Pular para o conteúdo
Publicidade

Marido e mulher

Por Bíblia Online

O casamento é aliança sagrada entre marido e mulher, instituída por Deus desde o Éden. A Bíblia define papéis complementares fundados em amor, respeito e fidelidade mútua.

Instituição divina

Deus criou homem e mulher e os uniu em uma só carne. O casamento é projeto divino que reflete o amor de Cristo pela Igreja.

Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume;

akka bifa Waaqaatti isa uume;

innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.

Waaqayyo Waaqni, "Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf" jedhe.

Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.

Yesuusis akkana jedhee deebise; "Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume hin dubbifnee? Inni akkana jedhe; Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu. Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin."

Waaqayyo tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.

Papéis no casamento

O marido ama e a mulher respeita. Ambos se submetem voluntariamente a Deus e um ao outro, em parceria e unidade.

Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe. Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu;

Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.

Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.

Qajeelfama Maatii Kiristaanaatiif Kenname

Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa.

Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.

Niitonni Dhirsootaaf Buluu

Yaa niitota, yoo dhirsoonni dubbicha hin amanne tokko tokko jiraatan akka isaan dubbii tokko malee amaluma niitota isaaniitiin boojiʼamaniif isinis akkasuma dhirsoota keessaniif ajajamaa; isaanis yommuu qulqullinaa fi sodaa isin jireenya keessan keessatti qabdan arganitti ni boojiʼamu.

Dirqama Dhirsootaa

Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.

Fidelidade e união

O casamento é honroso e deve ser preservado com fidelidade. O cordão de três dobras não se rompe facilmente.

Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif

nama tokko irra nama lama wayya:

Yoo inni tokko kufe,

inni kaan ol isa qaba.

Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne

garaa nama nyaata!

Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa;

nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?

Namni tokko moʼatamuu dandaʼa;

namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu.

Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.

Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?

Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.

Dhirsi ishee guddisee ishee amanata;

inni waan faayidaa qabu tokko illee hin dhabu.

Namni niitii argatu waan gaarii argata;

fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.

Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;

niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.

Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;

niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.

Burqaan kee haa eebbifamu;

niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.

Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti;

harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu;

yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.

Permanecer juntos

O que Deus uniu, o homem não separe. A Bíblia protege o casamento e orienta sobre convivência, perdão e perseverança conjugal.

Waaʼee Fuudhaa fi Heerumaa

Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha. Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu. Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu. Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha. Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.

Warra fuudhanii fi warra heerumaniifis ajajni ani kennu kana: Ajaja kanas Gooftaatu kenna malee ana miti; niitiin dhirsa isheetiin gargar hin baʼin. Yoo gargar baate garuu utuu hin heerumin haa jiraattu; yoo kanaa achii dhirsa isheetti haa araaramtu. Dhirsis niitii isaa hin hiikin.

Namni amantii hin qabne garuu yoo gargar baʼuu fedhe gargar haa baʼu. Obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko haala akkasii keessatti hin hidhaman; Waaqni akka isin nagaan jiraattaniif isin waameeraatii. Yaa niitii, ati dhirsa kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta? Yookaan yaa dhirsa, ati niitii kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta?

Dubartiin heerumte tokko hamma inni lubbuudhaan jirutti seeraan dhirsa isheetti hidhamteerti; yoo dhirsi ishee duʼe garuu seera fuudhaa fi heerumaa sana irraa hiikamteerti.

Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.

Seja o primeiro