Misericórdia
A misericórdia de Deus é eterna e inesgotável. Ele se compadece dos que sofrem, perdoa os arrependidos e derrama graça sobre os que não merecem. Grande é a sua fidelidade.
A misericórdia de Deus
Quem é Deus como tu, que perdoa a iniquidade? Ele se deleita em ter misericórdia e não retém a ira para sempre.
Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee
balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu?
Ati araara gochuutti gammadda malee
bara baraan hin dheekkamtu.
Yaa Waaqayyo, akkuma jaalala kee
kan hin geeddaramne sanaatti na maari;
akkuma baayʼina araara keetiitti,
yakka koo narraa haqi.
Yakka koo hundumaa narraa dhiqi;
cubbuu koo irraas na qulqulleessi.
Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu;
isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
Cubbuu afaan kootii
yookaan dogoggora koo hin yaadatin;
yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii
akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;
yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.
Gurri kees sagalee waammata koo
xiyyeeffatee haa dhagaʼu.
Yaa Waaqayyo araara kee na hin dhowwatin;
jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,
bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;
anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,
Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
Graça e perdão
Onde o pecado abundou, superabundou a graça. Deus convida todos ao arrependimento e promete perdão total aos que confessam.
Kennaan tolaa sun garuu akka balleessaa sanaa miti. Erga sababii balleessaa nama tokkootiin namoonni baayʼeen duʼanii, ayyaanni Waaqaatii fi kennaan karaa ayyaana nama tokkootiin jechuunis kennaan karaa Yesuus Kiristoosiitiin dhufe sun immoo hammam caalaa namootaaf haa baayʼatu ree!
Egaa maal haa taʼu ree? Nu sababii ayyaana jala malee seera jala hin jirreef cubbuu haa hojjennuu? Gonkumaa hin taʼu!
Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.
Inni garuu, "Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii" naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona.
Namni cubbuu ofii dhokfatu hin milkaaʼu;
kan cubbuu isaa himatee irraa deebiʼu garuu araara argata.
Namni hamaan karaa isaa,
namni jalʼaan immoo yaada isaa haa dhiisu.
Inni gara Waaqayyootti haa deebiʼu; innis ni araaramaaf;
gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu; dhiifamni isaa baayʼeedhaatii.
Taʼus Waaqayyo isiniif arjoomuu barbaada;
isiniif naʼuufis ni kaʼa:
Waaqayyo Waaqa murtii qajeelaa ti.
Warri isa eeggatan hundi eebbifamoo dha.
Misericórdia e compaixão
Misericórdia quero e não sacrifício. Deus nos chama a ser misericordiosos como Ele é, perdoando e acolhendo o próximo.
Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’ jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii."
Ergasii Phexros gara Yesuus dhufee, "Yaa Gooftaa, yoo obboleessi koo cubbuu natti hojjete ani yeroo hammam dhiisaaf? Hamma yeroo torbaattii?" jedhee gaafate.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Ani sitti nan hima; yeroo torbaatamii torba malee yeroo torba miti.
Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.
Ati garuu sababii Waaqa arjaa fi araara qabeessa taateef, araara kee guddicha sanaaf jettee isaan hin balleessine yookaan isaan hin ganne.
Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf,
nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.
Eebbi Waaqa keenya Gooftichaa nurra haa buʼu;
hojii harka keenyaas jabeessii nuu dhaabi;
eeyyee, hojii harka keenyaa jabeessii nuu dhaabi.
Acessar a misericórdia
Cheguemos com confiança ao trono da graça. Ali encontramos misericórdia e graça para socorro no tempo oportuno.
Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.
Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti.
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
Isin akka Kiristoositti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;
Hisqiyaas akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem, gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhufaniif Israaʼelii fi Yihuudaa hundatti ergaa erge; Efreemii fi Minaaseetti immoo xalayaa barreesse. Mootichii fi qondaaltonni isaa akkasumas waldaan Yerusaalem keessa jiru hundi jiʼa lammaffaatti Faasiikaa ayyaaneffachuuf murteessan. Isaan sababii luboonni of qulqulleessan lakkoobsaan gaʼoo hin taʼinii fi sababii namoonni Yerusaalemitti walitti hin qabaminiif yeroo barbaachisaa taʼetti Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Karoorri sunis mootichaa fi waldaa sana guutuu ni gammachiise. Isaanis akka namoonni Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem dhufaniif Bersheebaa hamma Daanitti Israaʼel hunda keessa labsii labsuuf murteessan. Ayyaanni Faasiikaa akka barreeffametti iddoo namoonni hedduun jiranitti ayyaaneffamee hin beekuutii.
Ergamoonnis ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaa fi qondaaltota isaa biraa ergame fuudhanii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa keessa qajeelan; xalayaan sunis akkana jedha:
"Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara Waaqayyo Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼelitti deebiʼaa. Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa. Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; Waaqayyootti harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa keessan tajaajilaa. Sababii Waaqayyo Waaqni keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara Waaqayyootti deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu."
Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis. Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan. Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii Waaqayyootti ajajanii turan sana hojjetaniif harki Waaqaa yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture.
Tuunni akka malee guddaan tokko jiʼa lammaffaatti Ayyaana Maxinoo ayyaanessuuf Yerusaalem keessatti walitti qabame. Isaanis iddoowwan aarsaa kanneen Yerusaalem keessa turan bubuqqisanii, iddoowwan aarsaa ixaanaas diiganii geessanii Sulula Qeedroonitti ni gatan.
Guyyaa kudha afuraffaa jiʼa lammaffaattis hoolaa Faasiikaa qalan. Luboonnii fi Lewwonnis qaanaʼanii of qulqulleessuudhaan aarsaa gubamu gara mana qulqullummaa Waaqayyoo fidan. Ergasiis akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti ajajametti iddoo isaaniif ramadame ni qabatan. Luboonnis dhiiga Lewwonni isaanitti kennan sana ni faffacaasan. Sababii waldaa sana keessaa namoonni hedduun of hin qulqulleessiniif Lewwonni namoota akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi namoota hoolota isaanii Waaqayyoof qulqulleessuu hin dandaʼin hundaaf jedhanii hoolota Faasiikaa ni qalu turan. Namoota biyya Efreem, Minaasee, Yisaakorii fi Zebuuloonii dhufan hedduu keessaa garri caalu of qulqulleessuu baatan iyyuu isaan waan barreeffameen alatti Faasiikaa nyaatan; Hisqiyaas garuu akkana jedhee Waaqa kadhateef; "Yaa Waaqayyoo tolaa, nama garaa isaatiin siʼi Waaqayyo Waaqa abbootii isaa barbaaduuf kutate hunda yoo inni akka seera iddoo qulqulluutti qulqullaaʼaa taʼuu baate illee ati araaramiif." Waaqayyos kadhannaa Hisqiyaas dhagaʼee saba sana ni fayyise.
Israaʼeloonni Yerusaalem keessatti argamanii turan gammachuu guddaadhaan bultii torba Ayyaana Maxinoo ayyaaneffatan; Lewwonnii fi luboonni immoo meeshaalee faarfannaa Waaqayyootiin guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachaa turan.
Hisqiyaasis Lewwota waaʼee tajaajila Waaqayyoo irratti hubannaa gaarii qaban jajjabeessuudhaan itti dubbate. Isaanis bultii torbanuu waan isaaniif qoodame nyaachaa, aarsaa nagaas dhiʼeessaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitiif galata galchan.
Waldaan sun guutuun bultii torba itti dabalee ayyaana sana ayyaaneffachuuf walii gale; kanaafuu isaan bultii torba itti dabalanii gammachuudhaan ayyaaneffatan. Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan. Waldaan Yihuudaa hundi, luboota, Lewwotaa fi namoota Israaʼel keessaa walitti qabaman hunda, akkasumas alagoota Israaʼel keessaa dhufanii fi kanneen Yihuudaa keessa jiraatan hunda wajjin ni gammadan. Bara Solomoon ilma Daawit mooticha Israaʼel jalqabee waan wanni akkasii Yerusaalem keessatti takkumaa hin taʼiniif Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu taʼe. Ergasiis luboonnii fi Lewwonni kaʼanii saba eebbisan; Waaqnis isaan dhagaʼe; kadhannaan isaanii gara samii, iddoo inni jiraatu qulqulluu sana gaʼeeraatii.
"Namni tokko yoo niitii isaa hiikee
isheenis isa dhiiftee nama biraatti heerumte,
inni lammata isheetti deebiʼaa?
Biyyattiinis guutumaan guutuutti hin xurooftuu?
Ati garuu akka sagaagaltuutti sanyoowwan hedduu wajjin jiraatteerta;
taʼus amma gara kootti deebiʼi?"
jedha Waaqayyo.
"Mee ol milʼadhuutii gaara duwwaa ilaali.
Iddoon ati itti hin sagaagalin tokko iyyuu jiraa?
Ati akkuma godaantuu gammoojjii keessaa tokkootti
warra si jaallatan eeggachuuf qarqara karaa teesse;
sagaagaltummaa fi hammina keetiin
biyyattii xureessiteerta.
Kanaafuu tiifuun ni ittifame;
birraa keessa illee bokkaan hin roobne.
Ati garuu nyaara sagaagaltuu qabda;
qaanaʼuus ni didde.
Ati amma iyyuu akkana jettee na hin waamnee?
‘Abbaa koo, ijoollummaa kootii jalqabdee michuu koo,
ati yeroo hunda ni aartaa?
Dheekkamsi kee baruma baraan itti fufaa?’
Ati akkasitti dubbatta;
garuu waan hamaa dandeessu hunda ni hojjetta."
Waaqayyo bara Yosiyaas Mootichaa keessa akkana naan jedhe; "Ati waan Israaʼel isheen amanamummaa hin qabne sun hojjette argitee? Isheen dhaqxee tulluu ol dheeraa hunda irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti sagaagalte. Ani waan isheen erga wantoota kanneen hunda hojjettee booddee gara kootti deebitu seʼeen ture; isheen garuu hin deebine. Obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sunis waan kana argite. Ani sababii ejjummaa ishee hundaatiif waraqaa ragaa hiikkaa kenneefiin Israaʼel amanamummaa hin qabne sana of irraa ariʼe; taʼu illee ani akka obboleettiin ishee Yihuudaan amanamummaa hin qabne sun hin sodaanne nan arge; isheenis dhaqxe ejjite. Israaʼel sababii sagaagalummaa ofii akka waan salphaa tokkootti ilaalteef dhagaa fi muka wajjin ejjuudhaan biyya xureessite. Isheen waan kana hunda hojjettu iyyuu obboleettiin ishee Yihuudaan hin amanamne sun fakkeessuuf malee garaa guutuudhaan gara kootti hin deebine" jedha Waaqayyo.
Waaqayyo akkana naan jedhe; "Yihuudaa hin amanamne irra Israaʼel amantii hin qabnetu qajeeltuu dha. Dhaqiitii ergaa kana kaabatti labsi:
" ‘Yaa Israaʼel amantii dhabeettii, deebiʼi’ jedha Waaqayyo;
‘Ani siʼachi ija aariitiin si hin ilaalu;
ani araara qabeessaatii’ jedha Waaqayyo.
‘Ani bara baraan hin dheekkamu.
Ati akka Waaqayyo Waaqa keetti fincilte,
akka mukkeen lalisoo hunda jalatti
jaalala kee waaqota ormaatiif kennitee naa ajajamuu didde,
balleessaa kee sana qofa himadhu’ "
jedha Waaqayyo.
"Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa" jedha Waaqayyo; "ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida. Ergasii ani tiksoota akka garaa kootii taʼan, kanneen beekumsaa fi hubannaadhaan isin qajeelchan isinii nan kenna. Bara sana keessa, yeroo baayʼinni keessan biyyattii keessatti akka malee guddatutti," jedha Waaqayyo, "Namoonni siʼachi, ‘Taabota kakuu Waaqayyoo’ hin jedhan." Wanni kun gonkumaa sammuu isaanii keessa hin seenu, yookaan hin yaadatamu; kan isa barbaadu hin jiru, yookaan kan biraa hin tolfamu. Isaan yeroo sanatti Yerusaalemiin Teessoo Waaqayyoo jedhanii waamu; saboonni hundinuus maqaa Waaqayyoo ulfeessuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu. Isaan siʼachi mata jabina hammina garaa isaanii duukaa hin buʼan. Bara sana keessa manni Yihuudaa mana Israaʼelitti ni makama; isaanis tokkummaadhaan biyya kaabaatii gara biyya ani akka dhaalaatti abbootii keessaniif kenne sanaa ni dhufu.
"Ani mataan koo akkana nan jedhe;
" ‘Ani silaa hamman akkuma ilmaan kootti
si fudhadhee biyya namatti toltu,
dhaala akka malee miidhagu kan saba kamii iyyuu siif nan kenna ture.’
Ani waan ati, ‘Abbaa ko’ jettee na waamtuuf,
waan ati na duukaa buʼuu hin dhiifne seʼee ture.
Yaa mana Israaʼel,
ati garuu akkuma niitii dhirsa isheetiif hin amanamne tokkoo,
anaaf hin amanamne turte"
jedha Waaqayyo.
Isaan karaa isaanii jalʼisanii
Waaqayyo Waaqa isaanii waan irraanfataniif
gaara duwwaa irratti iyyi,
booʼichii fi waammannaan saba Israaʼel ni dhagaʼama.
"Yaa saba amantii hin qabne deebiʼaa;
ani duubatti deebiʼuu keessan nan fayyisaatii."
"Kunoo, nu gara kee ni dhufna;
Ati Waaqayyo Waaqa keenyaatii.
Dhugumaan wacni gaarranii fi
tulluuwwan irraa gowwoomsaa dha;
dhugumaan fayyinni Israaʼel
harka Waaqayyo Waaqa keenyaa jira.
Ijoollummaa keenyaa jalqabnee waaqonni nama qaanessan,
buʼaa dadhabbii abbootii keenyaa
jechuunis bushaayee fi loon isaanii,
ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii fixaniiru.
Nu qaanii keenyaan haa ciifnuu;
salphinni keenyas nu haa haguugu.
Nus abbootiin keenyas Waaqayyo Waaqa keenyatti
cubbuu hojjenneerra;
nu ijoollummaa keenyaa jalqabnee hamma ammaatti
Waaqayyo Waaqa keenyaaf hin ajajamne."