O juízo final
O juízo final é a conclusão da história humana. Todos os seres humanos comparecerão diante do trono de Deus para o julgamento eterno — os salvos para a vida, os ímpios para a condenação.
O grande trono branco
Vi um grande trono branco e os mortos diante de Deus. Os livros foram abertos e cada um foi julgado segundo as suas obras.
Muraa Muumme’ee
Achiin duuba barcumaa mootumma’aa adi’ii fi ka isa irra te’eeru dhagge. Ol-gubba’aa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne. Worri du’e diqqa’aa fi guddaan, barcumaa mootumma’aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru’uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du’etti akkuma hujii isaaniititti murame. Abbaayaan guddoolle worra du’e ka isii keessa jiru kennite; du’aa fi addeen worri du’e jiru worra du’ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame. Achiin duuba du’aa fi addeen worri du’e jiru abbaayaa ibiddaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du’a lammeesso’oo ti. Nami maqaan isaa kitaaba jiru’uu keessatti bareeffamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame.
«Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera.
«Kunoo, ani dafee hin dhufa! Nama tokko tokkoofuu gatii akkuma hujii isaatitti kennulle qabadheera. Alfa’aa fi Omeegaan, ka duraatii fi ka duubaa, ka jalqabaatii fi ka muumme’ee ana.»
Mudhii Marroo Ka Haga Bara Baraa Jiraatuu
Daani’el ammalle, «Adoo ani ilaaliisatti jiruu barcumooti mootumma’aa keyame; ka Durii Durii Sun irra tee’e; woyaan isaa akka dhakaa bokkeyaa adii, rifeensi mataa isaalle akka fuutta’aa, barcumaan mootumma’aa ka isaa akka bobe’a ibiddaa ti; korboon barcumaa saniille akka ibidda bobe’uu ti.
Mudhii Marroo Ka Haga Bara Baraa Jiraatuu
Daani’el ammalle, «Adoo ani ilaaliisatti jiruu barcumooti mootumma’aa keyame; ka Durii Durii Sun irra tee’e; woyaan isaa akka dhakaa bokkeyaa adii, rifeensi mataa isaalle akka fuutta’aa, barcumaan mootumma’aa ka isaa akka bobe’a ibiddaa ti; korboon barcumaa saniille akka ibidda bobe’uu ti. Maddi ibiddaa isa duraa maddee yaa’a; worri kuma heddu’utti laakkowamu isa tajaajilan; worri miliyoonii heddu’utti laakkowamulle isa dura dhaabbatan; korri mura’aa tee’e; kitaabotille banamane.
Worri hedduun du’ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka’an. Worri qarooleen akka ifa gubba’aa hin ifan; worri worra hedduu gara balchumma’aa deebise haga bara baraa akka urji’ii hin ifan.
Preparação para o juízo
Deus estabeleceu um dia para julgar o mundo com justiça. Arrependei-vos, porque o juízo se aproxima e cada palavra será pesada.
Inni karaa nama filateetiin, biyya lafaa maratti guyyaa itti muru murteesseera; nama filate san du’aa kaasiisaan, waan kana nama maraaf mirkaneesseera» jedhe.
Ani isinitti hima, guyyaa mura’aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan; Dubbuma teessaniin isiniif muranti, dubbuma teessaniin isinitti muranti» jedhe.
Muraa Muumme’ee
Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee’a. Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re’ee irraa gargar fowu, innille kolbaa san gargar fowee, hoolota midda ifiititti, re’oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa.
Muraa Muumme’ee
Yesuus ammalle, «Ilmi Namaa ulfinna ifiitii fi ergantoota Waaqaa mara woliin yennaa dhufu, barcumaa ulfinna ifii gubbaa hin tee’a. Gosi marti isa duratti wolitti hin qabanti; akkuma tisseen hoolota re’ee irraa gargar fowu, innille kolbaa san gargar fowee, hoolota midda ifiititti, re’oota bitaa ifiititti dhaabbachiisa. Achiin duuba mootichi worra midda ifiitiin, ‹Isin worra Abbaa kiyyaan eebbifantane, kowa’a! Mootummaa dadama biyyi lafaatii jalqaddee isiniif qophootte dhaala’a; sababille ani beelowee na nyaachittaneertan; dheebodhee na obaattaneertan; keessummaa te’ee na fudhattaneertan; daaree na uffittaneertan; dhibamee na gaafattaneertan; hidhameelle na gaafattaneertan› jedhe. Yennaa san balchooleen, ‹Gootta’a, nuuti yoom beelotteertuun dhagginee si nyaachinne? Yookiin dheebuu teeti dhagginee yoom si obaanne?
« ‹Nuuti keessummaa teeteertuun dhagginee yoom si fudhanne, yookiin daarteertuun dhagginee yoom sitti uffinne? Nuuti yoom dhibanteertuun yookiin hidhanteertuun dhagginee si gaafanne?› jedhaneen. Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, obboleeyyan tiyya worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof ka gootane, naaf gootane!› isaaniin jedhe.
«Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadha’a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema’a; ani beelowee na hin nyaachinne; dheebodhee na hin obaanne; keessummaa te’eelle na hin fudhanne; daareelle na hin uffinne; dhibameelle, hidhameelle isin na hin gaafanne› hin jedha.
«Achiin duuba isaanille deebisanee, ‹Gootta’a, beelotteertuun, yookiin dheebotteertuun, yookiin keessummaa teeteertuun, yookiin daarteertuun, yookiin dhibanteertuun, yookiin hidhanteertuun dhagginee yoom si qarqaaruu dhanne?› hin jedhaniin. Mootichi deebisee, ‹Ani dhugumaan isinitti hima, worra mara caalaa didiqqa’aa kana keessaa tokkoof waan hin godhiniif, analle’eef hin goone› isaaniin hin jedha. Worri kun gara muraa bara baraa, worri balchooleen ammoo gara jiruu bara baraa hin deeman» jedhe.
Waaqi hujii maraayyuu, dansaalle teetu yookiin hantuu, ta dhokaataatitti hujantelle, gara mura’aa hin fida.
Ani, «Waaqi waan maraa fi hujii maraafille yennaa waan qabuuf, balcha’aa fi cubbichalle gara mura’aa hin fida» jedhee, gadhaa kiyya keessatti yaadadhe.
«Tanaaf, ‹Ee kolbaa Israa’elii! Ani akka hujii teessaniititti tokko tokkoo keessanitti hin mura; cubbuu teessan irraa deebi’a’aatii, cubbuun teessan akka isin hin balleessine, cubbuu teessan mara lakkisa’a. Cubbuu hujjane mara lakkisa’aatii, qalbii haareyaa fi Ayyaana haareya qabaadha’a; ee kolbaa Israa’elii! Isin maaf duutan ree? Ani du’a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi’a’aatii jiru’uun jiraadha’a› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
Segurança em Cristo
Quem crê no Filho tem a vida eterna e não entra em juízo. O amor de Deus é nosso refúgio diante do juízo vindouro.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
«Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti. Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane.
Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga. Inni yennaa dhufe, marroo cubbu’uu, marroo balchumma’aatii fi marroo mura’aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa. Isaan waan natti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu’uu inni isaanitti hin mudhisa; Ani gara Abba’aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan na hin dhaggineef, inni marroo balchumma’aa hin mudhisa. Bulchaa lafa tanaatitti waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura’aa mudhisa.
Nuuti jaalala Waaqi nu’uuf qabu beennee, dhugeeffanneerra.
Waaqi jaalala; nami jaalalaan jiraatu Waaqaan jiraata, Waaqille isaan jiraata.
Biyya lafaa tana irratti akkuma Kiristoos le’e waan leeneef guyyaa mura’aa ifi-addii hin qabaanna; akka kanaan jaalaltiin Waaqaa nu keessatti guutanteerti. Jaalala keessa sodaan hin jirtu; jaalaltiin guutuun sodaa baattee gatti; sodaan adabama woliin waan wol qabatteertuuf, nami sodaatu jaalaltiin isaa guutu’uu moti.
Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te’e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura’aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna.
Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dhossa’a ka namooti hujane maratti muru tun teeti.
Nami mara akka du’uu fi achiin duuba mura’aaf akka dhikaatu murtayeera. Kiristoos cubbuu nama heddu’uu ba’atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba’atiisaaf adoo hin te’in, worra dharra’aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.
Sababille Barreeffam Woyyichi,
«Yennaa diqqo’oon duuba,
ka dhufu’uu male hin dhufa,
hin turu;
Nami balchaan kiyya ammoo,
dhugeeffanna’aan jiruu dhaggata.
Yoo duubatti sissiqe ammoo ani itti hin gammaddu» hin jedha.
Nuuti worra dhugeeffatee fayyu malee, worra gara duubaatitti sissiqee baduu moti.
Maarre, dammandhee ifi qabatiisaan hagatti leenuutii malee, akka worra dhibi’ii me rannuu ti. Worri rafu halkan rafa; worri machowulle halkan machowa. Nuuti ammoo worra guyya’aa waan teeneef, ifi qabannee hagatti leenuu ti; dhugeeffanna’aa fi jaalala akka qomoo sibiilaa, addii fayyinnaalle akka gullee sibiilaa keyannuu ti. Waaqi akka nuuti karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin fayyinna dhaggannuuf malee, mufi’iif nu hin waanne.
Mootiin Waan Maraa waan dhufuuf,
fuula isaa duratti ilillisaa faarsan;
inni lafatti muriisaaf hin dhufa.
Biyya lafaatitti balchumma’aan,
kolbaa maratti dhuga’aan hin mura.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.