Pular para o conteúdo
Publicidade

Mudança de vida

Por Bíblia Online

A mudança de vida é possível em Cristo. Não importa o passado, qual foi o erro ou quão fundo a queda — Deus renova, restaura e transforma completamente aquele que se volta para Ele.

Nova vida em Cristo

Se alguém está em Cristo, nova criação é. Deus nos dá coração novo, mente renovada e esperança para o futuro.

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi;

Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.

Fuula kee duraa na hin balleessin;

Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.

Gammachuu fayyina keetii naa deebisi;

na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.

Aarsaa Jiraataa

Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Passos para a transformação

A mudança começa com confissão, fé e decisão. Deus é fiel para perdoar e completar a boa obra que começou em nós.

Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo.

Waan hundumaa keessatti Waaqa kadhachuu fi waammataan, galata wajjinis gaaffii keessan Waaqatti dhiʼeeffadhaa malee waan tokko illee hin yaaddaʼinaa. Nagaan Waaqaa kan hubannaa hundaa ol taʼe sun karaa Kiristoos Yesuusiin qalbii fi yaada keessan ni eega.

Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.

Coragem para mudar

Não temas, porque Deus está contigo. Ele nos fortalece para sermos sal da terra e nos dá palavras que edificam e transformam.

Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."

Soogiddaa fi Ifa

"Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.

Waan nama ijaaruuf gargaaru, akkuma barbaachisaa taʼettis waan warra dhaggeeffataniif ayyaana kennu malee dubbiin hamaan tokko iyyuu afaan keessanii hin baʼin.

Duuti Akka Hin Hafnee fi Hiikkaa Inni Kiristaanaaf Kennu

Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema. Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.

Seja o primeiro