Maria
Maria, mãe de Jesus, é honrada nas Escrituras como a mulher escolhida por Deus para trazer ao mundo o Salvador. Sua fé, humildade e obediência são exemplo para todos os cristãos.
A escolhida de Deus
O anjo Gabriel anunciou a Maria que ela seria mãe do Filho do Altíssimo. Ela respondeu com fé: 'Faça-se em mim segundo a tua palavra.'
Dhalooti Yesuusii Duraanuu Himame
Elsaabeex ulfoottee ji’a jayeesso’ootitti Waaqi erganticha Gabri’eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu, gara durra duuddu’uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti. Ergantichi Waaqaa gara isi’ii dhufee, «Ati ta guddoo badhaateertu; nageenni si’iif te’u; Goottaan si woliin jira!» isi’iin jedhe.
Ergantichi Waaqaa isi’iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. Inni guddaa hin te’a, Ilma Waaqa Ol Aana’aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa. Inni kolbaa Israa’eliitiif haga bara baraa mootii hin te’a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.
Dhaloota Yesuus Kiristoosii
Dhalooti Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaamiin Yoseefiif kadhatanteertu adoo isaan wol bira hin geyin dura, Ayyaana Woyyichaan ulfoottee dhaggante.
O Magnificat
Maria cantou: 'Minha alma engrandece ao Senhor!' Seu cântico exalta a misericórdia, o poder e a fidelidade de Deus.
Faaruu Maariyaami’ii Ta Galataa
Maariyaam:
«Lubbuun tiyya Goottaa galateessiti;
ayyaanni kiyyalle Waaqa fayyisaa kiyyatti hin gammada.
Inni garbittii ifii
gad aantuu qaabateera.
Ammaa jalqabee dhalooti duudiin ta badhaate anaan jedha.
Waaqi dande’aan waan guddoo naaf godhe.
Maqaan isaalle woyyicha.
Marartiin isaa worra isa sodaatuuf
dhalootaa haga dhalootaa ti.
Inni dandeettuu irree ifii mudhisee,
worra kooru yaada gadhaa isaanii woliin firfirse.
Mootota jajjaba barcumaa mootummaa isaanii irraa buusee, worra gad aanaa ol kaase.
Worra beelowe waan dansa’aan quussee,
dureeyyii harka duwwaa gad lakkise.
Abbootii teenna Abrahaamii fi sanyii isaa maraaf addii haga bara baraa kenne qaabatee,
marartii ifiitiin garbicha ifii Israa’el gargaareera» jette.
Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te’eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda’aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe. Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe. Adoo isaan Beeteelem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette. Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma’aa keessaa addee buli’ii waan dhabaneef, annuu hoccu’uun martee goongaa keessa irkitte.
Maariyaamiin ammoo, waan kana mara gadhaa ifii keessatti qabattee itti yaadatte.
Achiin duuba Simoon isaan eebbisee, Maariyaami’iin, «Daa’inni kun Israa’el keessatti nama heddu’uuf sababa badi’ii, nama heddu’uufille sababa fayyinnaa akka te’uuf Waaqaan filatameera. Inni beessisa Waaqa biraa kenname, ka kolbaan hedduun mormitu te’ee, yaada isaanii ka dhossa’aa ifatti hin baasa. Gaddi akka shallaagaa qaramee gadhaa keeti hin woraana» jedhe.
Abba’aa fi haati isaa yennaa achitti isa dhaggane maalalane. Haati isaa, «Ilma kiyya maaf akkana nu tolchite? Anii fi abbaan keeti akka malee yaannee si barbaadiisatti jirra» isaan jette.
Yesuus deebisee, «Isin maaf na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kiyyaa keessa tee’uu male hin beennee?» isaaniin jedhe. Isaan ammoo waan inni dubbate hin hubanne.
Achiin duuba Yesuus worra ifii woliin gara qachaa Naaziretii deebi’ee, worraafille ajajame. Haati isaa waan te’e san mara gadhaa ifiititti qabatte.
Mãe fiel até o fim
Maria acompanhou Jesus desde o nascimento até a cruz. Ela estava entre os discípulos no Pentecostes, fiel em oração.
Yennaa daadhiin woyni’ii dhumatte, haati Yesuusii, «Daadhii woyni’ii isaan duraa dhumatte» Yesuusiin jette.
Yesuus, «Aayyaa, waan huju natti himu’uuf hin malle; yennaan tiyya ammalle hin geenne» jedhee deebise.
Achiin duuba haati Yesuusii, «Waan inni isinitti himu godha’a» jettee tajaajiltootatti hinte.
Fannoo Yesuusii cinaa, haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaamiin niitiin Qilopha’aatii fi Maariyaamiin Magdalaa dhaabbataneeraniiyyu. Yesuus haadha ifiitii fi barataa ifii ka jaalattu achi dhaabbatanuun yennaa dhagge, haadha ifiitiin, «Haadha tiyya, inni ilma keeti» jedheen.
Achiin duuba barattichaan, «Isiin haadha teeti» jedheen. Yennaa sanii jalqabee barattichi mana isaa akka leetuuf gara mana ifii isii fudhate.
Haadhaa fi Obboleeyyan Yesuusii
Achiin duuba haati Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa dhufanee ala dhaabbatanee, itti erganee isa waansisane. Gumiin cinaa isaa marsitee teetteertu Yesuusiin, «Kunoo, haati teetii fi obboleeyyan teeti ta dhiiraatii fi ta durraa alaa si barbaadiisatti jiran» jedhane.
Yesuus deebisee, «Haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya eennu fa’a?» isaaniin jedhe. Inni gara worra isa marsee te’eeru midhatee, «Kunoo, haati tiyyaa fi obboleeyyan tiyya worra as jiranu kana! Fedhii Waaqaa ka muummessu eennuuyyuu obboleessa kiyya, obboleettii tiyya, haadha tiyyalle’e» jedhe.
Kun ilma namicha muka bocuutii motii? Haati isaa Maariyaam jedhantii motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihuda’aa motii? Obboleettoti isaalle martinuu nu woliin jiranii motii? Inni waan kana mara eessaa dhaggate?
Isaan duudiinuu dubartoota, Maariyaamii haadha Yesuusiitii fi obboleeyyan isaa woliin wolitti qabamanee, yaada tokkoon daadimataaraniiyyu.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.