Publicidade

Juízo

Por Bíblia Online

O juízo de Deus é manifestação de sua justiça e soberania. Ele julga o mundo, julga as nações e julga cada coração com perfeita equidade e misericórdia.

O juízo de Deus

Deus é juiz justo que prova os corações. Seu juízo é verdadeiro e alcança toda obra, secreta ou pública.

Waaqi hujii maraayyuu, dansaalle teetu yookiin hantuu, ta dhokaataatitti hujantelle, gara mura’aa hin fida.

Akkuma Abbaan worra du’ane kaasee jiruu isaanii kennu, akkasuma Ilmille ka ifii fedheef jiruu kenna. Abbaan eennulle’etti hin muru, ammoo akka muruuf baallii guutuu Ilmaaf kenneera; Nami martinuu akkuma abbaa ulfeessu Ilmalle akka ulfeessuuf inni tana godhe. Ka Ilma hin ulfeessine martinuu, Abbaa isa ergelle hin ulfeessu.

«Ani dhugaa isinitti hima; nami jecha kiyya dhage’u ka na ergelle’etti ka dhugeeffatu jiruu bara baraa qaba; inni du’a irraa gara jiru’uu tareera; isatti hin murantu. Ani dhugaa isinitti hima, yennaan worri du’ane qoonqoo Ilma Waaqaa dhage’anu dhufaarti; ammumaayyuu dhutteerti; worri isii dhage’u jiru’uun le’a. Akkuma Abbaan madda jiru’uu te’e, Ilma ifiille madda jiru’uu akka te’u godheera. Inni Ilma Namaa waan te’eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera. Waan kana hin masoonfatina’a; yennaan worri du’e marti qoonqoo isaa dhage’u hin dhutti; awwaala ifii keessaalle’ee hin bayan; worri dansaa hujeeru jiruu dhaggatiisaaf ka’an; worri hantuu hujeeru akka itti murantuuf ka’an.

Yesuusiif Dhugaa Bayane

«Ani baallii tiyyaan womaa godhuu hin dande’u. Akkuma Abbaa kiyya irraa dhage’e mura; waan ka na erge fedhu qofa malee, waan ifii fedhu waan hin gooneef, muraan tiyya dhuga’a.

«Ani yoo waan kiyya dhugaa baye, dhugaa bayiisi kiyya akka dhuga’aatitti hin fudhatamu.

Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga. Inni yennaa dhufe, marroo cubbu’uu, marroo balchumma’aatii fi marroo mura’aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa. Isaan waan natti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu’uu inni isaanitti hin mudhisa;

Yesuus ammoo isaaniin, «Qoonqoon tun isiniif jettee dubbatte malee, anaafii moti. Yennaan biyya lafaa tanatti murantu amma; bulchaan biyya lafa tanaa Seexanni amma hin gatama. Ani Yennaa lafa tana irraa ol kaafame, nama maraa gara kiyya harkisa» jedhe.

Namichi, «Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha» jedhee isaa sagade.

Yesuus, «Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te’u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe» jedhe.

Prestando contas

Cada um prestará contas de si mesmo a Deus. O juízo começa pela casa de Deus e depois alcança os que não obedecem ao evangelho.

Namatti Hin Murin

Nama dhugeeffanna’aan dadhabeeru ifitti qabadha’a malee, yaada isaa irratti isa woliin hin mormina’a. Nami gariin dhugeeffannaa waan mara nyaachittu qaba; nami dhugeeffanna’aan dadhaba’aa ammoo waan ficha’atti dhaabamu qofa nyaata. Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha’atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera. Ati ka tajaajilaa nama dhibi’ii irratti murtu eennu? Inni yoo dhaabbate, yookiin yoo jige ka murteessu Goottaa isaa ti. Waan Goottaan isa dhaabbachiisuu dande’uuf, inni hin dhaabbata.

Maarre tokko tokkoon keenna waan gooneef Waaqaaf deebii hin kennina.

Worra Dhibii Hin Gufachiisin

Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu’utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha’a. Ani karaa Goottaa Yesuusiitiin te’ee sagaleen takkaalle ifii isi’iitiin battii akka hin te’in beekeera; ati ammoo sagaleen gariin akka battitti’iititti yoo dhugeeffatte, isiin battii si’iif teeti.

Guyyaan muraan jalqabantu geetteerti; muraan tun worra mana Waaqaa keessa jiru irratti jalqabanti. Eega muraan nu irratti jalqabantu teete, muummeen worra Oduu Gammadaa ta Waaqaatiif hin ajajannee maan te’itti ree?

Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle’etti hin murina’a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata.

Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille’eef safarama.

«Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne? Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, Huura ila teeti keessaa sii fuudhaattam jedhuu dandeetta?

Justiça e redenção

O juízo de Deus é também redenção. Ele livrou Israel do Egito com juízos e salva os arrependidos pela cruz de Cristo.

«Tanaaf ati Israa’elootaan, Mootiin Waan Maraa: Ani Mootii Waan Maraa ti; ani garbummaa Gibxi’ii jalaa isin baasee isin hin bilisoonsa. Irree tiyya ol kaasee, adabbii gugurdoo isaanitti fidee, isin hin woda

«Halkanuma san ani biyya Gibxi’ii keessa deddeemee, waan angafa te’e mara, ka namaatii fi ka hori’iille hin ijjeesa; waaqota biyya Gibxi’ii mara irratti hin mura. Ani Mootii Waan Maraa ti.

Ani si irratti ka’ee, si qofa yakkee,

waan hantuu si duratti godhe.

Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga’a;

muraan ati natti murtelle haqa.

Ee Mootii Waan Maraa, marroo muraa teetii

worri Xiyoonii dhage’anee hin gammadan;

kolbaan Yihuda’aalle hin ilillitti.

Seesa muka irraa qiriixamee hujame mara,

agara’aa fi burrisaan butuchane.

Isaan mana keeti ibiddaan gubane;

addee maqaan keeti itti waamamu batteessane.

Kanaan duuba qoonqoo, qoonqoo kolbaa bindilla’aa fakkaattu, qoonqoo guddoo ol-gubbaa irraa dhage’e; isiille, «Halle luuyyaa! Fayyisiis, ulfinnii fi hunni ta Waaqa keennaa ti! Muraan isaa dhuga’aa fi sirrii waan teeteef, inni sagaagaltuu guddittii sagaagalummaa ifiitiin lafa balleessite sanitti mureera; dhiiga tajaajiltoota ifii ta isiin dhangalaattelle baaseera» ta jettu.

Ammalle itti dabalanee, «Halle luuyyaa! Aarri qachaa gubatu sanii, bara baraa haga bara baraa ol ka’a» jedhane.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-