Mulher
A Bíblia celebra a mulher como obra-prima da criação divina. Ela é elogiada por sua sabedoria, força, beleza interior e papel fundamental na família e na sociedade.
A mulher na criação
Deus criou o homem e a mulher à sua imagem. A mulher foi formada como ajudadora idônea — parceira de igual dignidade e valor.
Maarre Waaqi akka bifa ifiititti nama dade. Dhiiraa fi dubartii godhee isaan dade.
Maarre Mootiin Waan Maraa Waaqi namichatti hirriiba hamaa buusee, adoo inni rafuu, cinaacha isaa keessaa tokkocha fuudhee, addee cinaachaa san fooniin cufe. Mootiin Waan Maraa Waaqi cinaacha namicha keessaa fuudhe san irraa, namittii dadee, gara namichaa fide.
Achiin duuba namichi,
«Amma reefuu, lafeen isi’ii lafee tiyya irraa,
foon isi’ii foon kiyya irraa dhaggame;
isiin namicha irraa waan dhagganteef,
‹Namittii› jedhantee waamantuu ti» jedhe.
Virtude e caráter
A beleza é vã e a formosura passageira, mas a mulher que teme ao Senhor é digna de louvor. Seu caráter é seu maior tesouro.
Miidhagiis nama soba;
dansummaan hin baddi;
dubartiin Mootii Waan Maraa sodaattu ammoo hin leellifanti.
Dubartiin qaroon mana ifii ijaarratti;
dubartiin gowwaan ammoo
harkuma ifiitiin mana ifii diiddi.
Niitiin qalbeeffattuun dhirsa ifiitiif akka kallachaa ti;
ta isa qaanessitu ammoo
akka dhukkuba lafee nyaatuu ti.
Dubartiin arjaan ulfinna hin dhaggatti;
worri hunnaan nama irratti ka’u ammoo
durummaa qofa dhaggata.
Manaa fi durummaa worra irraa dhaalan;
haati manaa qalbittiin ammoo
kennansa Mootii Waan Maraa ti.
Niitii dubbatittii aartu woliin le’iisa mannaa,
goomolee keessa le’iisa woyya.
Ammalle, intala tiyya, hin sodaatin; akka ati dubartii dansa’aa kolbaan tiyya duudiin waan beettuuf, waan ati na gaafatu mara siif hin godha.
Sabedoria e serviço
As mulheres da Bíblia foram líderes, profetisas e discípulas fiéis. Jesus honrou as mulheres e as incluiu em seu ministério.
Dubartoota Yesuus Hordofane
Kanaan duuba adoo hin turin, Yesuus Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lassaa lallabaa qachootaa fi olloota keessa ideeme. Barattooti isaa kudhanii lamaanii, fi dubartooti gariin ta ayyaana hama’aa fi dhukkuba irraa fayyanelle isa woliin jiraniiyyu. Isaan san keessalle’ee Maariyaamii Magdalaa ta jedhantu, ta durriisoti torba keessaa baafame, Yo’anaa niitii Kuuzaa mana Heroodisii toowatuu, Susanaa fi dubartooti hedduun dhibiin ta karra ifiitiin Yesuusii fi barattoota isaa qarqaarane.
Haadhotii Manaatii Fi Abbootii Manaa
Akkasuma isin haadhotiin manaa, abbootiin manaa teessan gariin, Jecha Waaqaatitti ka hin dhugeeffanne teetulle, isin waan tokko adoo hin dubbatin amala isin mudhittanuun booji’amanee dhugeeffatan fa’a te’a, isaaniif ajajama’a.
Akkasuma isin abbootiin manaa, akka haadhotiin manaa teessan isin caalaa dadhaddu’uu isi’iif beeka’aatii woliin le’a’a; ulfinna isaaniif kenna’a; sababille isaan isin woliin badhaadha jiru’uu ka Waaqi kennu dhaggatan. Yoo akkas gootane wonni daadimata keessaniif gufuu te’aa hin jiraattu.
Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te’uu qaddi.
Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiisi. Isaan, akka dubartooti ka’im abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu, Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja’aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.