Mudança
A mudança é constante na vida, mas Deus é imutável. A Bíblia nos ensina a abraçar a transformação espiritual enquanto confiamos no Deus que é o mesmo ontem, hoje e sempre.
Deus é imutável
Jesus Cristo é o mesmo ontem, hoje e para sempre. Deus não muda — Ele é a rocha firme em meio às mudanças constantes da vida.
Yesuus Kiristoos kaleelle, adhaalle, haga bara baraalle sanuma!
«Ani Mootii Waan Maraa ti; ani anuma; ani hin jijjiiramu; isinille diqqumaayyuu hin jijjiiranne; isin haga ammaa ijoollee Yaaqoobii sobaalessaa ti.
Arjummaa dansa’aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba’aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.
Ol-gubba’aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru.
Transformação em Cristo
Se alguém está em Cristo, é nova criação. Somos transformados de glória em glória à imagem do Senhor pelo poder do Espírito.
Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.
Nuuti duudiin fuula hin gollamiiniin, ulfinna Waaqaa akka daaw’iti’iin mudhatuutitti hin calalassina; nuutille bifa Goottaa Ayyaana te’ee fakkaatiisaaf ulfinna irraa gara ulfinna hin jijjiiranna.
Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.
Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te’uu malee yennaa Kiristoos deebi’ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.
Inni hunna ittiin waan mara baallii ifii jala godhuun, nafi keenna salphataan kun, nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.
Ani dhossaa takka isinitti hima. Nuuti maraa hin jijjiiranna malee hin duunu. Tultullaan muumme’ee yennaa afuufamu, nuuti akka lipheettii ilaa takkumaan hin jijjiiranna. Tultullaan hin afuufama; worri du’e ka hin banne te’ee hin ka’a; nuutille hin jijjiiranna.
Arrependimento como mudança
Arrependei-vos, pois, e convertei-vos. O arrependimento é a mudança mais radical — da morte para a vida, do pecado para a graça.
Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha’a.
Waawwoo! Ani isinitti hima, isin martinuu yoo cubbuu teessan irraa deebi’uu dhaddane, akkuma isaanii hin baddan.
Maarre akka inni cubbuu teessan isiniif araaramu cubbuu irraa deebi’aatii, gara Waaqaa dacha’a’a.
Tempos e ciclos
Para tudo há uma estação e um tempo para cada propósito debaixo do céu. Deus faz novas todas as coisas no tempo certo.
Waan maraaf yennaan jirti;
waan biyya lafa irraa maraaf yennaan jirti.
Dhalooti tokko hin dabara; dhalooti hin dhufa. Latti ammoo haga bara baraa hin jiraatti. Aduun hin baati, hin seentille’e; gara addee baateetitti deebi’iisaaf hin ariifatti. Qilleensi gara kibbaa dhowa; gara kaabaalle hin deebi’a. Maree, maree gara dhufetti hin deebi’a. Lagi martinuu gara abbaaya’aa yaa’an; te’uu malee abbaayaan ijjumaa hin guuttu. Lagooti sun gara addee dhufanee, ammalle achitti hin deebi’an.
Woma dur te’eerutti ammalle te’uuf jira; woma dur hujameerutti ammalle hujamu’uuf jira. Biyya lafaa irra wonni haaretti hin jirtu. Wonni nami, «Ilaa! Wonni kun waan haareya» jedhuu dande’u jirtii? Wonni sun bara dheera’aan dura, duruuyyuu asuma jirti; isiin adoo nuuti hin dhalatiniin dura asuma jirti.
Kunoo, ani waan haareya hin godha;
isiin ammuma hin teeti;
isin hin hubatanuu?
Ani goomolee keessatti karaa,
lafa godduu keessalle’etti bisaan hin baasa.
Waan duudi’iin qara, guyyoota muumme’eetitti worri shasheessuu fi worri halchaa badduu ifii hordofu shasheessaa akka dhufu hubatuu qaddan. Isaan, «Yesuus deebi’ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meet ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!» jedhan. Isaan akka bara heddu’uun duratti, ol-gubbaan jecha Waaqaatiin dadantee fi akka latti bisaan irraa fi bisaaniin hujante adoo beekanu akka hin beennee te’an. Biyyi lafaa ta yennaa san jirtulle, bisaaniin liqinfantee badde. Ol-gubba’aa fi latti amma jirtu tun ammoo, akka ibiddaan badanuuf, haga guyyaan mura’aatii fi badiin worra Waaqa malee le’uu geettutti, jechuma kanaan eegaman.