Pular para o conteúdo
Publicidade

Irmãos

Por Bíblia Online

A comunhão entre irmãos é marca da igreja verdadeira. A Bíblia nos chama a amar uns aos outros como Cristo nos amou — com perdão, encorajamento e cuidado mútuo.

Amor fraternal

Um novo mandamento vos dou: que vos ameis uns aos outros. Nisto conhecerão que sois meus discípulos — pelo amor entre vós.

Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha’a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a. Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.

Waaqi Jaalala

Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa’a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka.

Eennulle «Ani Waaqa hin jaaladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaalanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaalatuu hin dande’u.

Nami obboleessa ifii jaalatu ifa keessa le’a; wonni nama gufachiisulle isa keessa hin jiru.

Biyya Lafaa Injifatiisa

Yesuus Masiihii akka te’e nami dhugeeffatu maraa ilma Waaqaa ti; nami Abbaa jaalatu, ilma isaalle hin jaalata.

Isin dhuga’aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jaalala dhuga’aatiin jaalattaneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa’aa wol jaaladha’a.

Comunhão e edificação

Não abandoneis a congregação. Encorajem-se mutuamente, cantem juntos e instruam-se na Palavra de Cristo.

Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta’aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha’a.

Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.

Faaru’uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille’een woliin dudubbadha’a; faaru’uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha’a.

Akkuma sibiilli sibiila cabbu,

namille nama cabba.

Jaalli yennaa mara si jaalata;

obboleessille yennaa rakko’ootiif dhalata.

Jaaloti gariin nama balleessiti;

jaaloti obboleessa caalaa

namatti dhikaatanulle ammoo hin jiran.

Jaalota teetii fi jaalota abbaa keetii hin lakkisin;

yennaa rakkinnaa mana obboleessa keetii hin dhaqin;

obboleessa fagoo jiruu mannaa,

ollaa dhikoo jiru woyya.

Perdão e reconciliação

Se o teu irmão pecar contra ti, vai e repreende-o a sós. O perdão e a reconciliação preservam a unidade do corpo de Cristo.

Nama Yakkeef Maan Godhuu Akka Barbaachisu

«Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage’e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta. Inni yoo si hin dhage’in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi.

Nama Yakkeef Maan Godhuu Akka Barbaachisu

«Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage’e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta. Inni yoo si hin dhage’in ammoo, dubbiin marti dhugaa baya nama lamaatiin yookiin sadiitiin waan mirkanoottuuf, nama dhibii tokko yookiin lama fudhadhuu dhaqi. Inni yoo isaan dhage’uu dide, wolde’a kiristaanaatitti himi; wolde’a kiristaanaalle yoo dhage’uu dide, akka worra Yihudoota hin te’iniitii fi guurtuu qaraxaatitti laakkow.

«Ani dhuguma isinitti hima, wonni isin lafa irratti hiitane ol-gubbaalleetti ka hidhame te’a; wonni isin lafa irratti hiittanelle ol-gubbaalleetti ka hiikame te’a. Ammalle, ani isinitti hima, isin keessa nami lama, biyya lafaa irratti marroo waan tokkoo wolii galee yoo daadimate, Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jiru waan isaan daadimatane san isaaniif hin godha. Addee namooti lama yookiin sad maqaa kiyyaan wolitti qabamanutti, ani isaan woliin jira» jedhe.

«Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha» jedhe.

Mootichi deebisee, Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!isaaniin jedhe.

Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, haadha tiyyalle’e» jedhe.

« Ati gadhaa keeti keessatti obboleessa keeti hin jibbin; Yakkaa isaatiif gorsa isaaf kenni malee, sababa isaatiif yakkaamessa hin te’in.

Akka Dhugeeffattoota Itti Qabatanu

Jaarsa akka abba’aatitti gorsi malee hin xixin; dargaggageeyyii dhiiraa ammoo akka obboleeyyaniititti qabadhu; jaartii akka haadhaatitti, dubartii ka’ima akka obboleettii tiru’uu yaada qullu’uun qabadhu.

Nami tokko fira ifiitiif, keessattuu maatii ifiitii ka hin qarqaarre, nama dhugeeffannaa ifii mormate; inni nama hin dhugeeffatin caalaalle hama’a.

Seja o primeiro