Pular para o conteúdo
Publicidade

Irmãos

Por Bíblia Online

A comunhão entre irmãos é marca da igreja verdadeira. A Bíblia nos chama a amar uns aos outros como Cristo nos amou — com perdão, encorajamento e cuidado mútuo.

Amor fraternal

Um novo mandamento vos dou: que vos ameis uns aos outros. Nisto conhecerão que sois meus discípulos — pelo amor entre vós.

"Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa. Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku."

Jaalala Waaqaatii fi Jaalala Keenya

Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka.

Namni, "Ani Waaqa nan jaalladha" jechaa obboleessa isaa immoo jibbu kam iyyuu sobduu dha. Namni obboleessa isaa kan arge sana hin jaallanne kam iyyuu Waaqa hin argin sana jaallachuu hin dandaʼu.

Namni obboleessa isaa jaallatu hundinuu ifa keessa jiraata; wanni isa gufachiisu tokko iyyuu isa keessa hin jiru.

Ilma Waaqaatti Amanuu

Yesuus kun Kiristoos akka taʼe namni amanu hundinuu Waaqa irraa dhalate; namni Abbaa jaallatu hundinuus kan Abbaa irraa dhalates ni jaallata.

Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa.

Comunhão e edificação

Não abandoneis a congregação. Encorajem-se mutuamente, cantem juntos e instruam-se na Palavra de Cristo.

Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.

Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa.

faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa;

Akkuma sibiilli sibiila qaru,

namni tokko nama kaan qara.

Michuun yeroo hunda nama jaallata;

obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.

Namni michoota baayʼisu ni bada;

garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

Michoota keetii fi michoota abbaa keetii hin gatin;

yoo balaan sitti dhufe mana obboleessa keetii hin dhaqin;

obboleessa fagoo jiru irra ollaa dhiʼoo jiru wayya.

Perdão e reconciliação

Se o teu irmão pecar contra ti, vai e repreende-o a sós. O perdão e a reconciliação preservam a unidade do corpo de Cristo.

Cubbuu Walitti Hojjechuu

"Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta. Yoo si dhagaʼuu baate garuu dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuufnama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi.

Cubbuu Walitti Hojjechuu

"Yoo obboleessi kee cubbuu sitti hojjete, dhaqiitii iddoo isin lamaan qofti jirtanitti balleessaa isaa itti himi. Yoo inni si dhagaʼe ati obboleessa kee deebifatteerta. Yoo si dhagaʼuu baate garuu dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin waan mirkaneeffamuufnama biraa tokko yookaan nama lama fudhadhuu dhaqi. Yoo inni jara dhagaʼuu dide waldaa kiristaanaatti himi; yoo inni waldaa kiristaanaa iyyuu dhagaʼuu dide akka nama ormaattii fi akka qaraxxuutti isa fudhadhu.

"Ani dhuguman isinitti hima; wanni isin lafa irratti hiitan kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni isin lafa irratti hiiktan kam iyyuu samii irrattis ni hiikama.

"Ammas ani isinitti nan hima; isin keessaa yoo namoonni lama lafa irratti waaʼee waan kadhatan kamii iyyuu walii galan Abbaan koo inni samii irraa isaaniif taasisa. Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii."

"Isinis yoo garaa keessan guutuudhaan obboleessa keessaniif dhiisuu baattan Abbaan koo inni samii irraa tokkoo tokkoo keessan akkanuma godha."

"Mootiin sunis deebisee, Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootanjedhaan.

Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis."

" Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.

Maanguddootaa fi Dargaggoota

Nama dulloome tokko akka waan inni abbaa kee taʼeetti gorsi malee hin ifatin. Dargaggootas akka obbolootaatti ilaali; dubartoota dullooman akka haadhotiitti, dubartoota shamarran akka obboleettotaatti qulqullummaa guutuun ilaali.

Namni firoota isaa keessumattuu miseensota maatii isaa warra isatti aannan hin gargaarre kam iyyuu amantii ganeera; inni nama hin amanne caalaattis hamaa dha.

Seja o primeiro