Pular para o conteúdo
Publicidade

Ler a Bíblia

Por Bíblia Online

Ler a Bíblia é essencial para a vida cristã. A Escritura é lâmpada para os pés, alimento para a alma e espada do Espírito. O cristão que lê a Bíblia é transformado pela Palavra.

A importância de ler

Meditar na Palavra dia e noite traz prosperidade e bom sucesso. Ler a Bíblia ilumina o entendimento e fortalece a fé.

Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.

Jechi keeti miila kiyyaaf issa’a;

daandii tiyyaafille ifa.

Hiiki jecha keetii ifa kenna;

worra wollaala’aaf hubantii kenna.

Seera Waaqaa Jaalatiisa

Ani attam attam seera keeti jaaladha!

Ani guyyaa guutuu itti deddeebi’ee isa yaada.

Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf,

diinota kiyya caalaa qaroo na godha.

Ani seera keeti itti deddeebi’ee waan yaaduuf,

barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba.

Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamuu

Dargaggooti attamiin karaa ifii

qulqullumma’aan eegatiisa dande’an?

Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.

Ani gadhaa tokkochaan si barbaada;

ajaja keeti irraa akka goru na hin lakkisin.

Akka si hin yakkineef,

jecha keeti gadhaa kiyya keessatti dhoffadheera.

A Escritura é inspirada

Toda a Escritura é útil para ensinar, corrigir e instruir em justiça. Examine as Escrituras — nelas encontramos a vida eterna.

Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.

Isin Barreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!

Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu’uuf barreeffante.

Barri waan dhiyaateeruuf, dubbii raagaa tana nami dubbisu, worri dhage’uu fi worri waan keessatti barreeffame eeggatu ka badhaadhe.

Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba’aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu.

Estudar com diligência

Os bereanos eram mais nobres porque examinavam as Escrituras diariamente. O estudo dedicado da Bíblia produz maturidade espiritual.

Yihudooti Berii’a jiranu worra Tasalonqe’ee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya’aan fedhii guddo’oon Barreeffama Woyyicha qorqorane.

Izraan seera Waaqaa qorqoree hujii irra oolchiisaaf, akkasuma ajaja Waaqaa, seeraa fi sirna Waaqaa kolbaa Israa’elii duudii barsiisiisaaf jiruu ifii duudii kenneera.

Isaanille Kitaaba Seera Waaqaa san kolba’aaf dubbisanee, akka wonni dubbifamu kolba’aaf galu hiikanee issane.

Yesuus isaaniin, «Isin akka malee dokonkortane! Maaf akka teete beettanii? Wonni akkana teeteef, isin Barreeffama Woyyicha yookiin hunna Waaqaa hin beettanu.

Ajajoota ani adha si ajaju kana ijjumaa hin dedhin. Ajajoota kana irra deddeebi’iitii ijoollee teeti barsiisi. Yennaa mana teettu, yennaa karaa ideentu, yennaa irkattu fi yennaa kaatu marroo ajajoota kanaa dubbadhu. Beessisa akka sii te’uuf harka keeti irratti hidhadhu; adda keeti irralle’etti hidhadhu.

Eebba Qarummaa Irraa Dhaggamu

Ilma kiyya, jecha kiyya yoo fudhatte,

ajaja kiyyalle qalbii teeti keessatti yoo bulfatte,

gurra keeti gara qarumma’aa yoo qabatte,

gadhaa keetille gara hubanti’ii yoo deebifatte,

beekkumsa guddaa yoo waammatte,

hubanti’iif qoonqoo ol qabattee yoo iyyite,

akka meeti’ii yookiin akka qabeenna dhoffameeruu,

qarummaa yoo barbaadde,

ati Mootii Waan Maraa sodaatiisa hin hubatta;

beekkumsa Waaqa beekiisalle hin dhaggatta.

Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,

beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.

Seja o primeiro