Mudança
A mudança é constante na vida, mas Deus é imutável. A Bíblia nos ensina a abraçar a transformação espiritual enquanto confiamos no Deus que é o mesmo ontem, hoje e sempre.
Deus é imutável
Jesus Cristo é o mesmo ontem, hoje e para sempre. Deus não muda — Ele é a rocha firme em meio às mudanças constantes da vida.
Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis sanuma.
"Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.
Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Transformação em Cristo
Se alguém está em Cristo, é nova criação. Somos transformados de glória em glória à imagem do Senhor pelo poder do Espírito.
Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
Nu warri utuu fuulli keenya hin haguugamin ulfina Gooftaa calaqqisnu hundi ulfina ittuma caalee guddachaa deemu kan Gooftaa Hafuura taʼe irraa dhufuun gara bifa isaatti geeddaramaa jirra.
Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.
innis humna waan hunda of jala galfachuu isa dandeessisu sanaan akka dhagni keenya inni dadhabaan dhagna isaa ulfina qabeessa sana fakkaatuuf dhagna keenya ni geeddara.
Kunoo, ani icciitii tokko isinittin hima: Hundi keenya hin duunu; nu hundi garuu ni geeddaramna; kunis yeroo malakanni dhumaa afuufamu yeruma sanatti hamma liphsuu ijaatti raawwatama. Malakanni ni afuufamaatii; warri duʼanis kanneen hin badne taʼanii ni kaafamu; nus ni geeddaramna.
Arrependimento como mudança
Arrependei-vos, pois, e convertei-vos. O arrependimento é a mudança mais radical — da morte para a vida, do pecado para a graça.
Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa.
Ani isinittin hima; akkas miti; garuu isinis qalbii jijjiirrachuu baannaan hundi keessan akkasuma baddu.
Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa;
Tempos e ciclos
Para tudo há uma estação e um tempo para cada propósito debaixo do céu. Deus faz novas todas as coisas no tempo certo.
Wanni hundinuu yeroo qaba;
hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Dhaloonni ni dhufa; dhaloonni ni darba;
lafti garuu bara baraan jiraatti.
Biiftuun ni baati; biiftuun ni lixxi;
gara baate sanatti deebiʼuufis ni ariifatti.
Bubbeen gara kibbaatti bubbisa;
gara kaabaattis ni deebiʼa;
innis naannaʼuma naannaʼee deema;
karaa isaa irras deddeebiʼa.
Lagni hundi galaanatti yaaʼa;
galaanni garuu hin guutu.
Lageen garuma dhufanitti
deebiʼanii yaaʼu.
Wanni duraan ture ammas ni taʼa;
wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama;
aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
Wanni namni tokko, "Ilaa! Wanni kun haaraa dha"
jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa?
Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture;
bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.
Kunoo, ani waan haaraa tokko nan hojjedhaa!
Innis amma ni biqila; isin hin hubattanii?
Ani gammoojjii keessatti karaa nan qopheessa;
lafa onaa keessattis burqaa nan burqisiisa.
Akka bara dhumaa keessa gaʼistoonni gaʼisaa hawwii hamaa kan ofii isaanii duukaa buʼaa dhufan duraan dursaatii beekaa. Isaanis, " ‘dhufaatiin’ inni waadaa gale kun meerre? Wanni hundinuu erga abbootiin keenya duʼanii jalqabee akkuma yeroo jalqaba uumamaatti itti fufeeraatii" jedhu. Garuu isaan akka samiiwwan bara baayʼeen dura dubbii Waaqaatiin uumaman, akka laftis bishaan irraa fi bishaaniin tolfamte utuma beekanuu didan. Addunyaan yeroo sanaas bishaanuma kanaan liqimfamee bade. Dubbiidhuma kanaanis samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran kunneen guyyaa murtii, kan badiisa namoota Waaqaaf hin bulleetiif kaaʼamanii ibiddaaf turfamaniiru.