa waan dansaa sitti mudhiseera. Mootiin Waan Maraa maan si irraa barbaada? Haqa akka hujjuuf, marartii akka jaalattuuf, gad ifi qabiisaan Waaqa keeti woliin akka ideentuufii motii ree?

Haadhotii manaa! Goottaa duratti waan male waan te'eef abbootii manaa keessaniif ajajama'a.

Abbootii manaa! Haadhotii manaa teessan jaaladha'a; gadhaa jabeeyyiille itti hin te'ina'a.

Yaada tokkoon wolii gala'aatii le'a; ifi ol qabiisa lakkisa'aatii worra gadee woliin le'a; nuuti beekkole'e jedhaa ifi hin saadina'a.

Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa'a jedhamee ilaallamu akka hin jirre godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittuu hin laakkowanne fowate. Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe.

Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le'ii ifii dansa'aan, waan ifi gadi qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-