Mundo
A Bíblia tem muito a dizer sobre o mundo e nossa relação com ele. Cristãos estão no mundo, mas não são do mundo — chamados a ser luz e sal sem se conformar com os padrões seculares.
Não ameis o mundo
Não ameis o mundo nem o que nele há. A cobiça da carne, a cobiça dos olhos e a soberba da vida não vêm do Pai, mas do mundo.
Biyya Lafaa Hin Jaalatina’a
Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaalatina’a; nama biyya lafaa jaalatu, jaalaltiin Waaqa Abba’aa isa keessa hin jirtu.
Biyya Lafaa Hin Jaalatina’a
Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaalatina’a; nama biyya lafaa jaalatu, jaalaltiin Waaqa Abba’aa isa keessa hin jirtu. Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.
Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.
Biyyi lafaatii fi halchaan isi’ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muummessu ammoo haga bara baraa le’a.
Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te’uu halchu, diina Waaqaa hin te’a.
Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te’uu halchu, diina Waaqaa hin te’a.
O amor de Deus pelo mundo
Porque Deus amou o mundo de tal maneira que deu seu Filho. O mesmo mundo que rejeita a Deus é amado por Ele e objeto de sua redenção.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane.
Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi’iif malee, cubbuu teenna calla’aaf moti.
Ijoollee Waaqaa
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
Ijoollee Waaqaa
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
Vencer o mundo
Jesus venceu o mundo e nos dá sua paz e vitória. A fé é a vitória que vence o mundo — e aquele que nasceu de Deus o vence.
Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
Sababille nami Ilma Waaqaa te’e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna.
Sababille nami Ilma Waaqaa te’e maraa biyya lafaa hin injifata. Hunni nuuti ittiin biyya lafaa injifannu tunille, dhugeeffannaa teenna.
Eentu biyya lafaa injifatuu dande’a? Yesuus Ilma Waaqaa akka te’e nama dhugeeffatu calla’atti biyya lafaa injifatuu dande’a.
Ijoolle! Isin ka Waaqaati; ka isin keessa jiru ka biyya lafaa keessa jiru waan caaluuf, raagota dharaameyyii injifattaneertan.
No mundo sem ser do mundo
Jesus orou: não peço que os tires do mundo, mas que os guardes do mal. Somos enviados ao mundo como embaixadores do Reino.
Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te’in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te’iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite.
Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu.
Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu. Akkuma ani ka biyya lafaa hin te’in, isaanille ka biyya lafaatii moti. Jechi keeti dhuga’a; dhuga’aan isaan woyyoonsi. Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergite, anille gara biyya lafaa isaan ergeera.
Abbaa balcha’a! Biyyi lafaa si hin beenne; ani ammoo si beeka; isaan kunille akka ati na ergite beekaneeran. Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha» jedhe.
Yennaan biyya lafaa tanatti murantu amma; bulchaan biyya lafa tanaa Seexanni amma hin gatama.
«Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille’e.
Jibbansa Biyya Lafaa
«Biyyi lafaa yoo isin jibbite, isiniin duraa akka na jibbiteertu beeka’a. Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi’ii ka te’e silaa hin jaalattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te’inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti.
Sal e luz
Vós sois o sal da terra e a luz do mundo. O cristão transforma o ambiente onde está, sem se conformar com os padrões mundanos.
Sooddaa Fi Ifa
Yesuus itti dabalee, «Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi’ee kuraawuu dande’a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu’aa hin qabu.
«Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba’atti ijaarame dhokatiisa hin dande’u.
Gosa maraaf dhugaa baya akka teetu, Oduun Gammadaa ta mootummaa Waaqaa, biyya lafaa maratti hin lallabanti. Achiin duuballe muummeen hin dhutti» jedhe.
Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu’uu dande’a ree?
Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu’uu dande’a ree?
Sababa waan kolbaa gufachiisuutiif biyya lafaatiif aanne’e! Wonni gufachiisu dhufuu hin oolu; ammoo ka nama gufachiisuuf aanne’e!
Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa’aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba’a.
Achiin duuba inni, «Gara biyya lafaa duudii dhaqa’aatii, kolbaa maratti Oduu Gammadaa lallaba’a.
Nami yoo waan lafa tanaa duudii qabaatee, jiruu ifii yoo dhabe ammoo maan isaa baati?
Não se conformar
Não vos conformeis com este mundo. A religião pura é guardar-se da corrupção do mundo e viver segundo o Espírito de Deus.
Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.
Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.
Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu.
Biyyi lafaa haga dadantee jalqabee adabi isaa, jechuulle hunni isaa ta bara baraatii fi Waaqummaan isaa ilatti ta hin mudhanne, karaa waan inni dadeetiin mudhattee hubatanteerti; maarre namooti waan itti aalatanu hin qabanu.
Ajaji Seeraa worra Seera jala jiru akka ilaalu hin beenna; tanaaf namooti waan itti aalatanu dhabanee afaan qabatan; biyyi lafaa duudiin muraa Waaqaa jala galti.
Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti’ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du’eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle’ee ifi eeggachu’u.
Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti’ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du’eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle’ee ifi eeggachu’u.
Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. Badhaadhi kun cubbu’uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa.
A batalha espiritual
A nossa luta não é contra carne e sangue. Os poderes do mundo são reais, mas o que está em nós é maior que o que está no mundo.
Wodhaantoon teenna ilmaan namaatiin mormiisa adoo hin te’in, bulchitoota, worra baallii qabanuu fi hunna biyya lafaa ta dukkanaa tana ka te’ane, irree ayyaana hamaalessa ol-gubba’aatiin mormiisa.
Akka barsiisa Kiristoosiititti adoo hin te’in, qarummaa namaatii fi gowwoonsiisa waan tokko ifi keessaa hin qanne, ka aadaa namaatii fi ayyaanota gubba’aa fi lafa bulchanu irratti hundayeen, eennulle akka isin hin boojine ifi eegadha’a.
Biyya lafaa keessa leenulle, nuuti akka biyya lafaa hin lollu.
Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.
Maarre qaroon meet? Beekaan guddaan hore eessa jira? Ka waan lafa tanaa qorqoru hore meet? Waaqi qarummaa lafa tanaa gowwummaa tolchee hin jiruu?
Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beenne waan godheef, barsiisa akka gowwumma’aatitti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffatu fayyisiisaaf fedhii Waaqaa te’eera.
Waaqi ammoo qaroolee qaanessu’uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole’ee laakkowamanu fowate; worra jajjaba qaanessu’uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole’ee laakkowamanu fowate.
Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa’a jedhamee ilaallamu akka hin jirre godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittuu hin laakkowanne fowate. Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe.
Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te’iisaaf akka gowwa’aa ifi laakkowuu ti.
Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. Ammoo woya’aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti.
Nuuti waan tokkolle finnee gara biyya lafaa hin dhunne; waan tokkolle isii keessaa fuunee deemiisa hin dandeennu. Ammoo woya’aa fi sagalee yoo qabaanne sun nu hin geetti.
Pertencemos a Deus
Do Senhor é a terra e tudo o que nela existe. Vivemos neste mundo como peregrinos, desejando a pátria celestial.
Mooticha Guddaa
Faaruu Daawitii.
Lafaa fi wonni lafa irra jiru marti
ka Mootii Waan Maraa ti;
biyyi lafaatii fi worri isii keessa le’u marti ka isaa ti.
Inni lafa hundee abbaaya’aa irra keye,
bisaan irra isii jabeessee dhaabe.
Ol-gubbaan teeti; lattille teeti;
biyya lafaatii fi waan isii keessaa mara ka dade si’i.
Wonni dansaan ta ati worra si sodaatuuf massite,
dansummaan ta ati ilmaan namootaa duratti,
worra sitti baqatuuf mudhitte,
attam attam guddo’o!
Mootiin Waan Maraa ammoo
haga bara baraa bulcha;
inni mura’aaf,
barcumaa mootumma’aa ka ifii
jabeessee dhaabbateera.
Inni balchumma’aan biyya lafaa hin bulcha;
gosa biyya adda addaa haqaan bulcha.
Ifi gara biyya lafaa dhufee nama maraaf issu sun ifa dhuga’aa ti.
Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne.
Inni biyya lafaa keessa jiraayyu; Waaqi karaa isaatiin biyya lafaa dade; biyyi lafaa ammoo isa hin beenne.
Yesuus Ifa Biyya Lafaa Ti
Yesuus ammalle isaaniin, «Ani ifa biyya lafaa ti; ka na hordofu marti ifa jiru’uu hin qabaata malee, ijjumaa dukkana keessa hin ideemu» jedhee dubbate.
Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan. Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande’u.
Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga. Inni yennaa dhufe, marroo cubbu’uu, marroo balchumma’aatii fi marroo mura’aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa. Isaan waan natti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu’uu inni isaanitti hin mudhisa; Ani gara Abba’aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan na hin dhaggineef, inni marroo balchumma’aa hin mudhisa. Bulchaa lafa tanaatitti waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura’aa mudhisa.
Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda’aatii fi ka gatii gudda’aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu’uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma’aa worra qoodamu teetaneertan.
Waan duudi’iin qara, guyyoota muumme’eetitti worri shasheessuu fi worri halchaa badduu ifii hordofu shasheessaa akka dhufu hubatuu qaddan. Isaan, «Yesuus deebi’ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meet ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!» jedhan. Isaan akka bara heddu’uun duratti, ol-gubbaan jecha Waaqaatiin dadantee fi akka latti bisaan irraa fi bisaaniin hujante adoo beekanu akka hin beennee te’an. Biyyi lafaa ta yennaa san jirtulle, bisaaniin liqinfantee badde. Ol-gubba’aa fi latti amma jirtu tun ammoo, akka ibiddaan badanuuf, haga guyyaan mura’aatii fi badiin worra Waaqa malee le’uu geettutti, jechuma kanaan eegaman.
Gaddi akka fedha Waaqaa te’e, nama cubbuu irraa deebisee gara fayyinnaa geessa malee, hin gaabbisiisu. Gaddi biyya lafaa ammoo du’a fida.
Mootiin Waan Maraa, «Ani biyya lafaa hammeenna isi’iitiif, worra hamoolee cubbuu isaaniitiif hin adaba; koora worra ifi saaduu hin balleessa; ifi jajiisa worra bondhooruu gad hin qaba.
Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina’a!
Nuuti ijoollee Waaqaa akka teenee fi biyyi lafaa duudiin hunna hamaalessaa jala akka jirtu hin beenna.
Dhalooti tokko hin dabara; dhalooti hin dhufa. Latti ammoo haga bara baraa hin jiraatti. Aduun hin baati, hin seentille’e; gara addee baateetitti deebi’iisaaf hin ariifatti. Qilleensi gara kibbaa dhowa; gara kaabaalle hin deebi’a. Maree, maree gara dhufetti hin deebi’a. Lagi martinuu gara abbaaya’aa yaa’an; te’uu malee abbaayaan ijjumaa hin guuttu. Lagooti sun gara addee dhufanee, ammalle achitti hin deebi’an.
Ol-gubba’aa fi latti hin taran; jechi kiyya ammoo ijjumaa hin taru.
Yesuus Kiristoos kaleelle, adhaalle, haga bara baraalle sanuma!
Yesuus ammoo yennaa waan kana dhage’e Yaayiroosiin, «Hin sodaatin; dhugeeffadhu malee, intalti teeti hin fayyiti» jedhe.
Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala’ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le’aa mowan.
Maltummaa isaatiin wonni marti isaaf hin teeti; ifumaan guddaa ifi hin godha. Adoo ifi hin eeggachiisin nama hedduu hin ijjeesa; qondaala qondaaltotaa irratti hin ka’a; te’uu malee hin bada; ka baduunille harka namaatiinii moti.