Ídolos
A Bíblia condena a idolatria com veemência. Um ídolo é qualquer coisa que ocupa o lugar de Deus no coração. Os cristãos são chamados a guardar-se dos ídolos e servir ao Deus vivo.
Guardai-vos dos ídolos
Filhinhos, guardai-vos dos ídolos. A cobiça é idolatria. Tudo que ocupa o trono de Deus no coração é um ídolo.
Ijoollee tiyya, waaqota dharaameyyii irraa ifi eeggadha’a!
Tanaaf halchaa le’ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu’uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te’e joljoluu ijjeesa’a.
Sababille beesee jaalatuun hidda hammeenna duudi’ii ti. Worri gariin durummaa dhaggatuu halchee, dhugeeffannaa irraa badee qalbii ifii gaddaan laalesseera.
isin ana malee, waaqota meeti’ii fi worqii irraa hujattanee hin waaqonfatina’a.
Mootiin Waan Maraa, «Ani ammoo Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi’ii keessaa isin baase; isin ana malee Waaqa dhibii hin beettanu; ana malee fayyisaan hin jiru.
O único Deus verdadeiro
O Senhor é Deus nos céus e na terra — não há outro. Escolham hoje a quem servir, mas eu e a minha casa serviremos ao Senhor.
Ol-gubba’aa fi lafa irratti Mootiin Waan Maraa Waaqi isa qofa akka te’e, isa malee ka dhibiin akka hin jirre adha beeka’aatii, gadhaa keessan keessatti qabadha’a.
Mootii Waan Maraa Waaqa keessan hordofa’a; isa sodaadha’a; ajajoota isaa eegadha’a; isaaf ajajama’a; isa tajaajila’a; isatti maxxana’a.
Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le’aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha’a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina’a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu, yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
Vencer a idolatria
Não tenhas comunhão com as obras das trevas. Revesti-vos da armadura de Deus para resistir às ciladas do diabo.
Hujii dukkanaa, ta bu’aa hin qanne san, ifatti baasa’a malee, itti hin hirmaatina’a. Waan isaan dhossa’atti hujanee dubbatiisinuu hin fokkifachiisa.
Maltummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeettanu, meya woraanaa ka Waaqaa duudii hidhadha’a.
Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu.
Mey woraanaa
ka si balleessiisaaf qophowe,
si miidhuu hin dande’u;
worra si himatu mara
hin injifatta.
Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti;
injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha.
Hantuu dansa’aan injifadhu malee, hantuun si hin injifatin.
Waan hantuu irraa fagaadhuutii,
waan dansaa godhi;
nageya barbaadiitii,
gula deemi.
Hunni ilkattii du’aa cubbu’u; hunni cubbu’uulle seera.