Irmãos de Jesus
Os irmãos de Jesus são mencionados nos Evangelhos. Embora inicialmente céticos sobre sua missão, alguns, como Tiago, tornaram-se líderes da igreja primitiva.
Menções nos Evangelhos
Jesus teve irmãos chamados Tiago, José, Simão e Judas. Eles conviveram com Ele na casa de Nazaré e participaram de sua vida pública.
Inni ilma namicha muka soofu sanaati mitii? Maqaan haadha isaas Maariyaam mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoosef, Simoonii fi Yihuudaa mitii? Obboleettonni isaa hundinuu nu bira jiru mitii? Yoos namichi kun waan kana hundumaa eessaa argate?"
Haadhaa fi Obboloota Yesuus
Utuu Yesuus amma iyyuu namootatti dubbachaa jiruu kunoo, haatii fi obboloonni isaa isa wajjin haasaʼuu barbaadanii ala dhadhaabachaa turan.
Haadha Yesuusii fi Obboloota Isaa
Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan. Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, "Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru" jedhanii isatti himan.
Inni immoo, "Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?" jedhee gaafate.
Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; "Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti! Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis."
Haadha Yesuusii fi Obboloota Isaa
Haatii fi obboloonni Yesuus isa arguu dhufan; garuu sababii baayʼina namaatiif isa bira gaʼuu hin dandeenye.
Da incredulidade à fé
Os irmãos de Jesus não criam nele inicialmente. Mas após a ressurreição, estavam entre os discípulos em oração.
Obboloonni isaas akkana jedhaniin; "Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi. Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi." Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii.
Yesuus immoo, "Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi" jedheen.
Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.
Ani garuu Yaaqoob obboleessa Gooftaa malee ergamoota kaan keessaa tokko illee hin argine.
Waaqni wanni hundi isaaf jiraatuu fi isaan jiraatu sun ilmaan baayʼee gara ulfinaatti geessuuf jedhee mataa fayyina isaanii dhiphina kan hirʼina hin qabne gochuun isaaf ni mala ture. Inni namoota qulqulleessuu fi kanneen qulqulleeffaman hundi kanuma abbaa tokkoo ti. Kanaafuu Yesuus obboloota jedhee isaan waamuu hin qaanaʼu.