Livramento
Deus é o grande Libertador. Através da Bíblia, vemos Deus livrando seu povo de inimigos, de perigos e da morte. Quem clama ao Senhor, Ele ouve e liberta.
Deus ouve e livra
Clamaram ao Senhor na sua tribulação, e Ele os livrou das suas angústias. O Senhor é refúgio e a salvação dos que nele confiam.
Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa.
Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
Inni na waammata; anis nan deebisaaf;
rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa;
isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.
Anis Waaqayyoon, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;
Waaqa koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.
Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa,
dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.
Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis
Waaqayyo Goofticha biraa dhufa.
Akka ani fuula Waaqaa dura,
ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf,
ati lubbuu koo duʼa jalaa,
miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.
Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa;
harka jalʼootaatiis isaan baasaa.
Yaa Waaqayyo, na fayyisuutti gammadi;
yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf dafii kottu.
Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu,
yeroo ati itti argamtutti si haa kadhatu;
lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.
Livramento poderoso
Deus livrou Daniel dos leões, os jovens hebreus do fogo e Israel do Egito. Seu braço não é curto para salvar.
Yaa Mootii, nu yoo boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamne, Waaqni nu isa tajaajillu sun nu oolchuu dandaʼa; harka keetii illee nu baasuu dandaʼa. Yaa Mootii, yoo inni nu baasuu baate iyyuu nu waaqota kee akka hin tajaajille yookaan fakkii warqee ati dhaabde sanaaf akka hin sagadne akka beektu barbaanna."
Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo
warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; Waaqayyos moʼannaa guddaa isaaniif kenne.
Yoo isin isaan miitanii isaan immoo natti booʼan ani dhugumaan booʼicha isaanii nan dhagaʼa.
"Bara duriitii jalqabee ani isuma.
Namni tokko iyyuu harka kootii waa baasuu hin dandaʼu.
Ani nan hojjedha; eenyutu dhowwuu dandaʼa?"
Redenção e restauração
Todo aquele que invocar o nome do Senhor será salvo. Deus livra do pecado, da morte e de todo mal aqueles que se humilham diante dele.
"Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii."
Egaa amma maal eegda ree? Kaʼii maqaa isaa waammachaa cuuphamiitii cubbuu kee of irraa dhiqi.’
akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Yesuus isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka samii irraa eeggattan ni himu.
yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.
Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha. Yoo isin maqaa kootiin waan kam iyyuu na kadhattan ani nan raawwadha.
Yesuus Akka Hafuura Qulqulluu Erguu Abdachiise
"Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa. Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;
Akka Waaqni cubbamoota hin dhageenye ni beekna. Inni nama isa waaqeffatuu fi fedhii isaa guutu dhagaʼa.
Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.
Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!
Inni Waaqa ni kadhata; isa birattis fudhatama argata;
fuula Waaqaa ni arga; ni ililchas;
Waaqnis gara qajeelummaa isaa kan duriitti isa ni deebisa.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.