Publicidade

Irrepreensível

Por Bíblia Online

Ser irrepreensível não é ser perfeito — é viver com integridade diante de Deus e dos homens. A Bíblia nos chama a buscar uma vida reta, pura e sem manchas visíveis de hipocrisia.

O padrão divino

Deus é perfeito e chama seus filhos à integridade. A palavra de Deus é purificada e Ele é escudo dos que caminham na retidão.

«Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu;

jechi Mootii Waan Maraa dhuga’a;

worra isatti baqatuuf, inni wonte’e.

Karaan Waaqaa dhidhinna hin qabu;

jechi Mootii Waan Maraa dhuga’a;

worra isatti baqatuuf, inni wonte’e.

Seera Mootii Waan Maraa

Worri karaan isaanii komii hin qanne,

ka seera Mootii Waan Maraatiin ideemanu

ka gammadane.

Worra komii hin qannee fi

ka waan balchaa te’e huju,

ka gadhaa ifii keessaa dhugaa dubbatu,

ka maqaa namaa hin balleessine,

ka jaalota ifii irratti waan hantuu hin hunye,

ka ollaa ifii hin hamanne.

Inni worra qajeela’aaf, qarummaa kenna;

worra komii hin qanneefille, wontee isaaniif te’a.

Buscar a perfeição em Cristo

Todos tropeçamos em muitas coisas, mas o alvo é a maturidade. Cristo é a fonte da salvação eterna para todos os que lhe obedecem.

Nuuti martinuu dokonkora hedduu goona; nami dubbii ifiitiin hin dokonkorre, nama nafa ifii duudii toowatuu dande’u, nama miju’u.

Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti’ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du’eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle’ee ifi eeggachu’u.

Arjummaa dansa’aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubbaaa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.

Guutuu te’een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te’e.

Yesuus deebisee, «Ka dhidhuu hin qanne te’uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi’iif kenni; ol-gubbaatti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi» jedheen.

Vida íntegra

Que a vossa alegria seja completa! Vivam em harmonia, sejam irrepreensíveis — transformados pela renovação da mente.

«Gammadi kiyya isin keessa akka jiraatuuf, gammadi keessanille guutuu akka te’uuf tana dubbadhe.

Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin gaafanne; gammadi keessan guutuu akka te’uuf, gaafadha’a hin fudhattan» isaaniin jedhe.

Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.

Gargar Bayiisa Wolde’a Kiristaanaa Keessa Jiru

Obboleeyyan tiyya, gargar bayiisi odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka’aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa.

Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.

Fakkeenna Te’iisa Ifi Gad Qabuu Kiristoosii

Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille’een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille’een tokkummaa yoo qabaattane, mararti’ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane, yaada tokko te’iisaan, jaalala tokko qabaatiisaan, ayyaanaa fi kaayo’oon tokko te’iisaan gammadi kiyya guutuu akka te’u tolcha’a. Ifi gad qabiisaan worra dhibii ifi caalchisa’aatii ilaala’a malee, halchaa ifi jaalatiisaatiin, yookiin ifi saadiisaatiin waan tokkolle hin godhina’a! Nami martinuu bu’aa worra dhibi’iille ilaaluutii malee, bu’aa ifii callaa hin ilaalin! Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha’a:

Inni yennaa maraa adaba waaqumma’aa adoo qabuu,

ulfinna waaqumma’aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu

lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne.

Ammoo ulfinna ifii lakkisee

akka garbaa te’ee mudhate;

akka namaa te’ee dhalate;

nama fakkaatee mudhate.

Ifi gad qabee,

haga du’aatitti,

haga fannifamee du’ulleetti, ka ajajamu te’e.

Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee,

maqaa maqaa mara caalulle kenneef.

Tanaaf worri ol-gubbaa jiru,

worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu,

ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan.

Arrabi martinuu,

ulfinna Waaqa Abba’aatiif,

Yesuus Kiristoos Goottaa akka te’e,

dhugaa baasee hin dubbata.

Biyya Lafaa Keessatti Akka Ifaa Issuu

Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Yennaa mara akkuma ajajantane, yennaa ani isin bira jiru callaa adoo hin te’in, irra caalaa yennaa ani amma isin bira hin jirre ajajama’a! Soda’aa fi rommiisaan fayyinna keessan muummessiisaaf ittuma huja’a; sababille yaada isaa muummessiisaaf, fedha akka qabaattanu ka isin keessatti huju Waaqa.

Waan mara gungumiisaa fi moromaa malee godha’a! Yoo tana gootane, ijoollee Waaqaa ta komii hin qannee fi qulliyyee teetanee, dhaloota micciirama’aa fi hamaa kana keessatti akka urji’ii hin issitan. Jecha jiru’uu jabeessitanee yoo qabattane, rukke’ee fi dadhabbiin tiyya gatii malee waan hin hanneef, guyyaa Kiristoos mura’aaf dhufu waan ittiin ifi jaju hin qabaadha.

Ciinca’aa fi kennaa isin dhugeeffanna’aan Waaqaaf kennitanu irratti, dhiigi kiyyalle akka dhibaayyu’uu adoo dhibaafamelle’ee ani hin gammada, isinille gammada kiyya na woliin hin qoodantan. Akkasuma isinille gammaddanee, gammada keessan na woliin qoodamuu qaddan.

Tajaajila Ximootewoosiitii Fi Ephafrodixosii

Marroo teessan dhage’ee gadhaan kiyya akka gammaduuf, dafee Ximootewoos gara keessan ergiisaaf Goottaa Yesuusitti addii godhadha. Nama nageya keessaniif gadha’aan isiniif yaadatu ani isa malee hin qabu. Worri kuun maraa Yesuus Kiristoosiif adoo hin te’in, bu’aa ifii barbaadatan. Ximootewoos ammoo nama addatam isaa mirkanaaye akka te’e, na wolille’een akka abba’aa fi ilmaa teenee, hujii Oduu Gammadaa hujaa akka turre isinuu hin beettan. Dubbiin tiyya maan akka teetu akkuma beekeen isa gara keessan akka ergu hin addadha. Aninuu gara keessan dafee akka dhufu Gootta’atti addii qaba.

Akkasuma, obboleessa kiyya Ephafrodixos, ka cinaa tiyya dhaabbatee loltichaa fi waa’ela hujii tiyyaa te’e, ka waan naaf barbaachiseen akka ana tajaajiluuf isin ergitane, ergamaa keessan san deebisee gara keessan erguun barbaachisaa teetee natti mudhatteerti. Inni isin maraa dhaggiisaaf dharra’eera; akka inni dhukkuffateeru waan dhageettanelle’eef yaadeera. Inni dhugumaan akka malee dhukkuffatee du’a geyeeraayyu. Waaqi ammoo isaaf marareera; isa calla’aaf adoo hin te’in, akka ani gadda irratti gadda hin dabalanneef analle’eef marareera. Tanaaf isin isa deebitanee dhaggitanee akka gammaddanuu fi gaddi kiyyalle akka goomuuf, isa gara keessan ergiisaaf guddoo fedheera. Maarre maqaa Gootta’aatiin gammada guutu’uun isa fudhadha’a; nama akka isaa jiru mara ulfeessa’a. Qarqaarsa isin naaf kennuu hin dande’in guutiisaaf jedhee, adoo jiruu ifiitiifille hin qorin, hujii Kiristoosiitiif du’a geyeeraayyu.

Yennaa duudii wolii keessanii fi namoota duudi’iif dansaa godhiisaaf yaadadha’a malee, nami tokkolle waan hantu’uuf hantuu akka hin deebinne ilaalladha’a.

Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka;

yennaa inni haga na ilaalu

akka worqi’ii qulqulluu te’eeruun na dhagga.

Miilli kiyya faana isaa gula deema;

karaa isaa irraa asii fi achi hin goru.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-