Pular para o conteúdo
Publicidade

Milagres de Jesus

Por Bíblia Online

Os Evangelhos registram dezenas de milagres realizados por Jesus — curas, ressurreições, domínio sobre a natureza e libertações. Cada milagre revelava sua divindade e compaixão.

Curas de cegos e surdos

Jesus devolveu a visão aos cegos e a audição aos surdos, manifestando seu poder sobre toda enfermidade e deficiência.

Yesuus Jaamota Lama Fayyisuu Isaa

Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, "Yaa Ilma Daawit nu maari!" jedhanii iyyan.

Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, "Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?" jedhee isaan gaafate.

Isaanis, "Eeyyee, yaa Gooftaa!" jedhanii deebisaniif.

Yesuusis ija isaanii qaqqabee, "Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu" jedheen. Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, "Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa" jedhee jabeessee isaan akeekkachiise. Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan.

Jaamonni Lama Fayyifamuu Isaanii

Utuu Yesuusii fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe. Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Yesuus achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, "Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!" jedhan.

Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, "Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!" jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.

Yesuusis dhaabatee isaan waamee, "Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?" jedhee isaan gaafate.

Isaan immoo, "Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna" jedhanii deebisan.

Yesuusis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan.

Yesuus Beetisayidaatti Nama Jaamaa Fayyise

Isaanis Beetisayidaa dhaqan; jarri tokkos namicha jaamaa tokko fidanii akka inni isa qaqqabuuf Yesuusin kadhatan. Innis namicha jaamaa sana harka qabee ganda sana keessaa baase. Ija isaattis tufee, harka isaas irra kaaʼee, "Waa arguu dandeessaa?" jedhee gaafate.

Namichis ol ilaalee, "Namoota nan arga; isaan muka deemu natti fakkaatu" jedhe.

Yesuus amma illee harka isaa ija namichaa irra kaaʼe. Iji namichaas ni baname; agartuun isaa ni deebiʼeef; waan hundas sirriitti arge. Yesuusis namichaan, "Gara ganda sanaa seentee waan kana nama tokkotti illee hin himin" jedhee gara mana isaatti isa erge.

Namichi Duudaa fi Arrab-didaan Tokko Fayyuu Isaa

Ergasiis Yesuus biyya Xiiroosiitii kaʼee Siidoonaa keessa darbee, kutaa Magaalaa Kurnanii keessa baʼee gara galaana Galiilaa dhufe. Jarri tokkos namicha gurra duudaa fi arrab-didaa tokko isatti fidanii akka inni harka isa irra kaaʼuuf kadhatan.

Yesuusis namicha sana tuuta keessaa kophaatti baasee quba isaa gurra namichaa keessa kaaʼe. Hancufa tufees arraba namichaa tuqe. Gara samiis ol ilaalee, hafuura guddaa baafatee, "Eftaah!" jedheen; kana jechuunis "Banami!" jechuu dha. Gurri namichaas yommusuma baname; arrabni isaas hiikamee rakkina tokko malee dubbachuu jalqabe.

Yesuusis akka isaan nama tokkotti illee hin himneef namoota sana ajaje. Hammuma inni cimsee isaan ajaje sana, isaanis ittuma caalchisanii odeessan. Warri oduu sana dhagaʼanis akka malee dinqifatanii, "Inni waan hunda gaarii godheera; warri duudaanis akka dhagaʼan, warri arrabni isaanii dubbachuu dides akka dubbatan ni godha" jedhan.

Iji Barxiimewos Banamuu Isaa

Isaanis Yerikoo dhufan. Utuu Yesuus barattoota isaatii fi tuuta namootaa guddaa isaa wajjin Yerikoodhaa baʼaa jiruu, namichi jaamaan Barxiimewos jedhamu ilmi Ximeewos karaa irra taaʼee kadhachaa ture. Barxiimewosis yommuu akka inni Yesuus isa Naazreeti taʼe dhagaʼetti, "Yesuus, yaa ilma Daawit na maari!" jedhee iyyuu jalqabe.

Namoonni baayʼeen akka inni calʼisuuf ifatan; inni garuu, "Yaa ilma Daawit na maari!" jedhee ittuma caalchisee iyye.

Yesuusis dhaabatee, "Isa waamaa" jedhe.

Isaanis, "Jabaadhu! Kaʼi inni si waamaatii" jedhanii namicha jaamaa sana waaman. Innis wayyaa isaa of irraa darbatee, utaalee kaʼee gara Yesuus dhufe.

Yesuusis, "Akka ani maal siif godhu barbaadda?" jedhee isa gaafate.

Namichi jaamaan sunis, "Yaa barsiisaa, ani arguun barbaada" jedheen.

Yesuusis, "Amantiin kee si fayyiseeraa deemi" jedheen. Innis yeruma sana argee karaa irra buʼee Yesuus duukaa buʼe.

Namichi Jaamaan Tokko Fayyifamuu Isaa

Yeroo Yesuus Yerikootti dhiʼaatetti, namichi jaamaan tokko qarqara karaa taaʼee kadhachaa ture. Innis akka tuunni namootaa karaa sana darbaa jiru dhageenyaan, waan taʼaa ture gaafate. Isaanis, "Yesuus nama Naazreetitu asiin darbaa jira" jedhanii isatti himan.

Innis, "Yesuus, yaa ilma Daawit, na maari!" jedhee iyye.

Namoonni fuula dura deemaa turanis akka inni calʼisuuf isa ifatan; inni garuu, "Yaa ilma Daawit na maari!" jedhee ittuma caalchisee iyye.

Yesuusis dhaabatee akka isaan namicha gara isaa fidan ajaje. Yommuu inni gara isaatti dhiʼaatetti Yesuus akkana jedhee isa gaafate; "Akka ani maal siif godhu barbaadda?"

Namichis, "Yaa Gooftaa, ani arguun barbaada" jedhee deebise.

Yesuusis, "Argi; amantiin kee si fayyiseeraa" jedheen. Innis yeruma sana argee Waaqa jajachaa Yesuus duukaa buʼe. Namoonni hundinuus yommuu waan kana arganitti Waaqa jajan.

Yesuus Namicha Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa

Yesuus utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. Barattoonni isaas, "Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?" jedhanii isa gaafatan.

Yesuusis akkana jedhee deebise; "Akka hojiin Waaqaa isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti. Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa. Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti."

Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe. Innis namicha sanaan, "Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu" jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe.

Curas de paralíticos e enfermos

Paralíticos caminharam, leprosos ficaram limpos e todo tipo de doença foi curada pelo toque e pela palavra de Jesus.

Kunoo namichi lamxaaʼaan tokkos dhufee, fuula isaa duratti jilbeenfatee, "Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa" jedheen.

Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, "Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!" jedheen. Lamxiin isaas yeruma sana qulqullaaʼe. Ergasiis Yesuus, "Nama tokkotti illee akka hin himne beekkadhu. Garuu dhaqiitii akka isaaniif ragaa taʼuuf lubatti of argisiisi; kennaa Museen ajaje sana illee dhiʼeessi" jedheen.

Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, "Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii" jedhe.

Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, "Kunoo, namichi kun Waaqa arrabsa!" jedhan.

Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedhe; "Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu? Cubbuun kee siif dhiifameerajechuu moo Kaʼii deemijechuutu salphaa dha? Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe. Namichis kaʼee mana isaatti gale.

kunoo, namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaanis sababii ittiin Yesuusin himatan barbaadaa waan turaniif, "Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun seeraa?" jedhanii isa gaafatan.

Yesuus immoo akkana isaaniin jedhe; "Isin keessaa namni hoolaa tokko qabu, yoo hoolaan sun guyyaa Sanbataatiin boolla keessa buʼe, kan harkisee hin baafanne jiraa? Namni immoo hammam hoolaa caalaa gatii guddaa haa qabaatu ree! Kanaafuu Sanbataan waan gaarii hojjechuun eeyyamamaa dha."

Namichaanis, "Harka kee diriirfadhu" jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutummaatti fayyee akkuma isa kaanii taʼe.

Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan. Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde.

Namicha Lamxaaʼaa Tokko

Namichi lamxaaʼaan tokko gara isaa dhufee jilbeenfatee, "Yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa" jedhee isa kadhate.

Yesuusis garaa laafeefii, harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, "Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!" jedheen. Yeruma sana lamxiin sun namicha irraa bade; namichis ni qulqullaaʼe.

Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe kan namoota afuriin baatame tokko gara isaa fidan. Isaanis sababii baayʼina namaatiif namicha sana Yesuusitti dhiʼeessuu dadhabanii qixa Yesuus tureen bantii manaa saaqanii siree namichi dhagni irratti duʼe irra ciise sana gad buusan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera" jedhe.

Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko achi tataaʼanii garaa isaanii keessatti, "Namichi kun maaliif akkana dubbata? Inni Waaqa arrabsa! Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?" jedhanii yaadan.

Yesuusis yeruma sana akka wanni isaan garaa isaanii keessatti yaadaa turan kana taʼe hafuuraan beekee akkana jedheen; "Isin maaliif waan kana yaaddu? Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, Cubbuun kee siif dhiifameerajechuu moo Kaʼii siree kee fudhadhuu deemijechuutu salphaa dha? Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha sanaan, "Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe. Innis kaʼee, yommusuma siree isaa fudhatee utuma isaan hundinuu arganuu baʼe deeme. Kunis hunda isaanii dinqisiise; isaanis, "Nu takkumaa waan akkanaa arginee hin beeknu!" jedhanii Waaqa jajan.

Yesuus Guyyaa Sanbataatiin Fayyisuu Isaa

Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan. Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, "Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu" jedhe.

Yesuusis, "Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?" jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.

Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, "Harka kee diriirfadhu!" jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.

Namicha Lamxaaʼaa Tokko

Utuu Yesuus magaalaawwan sana keessaa isa tokko keessa jiruu namichi dhagni isaa guutuun lamxaaʼe tokko gara isaa dhufe. Innis yommuu Yesuusin argetti adda isaatiin lafatti gombifamee, "Yaa Gooftaa, yoo fedhii kee taʼe, ati na qulqulleessuu ni dandeessa" jedhee isa kadhate.

Yesuusis harka isaa hiixatee namicha qaqqabee, "Fedhii koo ti; qulqullaaʼi!" jedheen; lamxiin sunis yeruma sana namicha irraa bade.

Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe tokko sireedhaan baatanii dhufan; isaanis fuula Yesuus dura isa kaaʼuuf jedhanii manatti ol isa galchuu yaalan. Sababii baayʼina namaatiifis karaa ittiin ol isa galchan dhabnaan bantii manaatti ol baʼanii qadaada bantii manaa saaqanii walakkaa namootaatiin fuula Yesuus duratti siree isaatiin gad isa buusan.

Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti, "Namichoo, cubbuun kee siif dhiifameera" jedhe.

Fariisonnii fi barsiistonni seeraas, "Namichi Waaqa arrabsu kun eenyu? Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?" jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.

Yesuusis waan isaan yaadaa turan beekee akkana jedhee gaafate; "Isin maaliif garaa keessan keessatti waan kana yaaddu? Cubbuun kee siif dhiifameerajechuu moo Kaʼii deemijechuutu salphaa dha? Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe. Innis yeruma sana kaʼee fuula isaanii dura dhaabate; waan irra ciisaa tures fudhatee Waaqa jajachaa mana ofii isaatti qajeele.

Sanbata biraas inni mana sagadaa seenee barsiisaa ture; namichi harki isaa mirgaa irratti goge tokkos achi ture. Fariisonnii fi barsiistonni seeraa Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan nama fayyisu ilaaluuf isa gaadan. Yesuus garuu waan isaan yaadan beekee namicha harki irratti goge sanaan, "Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu" jedhe. Innis kaʼee achi dhaabate.

Yesuusis, "Anis isinan gaafadha; Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo balleessuu?" isaaniin jedhe.

Gara galees hunda isaanii ilaalee namichaan, "Harka kee diriirfadhu" jedhe. Innis akkasuma godhe; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.

Amantii Ajajaa Dhibbaa

Yesuus yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene. Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Yesuus dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; "Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala; inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera." Kanaafuu Yesuus isaan wajjin deeme.

Yeroo inni manichatti dhiʼaatetti ajajaan dhibbaa sun akkana jedhee michoota isaa Yesuusitti erge; "Yaa gooftaa of hin rakkisin; ati bantii mana koo jala seenuun naaf hin maluutii. Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, Deeminan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, Kottunan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, Waan kana hojjedhunan jedha; innis ni hojjeta."

Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, "Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne" jedhe. Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege.

Dubartiin hafuurri hamaan waggaa kudha saddeeti dugda ishee goophesse tokkos achi turte; isheenis waan gad gogdeef gonkumaa ol jechuu hin dandeessu turte. Yesuusis yommuu ishee argetti ofitti ishee waamee, "Dubartii nana, ati dhukkuba kee irraa fayyiteerta" jedheen, Innis harka isaa ishee irra kaaʼe; isheenis yeruma sana ol jettee Waaqa galateeffatte.

Yesuus Mana Fariisicha Tokkootti

Guyyaa Sanbataa tokko yommuu Yesuus buddeena nyaachuuf mana Fariisicha beekamaa tokkoo dhaqetti, namoonni xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan. Namichi dhagni isaa dhiitaʼe tokkos fuula isaa dura ture. Yesuusis, "Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun ni eeyyamama moo hin eeyyamamu?" jedhee Fariisotaa fi hayyoota seeraa gaafate. Isaan garuu ni calʼisan; innis namicha harkaan qaqqabee fayyisee gad isa lakkise.

Lamxaaʼonni Kudhan Fayyuu Isaanii

Yesuus utuu Yerusaalem dhaquu Samaariyaa fi Galiilaa gidduu darbaa ture. Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii, sagalee isaanii ol fudhatanii, "Yesuus yaa Gooftaa, nuu naʼi!" jedhan.

Innis yommuu isaan argetti, "Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!" jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.

Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.

Yesuusis akkana jedhee gaafate; "Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan? Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Waaqaaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?" Yesuusis, "Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii" jedheen.

Yesuus Beetisayidaatti Dhukkubsataa Fayyisuu Isaa

Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol baʼe. Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba. Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.] Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture. Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, "Ati fayyuu barbaaddaa?" jedhee isa gaafate.

Dhukkubsataan sunis, "Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena" jedheen.

Kana irratti Yesuus, "Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi" jedheen. Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme.

Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture;

Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture. Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate.

Kana irratti Yesuus, "Isin yoo mallattoo fi dinqii argitan malee hin amantan!" isaan jedhe.

Qondaaltichis, "Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi" jedheen.

Yesuusis, "Ilmi kee ni jiraataatii gali!" jedheen.

Namichis waan Yesuus isatti dubbate amanee deeme. Utuu inni deemaa jiruus tajaajiltoonni isaa itti dhufanii akka ilmi isaa lubbuun jiru itti himan. Innis yeroo itti mucaa isaatti wayyaaʼe gaafate; isaanis, "Kaleessa saʼaatii torbatti dhagna gubaan isa dhiise" jedhaniin.

Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, "Ilmi kee ni jiraata" jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan.

Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha.

A mulher com fluxo de sangue

Uma mulher que sofria há doze anos tocou a orla do manto de Jesus e foi curada instantaneamente pela sua fé.

Kunoo, dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokko dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe. Isheenis garaa ishee keessatti, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii.

Yesuusis garagalee ishee ilaalee, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseeraatii jabaadhu!" jedheen. Dubartiin sunis yeruma sana fayyite.

Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. Isheenis yommuu waaʼee Yesuus dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. Isheen, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii. Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.

Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte; garuu namni tokko iyyuu ishee fayyisuu hin dandeenye. Isheenis dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe; dhiigni ishees yommusuma cite.

Yesuusis, "Eenyutu na tuqe?" jedhee gaafate.

Yommuu hundi isaanii haalanitti Phexros, "Yaa barsiisaa namoonni tuuttaʼanii si dhiibaa jiru" jedhe.

Yesuus garuu, "Namni wayii na tuqeera; ani akka humni na keessaa baʼe nan beekaa" jedhe.

Dubartittiinis akka utuu hin beekamin deemuu hin dandeenye hubannaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte. Isheenis maaliif akka isa tuqxee fi akkamittis akka yommusuma fayyite namoota sana hunda duratti dubbate. Kana irratti inni, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi" jedheen.

Ressurreições

Jesus ressuscitou mortos — a filha de Jairo, o filho da viúva de Naim e Lázaro. Ele é Senhor sobre a morte.

Intala Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte

Utuu inni waan kana dubbachaa jiruu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, "Intalli koo ammuma na duraa duute. Garuu kottuutii harka kee ishee irra kaaʼi; isheenis ni jiraattii" jedheen. Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin isa duukaa buʼe.

Yesuusis yommuu mana bulchaa mana sagadaa sanaa seenee warra ulullee afuufanii fi uummata wacu argetti, "Asii deemaa! Intalattiin rafteerti malee hin duunee" jedhe. Isaan garuu isatti kolfan. Erga namoonni gad baafamanii booddees inni ol seenee harka intalattii qabe; isheenis kaatee dhaabatte.

Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Yesuusin argetti, miilla isaa irratti kufee, "Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi" jedhee jabeessee isa kadhate. Kanaafuu Yesuus isa wajjin dhaqe.

Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan.

Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Yesuus uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge. Innis ol seenee, "Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune" jedheen. Isaan garuu isatti kolfan.

Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene. Innis harka ishee qabee, "Xaaliitaa quumii!" jedheen; kunis, "Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!" jechuu dha. Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan.

Yesuus itti fufee akkana jedhe; "Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu? Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti:

" Nu ulullee isinii afuufne;

isin garuu hin sirbine;

faaruu booʼichaas faarsine;

isin garuu hin boonye.

Yohannis cuuphaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, Inni hafuura hamaa qabajettu. Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaajettu. Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti."

Yesuus Shittoo Dibamuu Isaa

Fariisota keessaa namichi tokko akka inni isa wajjin nyaatuuf Yesuusin affeere; innis mana Fariisichaa dhaqee maaddiitti dhiʼaate. Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Yesuus mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte.

Namichi Yaaʼiiros jedhamu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee miilla Yesuus irratti kufee akka inni mana isaa dhaqu isa kadhate; sababiin isaas intalli isaa tokkittiin, durbi umuriin ishee gara waggaa kudha lamaa taʼu tokko duʼuu geessee turte.

Utuu Yesuus deemaa jiruu namoonni qixa hundaan dhiibanii hafuura isa kutuu gaʼan.

Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namni tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufee, "Intalli kee duuteerti; ati siʼachi barsiisicha hin rakkisin" jedhe.

Yesuus garuu yommuu dhagaʼetti Yaaʼiiroosiin, "Amani malee hin sodaatin; isheen ni fayyitii" jedhe.

Inni yommuu mana Yaaʼiiroos gaʼetti Phexros, Yohannisii fi Yaaqoob akkasumas abbaa fi haadha intalattii malee akka namni tokko iyyuu isa wajjin ol seenu hin eeyyamne. Kana irratti namoonni hundinuu isheef wawwaachaa, faarsaas turan. Yesuus garuu, "Hin booʼinaa; isheen ni rafti malee hin duuneetii" jedhe.

Isaan immoo akka isheen duute waan beekaniif isatti kolfan. Inni garuu harka ishee qabee, "Intala ko, kaʼi!" jedhe. Hafuurri ishees ni deebiʼe; isheenis yommusuma kaatee dhaabatte. Ergasii Yesuus akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime. Abbaa fi haati ishees ni dinqifatan; inni garuu akka isaan waan taʼe sana nama tokkotti illee hin himne isaan ajaje.

Duʼuu Alʼaazaar

Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Maariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha. Maariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha. Kanaaf obboleettonni isaa, "Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira" jedhanii Yesuusitti dhaaman.

Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, "Dhibeen kun akka Ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfina Waaqaatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu" jedhe. Yesuusis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture. Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture. Innis ergasii barattoota isaatiin, "Kottaa Yihuudaatti deebinaa" jedhe.

Barattoonni isaa immoo, "Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?" jedhaniin.

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu. Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata."

Innis erga waan kana dubbatee booddee, "Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa" isaaniin jedhe.

Barattoonni isaas, "Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya" jedhaniin. Yesuus waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.

Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; "Alʼaazaar duʼeera;

Domínio sobre a natureza

Jesus acalmou a tempestade, andou sobre as águas e multiplicou pães. A natureza obedece à voz do seu Criador.

Yesuus Bubbee Jabaa Gab gochuu Isaa

Yommuu inni bidiruu yaabbatettis, barattoonni isaa isa duukaa buʼan. Akkuma tasaa bubbeen hamaan tokko galaana irratti kaʼe; dambaliinis bidiruu sana irra gara gale. Yesuus garuu rafaa ture. Barattoonni isaa gara isaa dhufanii, "Yaa Gooftaa, nu oolchi! Nu dhumuufii!" jedhanii isa dammaqsan.

Innis deebisee, "Isin warra amantii xinnoo nana; maaliif akkana sodaattu?" jedheen. Kaʼees bubbee sanaa fi galaana sana ifate; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.

Namoonnis dinqifatanii, "Namni bubbee fi galaanni ajajamaniif kun nama akkamii ti?" jedhan.

Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, "Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi" jedhaniin.

Yesuus garuu, "Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.

Isaanis, "Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna" jedhanii deebisan.

Yesuusis, "Isuma natti fidaa" jedhe. Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.

Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe.

Yesuus barattoota isaa ofitti waamee, "Ani namoota kanneeniif garaa nan laafa; isaan guyyaa sadii na bira turan; waan nyaatan tokko illee hin qaban. Akka isaan karaa irratti hin gaggabneefis ani agabuu isaanii gad isaan dhiisuu hin barbaadu" jedhe.

Barattoonni isaas deebisanii, "Buddeena tuuta guddaa akkanaa gaʼu gammoojjii kana keessatti eessaa argachuu dandeenya?" jedhan.

Yesuus immoo, "Isin buddeena meeqa qabdu?" jedhee gaafate.

Isaanis deebisanii, "Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna" jedhan.

Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Ergasii buddeena torbanii fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee barattootatti kenne; isaanis namootaaf kennan. Isaan hundi nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. Baayʼinni warra nyaataniis ijoollee fi dubartoota malee dhiira kuma afur ture.

Gibira Mana Qulqullummaa

Yommuu Yesuusii fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, "Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?" jedhanii gaafatan.

Innis deebisee, "Ni kaffala" jedheen.

Yesuus yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, "Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?" jedhee gaafate.

Phexrosis deebisee, "Keessummoota irraa walitti qabu" jedhe.

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Yoos ijoolleen isaanii bilisa. Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni."

Mukni Harbuu Goguu Isaa

Yesuus ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe. Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, "Iji bara baraan sirratti hin argamin!" jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge.

Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, "Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?" jedhanii gaafatan.

Yesuusis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, Kaʼi! Galaanatti darbatami!yoo jettan ni taʼa. Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu."

Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe. Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, "Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?" jedhaniin.

Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, "Calʼisi! Gab jedhis!" jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.

Innis barattoota isaatiin, "Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?" jedhe.

Isaanis akka malee sodaatanii, "Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?" jedhanii wal gaafatan.

Yeroo kanatti galgalaaʼee ture; kanaafuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana jedhaniin; "Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Akka isaan gara baadiyyaatii fi gandoota naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatan bitataniif namoota kanneen gad dhiisi."

Inni garuu, "Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.

Isaanis, "Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?" jedhaniin.

Innis, "Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!" jedheen.

Isaanis yommuu arganitti, "Buddeena shanii fi qurxummii lama" jedhan.

Yesuusis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje. Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan. Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. Warri nyaatanis dhiira kuma shan turan.

Innis utuu barattoonni sababii bubbeen fuula isaanii duraan itti dhufeef bishaan mooquudhaan dhiphatanuu arge. Innis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Innis waan isaan bira darbu fakkaate; isaan garuu yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti ekeraa seʼanii iyyan; isaan hundi isa arganii akka malee naʼaniitii.

Inni immoo, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee yommusuma isaanitti dubbate. Innis isaan wajjin bidiruu yaabbate; bubbeen sunis gab jedhe. Isaanis akka malee dinqisiifatan;

Yesuus Nama Kuma Afur Sooruu Isaa

Gidduu sana tuunni biraa guddaan isaa ammas walitti qabame. Yesuusis sababii tuunni sun waan nyaatu hin qabaatiniif barattoota isaa ofitti waamee akkana jedhe; "Sababii isaan guyyaa sadii na bira turanii waan nyaatan tokko illee hin qabneef, ani namoota kanneeniif garaa nan laafa. Yoo ani agabuu isaanii gad isaan dhiise, isaan karaa irratti ni gaggabu; isaan keessaa tokko tokko fagoodhaa dhufaniitii."

Barattoonni isaas deebisanii, "Namni kam iyyuu gammoojjii kana keessatti buddeena isaan gaʼu eessaa argachuu dandaʼa?" jedhan.

Yesuus immoo, "Isin buddeena meeqa qabdu?" jedhee gaafate.

Isaanis, "Torba" jedhan.

Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime. Buddeena torban fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattoota isaatti kenne; isaanis namootaaf dhiʼeessan. Akkasumas qurxummii xixinnoo muraasa qabu turan; qurxummii sanas eebbisee akka isaan namootaaf hiraniif barattoota isaatti hime. Namoonnis nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban. Isaanis gara nama kuma afurii turan. Innis erga of irraa isaan geggeessee booddee,

Yesuus Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu Isaa

Guyyaa itti aanutti utuu Biitaaniyaadhaa baʼanuu Yesuus beelaʼe. Innis muka harbuu baala qabu tokko fagootti argee ija qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa ilaaluu dhaqe. Garuu waan yeroon sun waqtii harbuu hin taʼiniif inni yommuu muka sana bira gaʼetti baala malee waa tokko illee hin arganne. Yesuusis muka sanaan, "Namni tokko iyyuu deebiʼee ija sirraa hin nyaatin" jedhe. Barattoonni isaas ni dhagaʼan.

Mukti Harbuu Goguu Isaa

Isaanis ganamaan utuu karaa sana darbanuu akka mukti harbuu sun hidda isaatii jalqabee goge argan. Phexrosis yaadatee Yesuusiin, "Yaa barsiisaa ilaa! Harbuun ati abaarte sun gogeera!" jedhe.

Yesuus immoo akkana jedhee deebise; "Waaqatti amanaa. Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan Buqqaʼiitii galaanatti darbatamijedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf. Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa. Yeroo kadhachuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii. [

Waamamuu Barattoota Jalqabaa

Gaaf tokko Yesuus utuu Haroo Geensereex bira dhaabatee jiruu, utuu namoonnis isatti naannaʼanii dubbii Waaqaa dhagaʼaa jiranuu, bidiruuwwan lama ededa bishaanichaa irratti arge; qurxummii qabdoonni garuu keessaa baʼanii kiyyoo isaanii miicachaa turan. Innis bidiruuwwan sana gidduudhaa ishee kan Simoon taate tokko yaabbate; akka inni qarqara lafaa irraa gara gidduu bishaaniitti xinnoo achi butus isa kadhate. Yesuusis bidiruu sana irra taaʼee namoota barsiisuu jalqabe.

Innis yommuu dubbatee fixetti Simooniin, "Gara tuujuba bishaaniitti achi siqi; qurxummii qabuufis kiyyoo keessan darbadhaa" jedhe.

Simoonis deebisee, "Yaa barsiisaa, nu halkan guutuu akka malee itti dadhabnee waa tokko illee hin qabne. Ani garuu waan ati jetteef kiyyoo nan darbadha" jedhe.

Isaanis kiyyoo isaanii darbatanii hamma kiyyoon isaanii ciccituu jalqabutti qurxummii akka malee baayʼee qabatan. Kanaafuu akka michoonni isaanii warri bidiruu kaan keessa turan dhufanii isaan gargaaraniif mallattoon waammatan; isaanis dhufanii bidiruu lachuu qurxummiidhaan guutan; bidiruuwwan sunis liqimfamuu jalqaban.

Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Yesuusitti kufee, "Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!" jedhe. Kunis sababii qurxummiin baayʼeen qabame sun Simʼoonii fi warra isa wajjin turan hunda dinqisiiseef; ilmaan Zabdewoos warri michoota Simoon turan jechuunis Yaaqoobii fi Yohannis akkasuma dinqisiifatan.

Yesuusis Simʼooniin, "Hin sodaatin; ati ammaa jalqabdee qabduu namootaa ni taataa" jedhe. Isaanis bidiruuwwan isaanii gara qarqaraatti ol baasanii waan hunda dhiisanii isa duukaa buʼan.

Yesuus Bubbee Gab gochuu Isaa

Gaaf tokko Yesuus barattoota isaatiin, "Kottaa galaana gama ceenaa" jedhe. Kanaafuu isaan bidiruu yaabbatanii qajeelan. Inni utuu isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu hirribni qabee rafe. Bubbeen tokkos galaana sana irratti kaʼee, bidiruun sun bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaa guddaa keessa seenan.

Barattoonnis dhaqanii, "Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu dhumuuf jirra!" jedhanii isa dammaqsan.

Innis kaʼee bubbee fi bishaan raafamaa ture sana ifate; bubbeen sunis gab jedhe; wanni hundinuus ni tasgabbaaʼe. Barattoota isaas, "Amantiin keessan eessa jira?" jedhee gaafate.

Isaanis sodaa fi dinqifannaadhaan, "Namichi bubbee fi bishaan illee ajaju kun eenyu? Isaanis ni ajajamuuf" jedhanii wal gaafatan.

Yesuus Bubbee Gab gochuu Isaa

Gaaf tokko Yesuus barattoota isaatiin, "Kottaa galaana gama ceenaa" jedhe. Kanaafuu isaan bidiruu yaabbatanii qajeelan. Inni utuu isaan bidiruudhaan deemaa jiranuu hirribni qabee rafe. Bubbeen tokkos galaana sana irratti kaʼee, bidiruun sun bishaaniin guutamuu jalqabe; isaanis balaa guddaa keessa seenan.

Barattoonnis dhaqanii, "Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu dhumuuf jirra!" jedhanii isa dammaqsan.

Innis kaʼee bubbee fi bishaan raafamaa ture sana ifate; bubbeen sunis gab jedhe; wanni hundinuus ni tasgabbaaʼe. Barattoota isaas, "Amantiin keessan eessa jira?" jedhee gaafate.

Isaanis sodaa fi dinqifannaadhaan, "Namichi bubbee fi bishaan illee ajaju kun eenyu? Isaanis ni ajajamuuf" jedhanii wal gaafatan.

Yesuus Hafuura Hamaa Baasuu Isaa

Isaanis gara biyya Gergeesenoon ishee galaanaan gama fuullee Galiilaatti argamtuutti bidiruudhaan ceʼan.

Gara galgalaatti warri Kudha Lamaan gara isaa dhufanii, "Waan nu as gammoojjii keessa jirruuf, akka namoonni kunneen gara gandootaatii fi baadiyyaa naannoo kana jiranii dhaqanii waan nyaatanii fi iddoo bultii barbaadataniif isaan gad dhiisi" jedhaniin.

Inni immoo, "Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.

Isaanis, "Nama kana hundaaf nyaata yoo dhaqnee binne malee nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa qabna" jedhanii deebisan. Dhiira gara kuma shantu achi ture.

Inni garuu barattoota isaatiin, "Garee tokkoon tokkoon isaa gara nama shantama shantamaa qabuun isaan teessisaa" jedhe. Barattoonnis akkasuma godhan; namni hundis ni taaʼe. Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee caccabse. Ergasii akka isaan namootaaf dhiʼeessaniif barattootatti kenne. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.

Yesuus Bishaan Gara Daadhii Wayiniitti Geeddaruu Isaa

Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu ture. Haati Yesuusiis achi turte; Yesuusii fi barattoonni isaa gara cidha sanaatti waamamanii turan. Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Yesuus, "Jarri daadhii wayinii hin qaban" isaan jette.

Yesuus immoo deebisee, "Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye" jedheen.

Haati isaas tajaajiltootaan, "Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa" jette.

Gaaniiwwan dhagaa jaʼa sirna qulqulleessuu Yihuudootaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 75 hamma 115 qabata ture.

Yesuus tajaajiltootaan, "Gaaniiwwanitti bishaan guutaa" jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan.

Innis, "Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa" jedheen.

Isaanis akkasuma godhan; abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee akkana jedheen; "Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite."

Yesuus mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.

Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.

Fiiliphoos immoo, "Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii dhibba lama fudhata" jedhee deebiseef.

Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen; "Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?"

Yesuusis, "Namoota teessisaa" jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture. Yesuusis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.

Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, "Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin" jedhe. Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.

Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis. Inni garuu, "Anumaatii hin sodaatinaa" jedheen. Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.

Yesuusii fi Dinqii Qurxummii Qabuu

Wantoota kanneen booddee Yesuus ammas galaana Xibeeriyaas biratti barattoota isaatti of mulʼise. Haalli inni ittiin of mulʼises akkana ture: Simoon Phexros, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatnaaʼel namichi Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewoosii fi barattoonni biraa lama walii wajjin turan. Simoon Phexrosis, "Ani qurxummii qabuu nan dhaqa" isaaniin jedhe; isaanis, "Nus si wajjin dhaqna" jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne.

Ganama bariidhaanis Yesuus qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Yesuus taʼe hin beekne.

Innis isaan waamee, "Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?" jedhee gaafate.

Isaan immoo, "Hin qabnu" jedhanii deebisan.

Innis, "Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu" jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban.

Barataan inni Yesuus isa jaallachaa ture sunis, "Inni Gooftaa dha!" jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu "Inni Gooftaa dha" jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale. Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan. Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan.

Yesuusis, "Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!" isaaniin jedhe. Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane.

Libertações

Jesus expulsou demônios com autoridade. Os espíritos impuros não resistiam à sua palavra e saíam imediatamente.

Amantii Ajajaa Dhibbaa

Yeroo Yesuus Qifirnaahom seenetti, ajajaan dhibbaa tokko gara isaa dhufee akkana jedhee isa kadhate; "Yaa Gooftaa, tajaajilaan koo dhagni irratti duʼee mana ciisa; akka malees dhiphachaa jira."

Yesuusis, "Ani dhufeen isa fayyisa" jedheen.

Ajajaan dhibbaa sun immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa Gooftaa, ati bantii mana kootii jala seenuun naaf hin malu. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii. Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, Deeminan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, Kottunan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, Waan kana hojjedhunan jedha; innis ni hojjeta."

Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti dinqifatee warra isa duukaa buʼaa turaniin akkana jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; ani Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne. Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin mootummaa samii keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu. Ijoolleen mootummaa garuu dukkana alaatti gad darbatamu; achitti booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa."

Yesuusis deebisee ajajaa dhibbaa sanaan, "Akkuma amantii keetii siif haa taʼu; deemi!" jedhe. Tajaajilaan isaas yeruma sana fayye.

Yesuus Namoota Hafuura Hamaan Qabaman Fayyisuu Isaa

Yommuu Yesuus gama ceʼee biyya Gadareen gaʼetti, namoonni hafuura hamaan qabaman lama iddoo awwaalaatii baʼanii itti dhufan. Isaanis waan akka malee hamoo turaniif namni tokko iyyuu karaa sana irra darbuu hin dandaʼu ture. Isaanis, "Yaa Ilma Waaqaa, ati maal nurraa barbaadda? Utuu yeroon sun hin gaʼin nu dhiphisuu dhufte moo?" jedhanii iyyan.

Hoomaan booyyee guddaan isaas xinnoo isaan irraa fagaatee dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis, "Yoo nu baafte, gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi" jedhanii Yesuusin kadhatan.

Innis, "Dhaqaa!" jedheen. Isaanis namicha keessaa baʼanii hoomaa booyyee sanatti galan; hoomaan sun guutuunis ededa hallayyaa irraa gad gugatee galaanatti namʼee bishaan keessatti dhume. Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa seenan; isaanis waan hunda, waan namoota hafuurota hamoon qabamanii turan irra gaʼes ni odeessan. Magaalaan sun guutuunis Yesuusin arguuf baʼe. Yommuu isa argettis akka inni biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhate.

Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan. Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, "Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne" jedhanii dinqifatan.

Yesuusii fi Biʼeelzebuul

Yeroo sanatti namicha hafuura hamaan qabame, kan iji isaa jaamee arrabni isaas dubbachuu dide tokko gara isaa fidan; Yesuusis namicha sana fayyise; namichis dubbachuu fi arguu dandaʼe.

Amantii Dubartii Kanaʼaan Tokkoo

Yesuusis iddoo sanaa kaʼee gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaatti qajeele. Kunoo, dubartiin Kanaʼaan tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, "Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!" jette.

Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, "Kunoo isheen iyyaa nu faana deemtiitii achi deebisi" jedhanii isa kadhatan.

Inni immoo, "Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame" jedhee deebise.

Dubartiin sunis dhuftee sagaddeefii, "Yaa Gooftaa na gargaari!" jette.

Innis, "Buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti" jedhee deebise.

Isheenis, "Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu hambaa maaddii gooftota isaanii irraa harcaʼu nyaatu" jettee deebifteef.

Yesuusis, "Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha! Akkuma fedhii keetii siif haa taʼu" jedhee deebise. Intalli ishees saʼaatiidhuma sana fayyite.

Gurbaa Gaggabdoodhaan Qabame Tokko

Yommuu isaan gara tuuta sanaa dhufanittis namichi tokko Yesuusitti dhiʼaatee fuula isaa duratti jilbeenfate; akkanas jedhe; "Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa. Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye."

Yesuusis deebisee, "Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!" jedhe. Yesuusis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye.

Yeruma sana namichi mana sagadaa isaanii keessaa kan hafuura xuraaʼaan qabame tokko iyyee akkana jedhe; "Yaa Yesuus nama Naazreeti, ati maal nurraa qabda? Nu balleessuu dhufte moo? Ati eenyu akka taate ani nan beeka, yaa Qulqullicha Waaqaa!"

Yesuus immoo, "Calʼisii isa keessaa baʼi!" jedhee ifate. Hafuurri xuraaʼaan sunis namicha dhidhiitachiisee, sagalee guddaadhaan iyyee keessaa baʼe.

Yesuus Nama Hafuura Hamaan Qabame Tokko Fayyise

Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan. Yommuu Yesuus bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo awwaalaatii baʼee isatti dhufe. Namichi kun iddoo awwaalaa jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye. Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo awwaalaa keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.

Innis yommuu Yesuusin fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate. Sagalee ol fudhatee iyyees, "Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Waaqaatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!" jedheen. Yesuusis, "Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!" jedheenii tureetii.

Yesuusis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate.

Innis, "Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon" jedhee deebise. Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Yesuusin kadhate.

Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis, "Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami" jedhanii Yesuusin kadhatan. Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.

Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan.

Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaa yookaan haadha isaa gargaaruuf oolu Qurbaana jechuunis Waaqaaf kennameera jedhee dubbate, isin akka inni abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif waan tokko illee godhu siʼachi hin eeyyamtaniif. Akkanaanis duudhaa keessan isa walitti dabarsitan sanaan dubbii Waaqaa busheessitu. Waan akkanaa baayʼees ni hojjetu."

Yesuus ammas namoota sana ofitti waamee akkana jedheen; "Isin hundi na dhagaʼaa; kanas hubadhaa. Waan nama keessaa baʼutu nama xureessamalee wanni alaa namatti seenee nama xureessuudandaʼu tokko iyyuu hin jiru. [

Amantii Dubartii Tokkoo

Yesuus iddoo sanaa kaʼee aanaa Xiiroositti qajeele. Mana tokkos ol seene; innis akka namni tokko iyyuu achi jiraachuu isaa beeku hin barbaanne; garuu dhokachuu hin dandeenye. Dubartiin intalli ishee hafuura xuraaʼaan qabamte tokko akkuma waaʼee isaa dhageesseen dhuftee miilla isaa irratti kufte. Dubartittiinis nama Giriik, kan biyya Sooriyaa keessatti Finiiqeetti dhalatee dha. Isheen akka inni intala ishee keessaa hafuura hamaa sana baasuuf Yesuusin kadhatte.

Innis, "Dura ijoolleen haa quuftu; buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti" jedheen.

Isheen garuu, "Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu maaddii jalaa hambaa ijoolleen harcaaftu nyaatuu" jettee deebifteef.

Yesuusis, "Jecha kee kanaaf gali; hafuurri hamaan sun intala kee keessaa baʼeera" jedheen.

Isheenis yommuu manatti galtetti intalli ishee siree irra ciiftee, hafuurri hamaan sunis keessaa baʼee argatte.

Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; "Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera. Hafuurichi yeroo itti kaʼu kam iyyuu, darbatee lafaan isa dhaʼa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; ilkaan qara; ni kokottaaʼas. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan gaafadhe; isaan garuu hin dandeenye."

Yesuusis deebisee, "Isin dhaloota hin amanne nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha natti fidaa" jedhe.

Isaanis gurbicha isatti fidan. Hafuurichis akkuma Yesuusin argeen gurbicha dhidhiitachiise; gurbichis lafa dhaʼee hoomacha afaaniin baasee gangalate.

Yesuusis, "Wanni kun erga isa qabee hammam ture?" jedhee abbaa gurbichaa gaafate.

Innis akkana jedhe; "Ijoollummaadhaa jalqabee ti. Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari."

Yesuusis, " Yoo dandeessejettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.

Yommusuma abbaan mucaa sanaa, "Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari" jedhee iyye.

Yesuusis yommuu namoota girrisanii dhufan argetti, "Yaa hafuura duudaa fi arrab-didaa nana, akka ati isa keessaa baatu, deebitees akka isatti hin galle sin ajaja" jedhee hafuura xuraaʼaa sana ifate.

Hafuurri sun iyyee, akka malees isa dhidhiitachiisee keessaa baʼe. Gurbichis akkuma reeffaa taʼe; namoonni baayʼeenis, "Inni duʼeera" jedhan. Yesuus garuu harka qabee ol isa kaase; gurbaan sunis kaʼee dhaabate.

Yesuus Nama Baayʼee Fayyise

Yesuus mana sagadaatii baʼee mana Simoon dhaqe. Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaa hamaadhaan qabamtee dhiphachaa turte; isaanis akka Yesuus ishee gargaaru isa kadhatan. Innis isheetti gad jedhee, dhagna gubaa sana ifate; dhagna gubaan sunis ishee dhiise. Isheenis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.

Yommuu Yesuus qarqara galaanaatti buʼettis namichi magaalaa sanaa kan hafuura hamaadhaan qabamee ture tokko isatti dhufe. Namichi kun yeroo dheeraadhaaf uffata hin uffatu ture; awwaala gidduu jiraata malee mana keessa hin jiraatu ture. Innis yommuu Yesuusin argetti iyyee miilla isaa irratti kufe; sagalee ol fudhatee iyyees, "Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Ani sin kadhadha; na hin dhiphisin!" jedhe. Yesuus akka hafuurri xuraaʼaan sun namicha keessaa baʼu ajajee tureetii. Hafuurri sunis yeroo baayʼee itti kaʼaa ture; namichi sun yoo harkaa fi miilli isaa foncaan hidhamee eegamaa ture iyyuu, hidhaa isaa of irraa kukkutee, hafuura hamaa sanaan gara lafa namni hin jirreetti geeffamaa ture.

Yesuusis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate.

Innis sababii hafuuronni hamoon baayʼeen isatti galanii turaniif, "Leegewoon" jedhee deebise. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan Qilee keessa buʼan isaan hin ajajneef Yesuusin kadhatan.

Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara irra achi dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis akka inni akka isaan booyyeewwan sanatti galaniif isaanii eeyyamu Yesuusin kadhatan; innis ni eeyyameef. Yommuu hafuuronni hamoon sun namicha keessaa baʼanii booyyeewwanitti galanitti, hoomaan sun ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.

Warri booyyeewwan tiksan sunis yommuu waan taʼe sana arganitti, baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu baʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha hafuuronni hamoon keessaa baʼan sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee miilla Yesuus jala taaʼee argan; ni sodaatanis.

"Ani dhuguman isinitti hima; warra as dhadhaabachaa jiran keessaa namoonni tokko tokko utuu mootummaa Waaqaa hin argin duʼa hin dhandhaman."

Bifti Yesuus Geeddaramuu Isaa

Yesuus erga waan kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booddee Phexros, Yohannisii fi Yaaqoobin fudhatee kadhannaadhaaf tulluu tokkotti ol baʼe. Utuu inni kadhachaa jiruus bifti fuula isaa geeddarame; uffanni isaas adii calaqqisu taʼe. Kunoo namoonni lama jechuunis Musee fi Eeliyaas, ulfina guddaadhaan mulʼatanii Yesuus wajjin haasaʼaa turan. Isaanis ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana irraa deemuu isaa kan inni Yerusaalemitti raawwachuuf jiru sanaa dudubbachaa turan.

Phexrosii fi warri isa wajjin turan garuu akka malee mugan; yeroo dammaqanitti immoo ulfina Yesuusii fi namoota Yesuus wajjin dhadhaabachaa turan lamaan argan. Phexrosis akkuma namoonni sun Yesuus biraa deemuu jalqabaniin, "Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif ni ijaarra" jedhe. Inni waan dubbatu hin beeku ture.

Namoota sana keessaas namichi tokko iyyee akkana jedhe; "Yaa Barsiisaa akka ati ilma koo naa ilaaltu sin kadhadha; inni anaaf mucaa tokkichaatii. Hafuurri wayii itti kaʼa; gurbichis akkuma tasaa iyya; hafuurri sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiisa. Gurbichis hoomacha afaaniin baasa; hafuurichi dafee irraa hin galu; yeroo hundas isa miidha. Ani akka hafuura sana baasaniif barattoota kee nan kadhadhe; isaan garuu hin dandeenye."

Yesuusis deebisee, "Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiitti isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis isinii obsa?" jedhe. Namichaanis, "Mee ilma kee as fidi" jedhe.

Utuma gurbaan sun gara Yesuus dhufaa jiruus, hafuurri hamaan sun lafaan dhaʼee isa dhidhiitachiise. Yesuus garuu hafuura xuraaʼaa sana ifate; gurbichas fayyisee abbaa isaatiif kenne. Hundumti isaaniis humna Waaqaa isa jabaa sana ni dinqifatan.

Utuu hundi isaanii waan Yesuus hojjete sana dinqisiifachaa jiranuu inni barattoota isaatiin akkana jedhe;

Yesuusii fi Biʼeelzebuul

Yesuusis hafuura hamaa arrab-didaa taʼe tokko baasaa ture. Yommuu hafuurri hamaan sun baʼetti arrab-didaan sun ni dubbate; namoonnis ni dinqifatan.

Isaan keessaas namni tokko garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute.

Yesuusis deebisee, "Dhiisaa! Waan akkanaa itti hin deebiʼinaa" jedhe; gurra namichaas tuttuqee fayyise.

Erga ergamoonni Yohannis baʼanii qajeelanii booddee Yesuus akkana jedhee waaʼee Yohannis namootatti himuu jalqabe; "Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo? Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatanii qananiidhaan jiraatan masaraawwan keessa jiru. Garuu isin maal arguu baatan? Raajii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu. Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha:

" Kunoo, ani ergamaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu,

fuula kee dura nan erga.

Ani isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis cuuphaa caalu tokko iyyuu hin jiru; namni mootummaa Waaqaa keessatti nama hundumaa gad taʼe garuu isa ni caala."

Namoonni hundi, qaraxxoonni iyyuu waan harka Yohannisitti cuuphamanii turaniif yommuu dubbii Yesuus dhagaʼanitti, karaan Waaqaa qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessan.

Yesuusii fi Fariisota

Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yohannisitti hin cuuphaminiif kaayyoo Waaqni isaaniif qabu fudhachuu didan.

Seja o primeiro