Frutos do Espírito
Os frutos do Espírito são evidências visíveis da presença de Deus na vida do crente. Amor, alegria, paz, paciência — são marcas que diferenciam os filhos de Deus no mundo.
O fruto do Espírito
O fruto do Espírito é amor, alegria, paz, paciência, amabilidade, bondade, fidelidade, mansidão e domínio próprio. Contra estas coisas não há lei.
Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama, qajeelumma’aa fi ifi qabatiisa. Seerri waan akkasii kana dhooggu hin jiru.
Isin dur dukkana keessa turtane, kolbaa Gootta’aa eega teetane ammoo, ifa keessa jirtan. Maarre isin akka kolbaa ifaa jiraadha’a. Sababille wonni dansaan marti, balchumma’aa fi dhugaan ifa keessaa madditi. Waan Goottaa gammachiisu qorqora’aatii bira geya’a.
Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti’i; akkasuma nageellitti’i, qajeeltu’u, ifi kennitu’u, mararti’ii fi midhaan dansa’aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre. Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma’aa wolitti qabata.
Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du’a keessaa ka’ee teetaneertan. Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du’aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu. Amma ammoo, Seera nu hidheeru jalaa duunee, hidhaansa isaa jalaa baaneerra. Tanaaf haganaa achi karaa haareya Ayyaanaatiin malee, karaa Seera dullacha barreeffameeruutiin hin tajaajillu.
Waan amma ittiin fokkifattanu kana irraa yennaa san bu’aa maan dhaggattane ree? Muummeen waan saniille du’a! Amma ammoo cubbuu jalaa baatanee garboota Waaqaa waan teetaneef woyyummaa hin dhaggatan; muummeen woyyumma’aalle jiruu bara baraa ti.
Permanecer em Cristo
Quem permanece em Cristo dá muito fruto. Toda árvore boa produz bons frutos — e é pelo fruto que se conhece a árvore.
Anaan jiraadha’a, anille isiniin hin jiraadha. Dameeleen ifumaan midhaan buuttee hin dandeettu; muka woyni’iititti yoo jiraatte qofa midhaan buutti. Akkasuma isinille yoo anaan hin jiraatin midhaan buusuu hin dandeettanu.
«Ani muka woyni’ii ti, isin dameele’e. Ka anaan jiraatu, ka anille isaan jiraadhu, inni midhaan hedduu hin buusa; anaan malee womaa godhuu hin dandeettanu.
Midhaan hedduu isin buuttanuun Abbaan kiyya ulfaata; barattoota tiyya te’uu keessanille mudhittan.
«Muki dansaan midhaan hamaa hin buusu, muki hamaalle midhaan dansaa hin buusu. Muki martinuu midhaan buusuun beekkama; midhaan harru’uu waaccuu irraa yookiin midhaan woyni’ii kom’olcha irraa hin guuranu. Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.
Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha’a.
Semear e colher
Quem semeia na justiça colherá fruto de vida. Os frutos do Espírito são a colheita de uma vida plantada no Senhor.
Ani, ‹Yennaan tun yennaa isin ana Mootii Waan Maraa barbaaddanu waan teeteef, haga ani dhufee balchummaa isin irratti dhangalaasutti, ifumaaf balchummaa facaafadha’a; midhaan jaalala bara baraa haammadha’a; lafa hin qotamin qota’a› jedhe.
Balchooti gatii hujii ifii waan dhaggatanuuf, wonni dansaan akka isaaniif te’u’uuf jirtu, itti hima’a.
Dada qofa adoo hin te’in, nuutinuu worri Ayyaana kennaa mata’aa te’e qannu, Waaqi ilma isaa ka guddisaa te’iisa keenna akka mudhisuu fi du’a jalaa wodamiisa keenna eegataa, keessa keennatti aadiisatti jirra.
Midhaan kiyya
worqii qulqulluu caala;
kennansi kiyya meetii qullittii caala.