Pular para o conteúdo
Publicidade

A mulher sábia

Por Bíblia Online

A mulher sábia constrói sua casa sobre o fundamento do temor do Senhor. Sua sabedoria abençoa a família, a comunidade e as gerações futuras.

A sabedoria que edifica

A mulher sábia edifica sua casa. O temor do Senhor é o princípio da sabedoria e a instrução que conduz à honra.

Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti;

dubartiin gowwaan ammoo

harkuma ifiitiin mana ifii diiddi.

Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.

Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa;

ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.

Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma’aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.

Mootii Waan Maraatii fi

hunna isaa barbaada’a;

Yennaa mara fuula isaa barbaadadha’a!

Virtude e excelência

A mulher virtuosa é coroada de força e dignidade. Ela abre a boca com sabedoria e a instrução da bondade está na sua língua.

Niitii Amala Dansaa qaddu

Niitii qalbii qaddu eentu dhaggatuu dande’a?

Isiin dooqa diimaa caalti.

Isiin hunnaa fi ulfinna akka woya’aa uffatti;

bara dhufaaru itti gammaddi.

Isiin qarumma’aan dubbatti;

afaan isi’ii keessa barsiisa dansa’atti jira.

Ijoolleen isi’ii lafaa kaatee,

«Gammadee» jettee isii waanti;

abbaan manaa isi’iille akkasuma jedhaa, isii leellisaa,

«Dubartooti hedduun waan dansaa hujaneeran;

ati ammoo isaan mara hin caalta» jedhaan.

Miidhagiis nama soba;

dansummaan hin baddi;

dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti.

Niitiin qalbeeffattuun dhirsa ifiitiif akka kallachaa ti;

ta isa qaanessitu ammoo

akka dhukkuba lafee nyaatuu ti.

Dubartiin arjaan ulfinna hin dhaggatti;

worri hunnaan nama irratti ka’u ammoo

durummaa qofa dhaggata.

Manaa fi durummaa worra irraa dhaalan;

haati manaa qalbittiin ammoo

kennansa Mootii Waan Maraa ti.

Exemplo e influência

A mulher sábia é exemplo de fé e bom testemunho. Suas atitudes inspiram e seu legado abençoa as gerações que virão.

Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiisi. Isaan, akka dubartooti ka’im abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu, Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja’aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti.

Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te’uu qaddi.

Mammaassa Durroota Kudhanii

Yesuus itti aansee, «Yennaa san mootummaan ol-gubbaaa durroota kudhan ta issaa ifii qabatanee waajibicha fudhatiisaaf bayane fakkaatti. Durroota san keessaa shanan gowwoole’e, shanan qaroole’e. Worri gowwooleen issaa ifii qabatane malee zayitii issa’atti naqatanu hin qabanne. Worri qarooleen ammoo issaa ifii woliin zayitii okkote’etti qabatane. Waajibichi adoo hin dhufin turraan, marti isaaniituu muganee rafane.

«Halkan wodhakkaa ammoo qoonqoo guddo’oon, Waajibichi Kunoo ti! Isa fudhatiisaaf baya’a!waamichi jedhu dhage’ame. Yennaa san durrooti sun marti dammaxxee issaa ifii mimmidhaaffatte. Durri gowwooleen sun worra qaroole’een, Issaan keenna waan dhaamaaruuf, zayitii teessan irraa diqqoo nuu kenna’ajedhaneen. Durri qarooleen deebisanee, Waawwo’o! Nu’uu fi isiniif ta geettu hin jirtu. Worra gurguru bira dhaqa’aatii bitadha’ajedhaneen. Adoo isaan bitatiisaaf dhaqaneeranuu, waajibichi dhufe; durri qophootteertu sun isa woliin gara mana jila fuudhaa fi heerumaa san ol seenanee, balbalti cufante.

«Durrooti worri hafanelle turanee dhufanee, Gootta’a, Gootta’a! Nuu bani!jedhaneen. Inni ammoo deebisee, Ani dhugumaan isinitti hima, ani isin hin beekujedheen. Tanaaf, guyyaa san yookiin saatii waan hin beenneef dammaqa’aa eegadha’a!» jedhe.

Seja o primeiro