Pular para o conteúdo
Publicidade

Livro da vida

Por Bíblia Online

O Livro da Vida é o registro celestial dos nomes daqueles que pertencem a Deus. Estar escrito no Livro da Vida é a garantia da salvação eterna e da entrada na Nova Jerusalém.

Registrados no céu

Alegrai-vos por terem vossos nomes escritos nos céus. O Livro da Vida pertence ao Cordeiro de Deus desde a fundação do mundo.

Te’uu malee, maqaan keessan ol-gubbaatti waan barreeffameef gammada’a malee, ayyaanni hamaan waan isiniif ajajameef hin gammadina’a» isaaniin jedhe.

Atille waa’elli kiyya addatamaan, dubartoota tana akka qarqaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru’uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te’anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf na woliin jabaatanee hujaneeran.

Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru’uu ka Hoolicha qalamee keessatti hin barreeffamin, namooti lafa irra le’anu marti bineensa saniif hin sagadan.

Bineensi ati dhaggite sun duri jira, amma ammoo hin jiru; boolla qilee keessalle’ee ol bayee, gara badii ifii hin deema. Haga biyyi lafaa dadantee jalqabee, worri maqaan isaanii kitaaba jiru’uu keessatti hin barreeffamin, worri lafa irra le’anu akka bineensichi duri jiru, amma ammoo akka hin jiraatin, deebi’eelle akka dhufu, yennaa dhagganu hin baaseffatan.

O juízo final

No dia do julgamento, os livros serão abertos. Quem não for encontrado no Livro da Vida será lançado no lago de fogo.

Muraa Muumme’ee

Achiin duuba barcumaa mootumma’aa adi’ii fi ka isa irra te’eeru dhagge. Ol-gubbaaa fi latti isa duraa baqatane; addeelle isaaniif hin dhagganne. Worri du’e diqqa’aa fi guddaan, barcumaa mootumma’aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru’uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du’etti akkuma hujii isaaniititti murame. Abbaayaan guddoolle worra du’e ka isii keessa jiru kennite; du’aa fi addeen worri du’e jiru worra du’ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame. Achiin duuba du’aa fi addeen worri du’e jiru abbaayaa ibiddaatitti qolaanfamane; abbaayaan ibiddaa sun du’a lammeesso’oo ti. Nami maqaan isaa kitaaba jiru’uu keessatti bareeffamee hin dhaggamin marti abbaayaa ibiddaatitti qolaanfame.

Worra kitaaba jiru’uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu.

Bara Muumme’ee

Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa’el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka’a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan. Worri hedduun du’ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka’an.

Nami injifatulle akkuma isaanii woyaa adii hin uffata; anille Abbaa kiyyaa fi ergantoota isaa duratti dhugaa hin bayaaf; maqaa isaalle kitaaba jiru’uu keessaa hin haqu.

O registro divino

Deus registra cada vida, cada lágrima e cada momento. Nada passa despercebido diante daquele que tudo vê e tudo guarda.

Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,

adoo ani dhiigaatuu,

ilti teeti na dhaggite;

dhaladhee barri jiruu tiyyaa

laakkowamiisa adoo hin jalqabin,

guyyooti naaf yaadamane marti

kitaaba keeti keessatti barreeffamane.

Ati daaqiisa kiyya laakkotteerta;

imimmaan tiyya qodaa keetitti kuucheerta;

wonni kun dhugumaan

kitaaba keessatti barreeffamaneeranii motii?

Isaan worra ati dhaante ari’an;

marroo farra worra ati madeessitee haasowan.

Yakkaa ifii irratti

yakkaa akka dabalatanuuf isaan lakkisi;

gara balchummaa teetii isaan hin fidin.

Maqaan isaanii

galmee worra jiraata’aa keessaa haqamuu ti;

isaan worra balchoolee woliin hin galmeeffamin.

Achiin duuba worri Mootii Waan Maraa sodaatu woliin dudubbatane; Mootiin Waan Maraa isaan caqasee, waan isaan dudubbatane dhage’e; kitaab dabarsii marroo worra isa sodaatanuutii fi worra maqaa isaa ulfeessanuu, fuula isaa duratti barreeffame.

Amma ammoo, maganne’ee cubbuu isaanii, isaaniif araarami; yoo araaramuu dhadde ammoo kitaaba maqaa kiyya itti barreessite keessaa maqaa kiyya haqi» jedhe.

Mootiin Waan Maraa deebisee, Muuse’een, «Nama na duratti cubbuu huje qofa, ani maqaa isaa kitaaba kiyya keessaa haqa.

Seja o primeiro

Este artigo te tocou? Faça uma oração!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.