Não desista!
'Não desista!' é o grito do céu para a terra. Deus nos encoraja a perseverar na fé, na oração e na esperança, porque a vitória pertence aos que não se rendem.
Força na fraqueza
Os que esperam no Senhor renovam as forças. Deus não se cansa nem se fatiga — Ele dá poder aos fracos e vigor aos cansados.
Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?
Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;
biyya lafaa duudii ka dade isa;
Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;
eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande’u.
Inni worra laafeef
jabeenna hin kenna;
worra dadhabeef hunna hin ede’a.
Ijoolleen hin dadhaddi; hin laattille’e;
dargaggootille gufattee hin jiddi.
Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,
hunna ifii hin haareffatan.
Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;
hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.
Waaqi Kolbaa Ifii Hin eebbisa
Ee kolbaa Xiyoonii, ka Yerusaalem keessa leetanu, haganaa achi hin boottanu; yennaa isin itti iyyattanu, akkuma qoonqoo teessan dhage’een, inni isiniif mararee deebii isiniif hin kenna.
Waaqi Kolbaa Ifii Hin Woda
Amma ammoo, ee Yaaqoob, ka si dade,
ee Israa’el, ka si huje,
Mootiin Waan Maraa,
«Ani waan si wodeef hin sodaatin;
ani maqa’aan si waameera, ati kiyya.
Yennaa ati bisaan keessa dabartu
ani si woliin hin jiraadha;
yennaa ati laga gamatti buutu
bisaan si hin fudhatu;
ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;
bobeenni ibiddaalle si hin gubu.
Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti,
Woyyichi Israa’elii
fayyisaa keeti.
Ani Gibxii wodoo teetiif,
Itoophiya’aa fi Saabaa addee teeti hin kenna.
Ani waan diqqo’oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te’e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera. Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.
Dhugeeffanna’aan Jiraatuu
Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba’aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya’aan hin haareffama. Rakkoon teenna diqqo’oo fi ta haga yenna’aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti. Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna’aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti.
Perseverança na fé
Não perca a confiança, pois ela tem grande recompensa. O justo viverá pela fé, e quem perseverar até o fim será salvo.
Yoona ifi-addii Waaqatti qaddanu, ta gatii guddoo ittiin dhaggattanu san hin gatina’a!
Waaqi waadaa nu’uuf gale addatamaa waan te’eef, addii dhugeeffannee dhugaa baanuuf tana, kowa’a adoo asii fi achi hin jedhin jabeessinee qabanna. Jaalalaa fi hujii dansa’aan dammandhee akka leenuuf, kowa’a wolii yaadannaa. Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta’aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha’a.
Dhugeeffanna’aan malee Waaqa gammachiisuun hin dande’amu; nami gara Waaqaa dhiyaatu, akka Waaqi jiruu fi worra isa barbaaduuf ka gatii kennu akka te’e dhugeeffatuu qaba.
Jechi Waaqaa jiraata’aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.
Yoo addii kutatuu dhanne, yennaan haamma’aa yennaa geette, waan wolitti qabannuuf, hujii dansaa hujiisa me dadhannuu ti.
«Ani ariifadhee hin dhufa. Eennulle kallacha keeti akka hin fudhanne waan qaddu jabeessii qabadhu.
Kolbaa Waaqaa ta ajaja Waaqaa eeggatanuu fi Yesuusille’eef addatamiisaan jabaatanu irraa ciniinnatanee ossiis yennaa tana barbaachitti.
Haga Ilaallatamu’uu Fi Ataabamuu
Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii jiru’uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata.
Deus é refúgio
O Senhor é nosso refúgio e fortaleza. Ele ouve nossas orações, nos consola nas tribulações e transforma choro em dança.
Waaqi Nu Woliin Jira
Faaruu ilmaan Qoraahii, sooressa faarfattootaatiif, ta qoonqoo durraatiin faarfatane.
Waaqi addee itti baqannu;
inni hunna teenna;
yennaa rakko’oo inni guddoo nu qarqaara.
Ba’aa teeti Mootii Waan Maraa irratti buufadhu;
inni si utuba;
inni worra balchoolee
ijjumaa akka raafamanu hin godhu.
Mootiin Waan Maraa worra cunqurfameef,
addee itti baqatanu;
yennaa rakko’oo dalleya jaba’a.
Ee Mootii Waan Maraa,
ati worra si barbaadu waan hin lakkinneef,
worri maqaa keeti beeku sitti addata.
Worri imimmaan dhangalaasaa facaasane,
ilillisaa haammatan.
Worri sanyii facaasiisaaf,
ba’atanee bowaa deemanu,
laddee ba’atanee ilillisaa hin deebi’an.
Isin worri Mootii Waan Maraatitti addii godhattanu marti,
jabaadha’a; jajjabaadha’a.
Jechi keeti miila kiyyaaf issa’a;
daandii tiyyaafille ifa.
Mootiin Waan Maraa
worra isa waammatu maraaf,
worra dhuga’aan isa waammatu maraaf
dhikoo jira.
Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta;
iyya isaaniille dhage’ee,
isaan hin baasa.
Vitória em Cristo
Jesus venceu o mundo e nos dá vitória. Para Deus nada é impossível, e Ele faz infinitamente mais do que pedimos ou pensamos.
Anaan nageenni akka isinii te’uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha’a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
Waan kanaaf, barattoota isaa keessaa hedduun gara duubaa deebi’ane; eega san isa woliin hin deenne. Maarre Yesuus barattoota kudhanii lamaaniin, «Isinille deemuu barbaaddanii?» jedhee gaafate.
Simoon Pheexroos, «Gootta’a, gara eennuu deenna? Ati Jecha jiruu bara baraa kennu qadda. Ati Woyyicha Tokkocha Waaqaa akka teete dhugeeffanneerra; beenneerralle’e» jedhaneen.
«Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi’ee gara keessan hin dhufa.
Gaafadha’a, Barbaada’a, Dhodhowa’a
Yesuus itti dabalee, «Gaafadha’a, isiniif hin kennanti; barbaada’a, hin dhaggattanille’e; balbala dhodhowa’a isiniif hin bananti. Ka gaafatu hin fudhata, ka barbaadulle hin dhaggata, ka balbala dhodhowuufille hin bananti.
«Isin worri ba’aa ulfaattuu ba’atee dadhabe marti, gara kiyya kowa’a, ani isin foorfachiisa. Waanjoo kiyya fuudha’aatii ba’adha’a, ana irralle’ee baradha’a; ani nageellichaa fi ka ifi gad qabu; lubbuu teessaniif foora hin dhaggattan. Waanjoon kiyya kaso’o, ba’aan tiyya sallo’o» jedhe.
Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, «Wonni kun namaaf hin dande’antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande’anti» jedhe.
Waaqaaf wonni hin dande’anne hin jirtu» jedhe.
Esperança e transformação
O Senhor completa a boa obra que começou em nós. Ele faz novas todas as coisas e dá esperança para o futuro.
Waaqi hujii dansaa isin keessatti jalqabe, haga guyyaa Yesuus Kiristoos deebi’ee dhufuutitti, akka muummessu ani mama hin qabu.
Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.
Ol-gubbaa Haareyaa Fi Lafa Haareya
Achiin duuba ol-gubbaa haareyaa fi lafa haareya dhagge; ol-gubbaan duriitii fi latti durii dabaraneeran, abbaayaan guddoolle deebitee hin jiraattu. Qachaan woyyichi, Yerusaalemiin haaretti, akka waajibittii dhirsa ifiitiif ifi seefattee, qophoottee ol-gubbaa irraa Waaqa biraa gadi buutuun dhagge. Ani qoonqoo guddoo takkalle dhage’e; isiin barcumaa mootumma’aa san biraa, «Kunoo, bultumi Waaqaa ulfaataan odduu kolba’aa jira; kolbaa wolille’een hin jiraata; isaanille kolbaa isaa hin te’an. Waaqinuu isaan woliin le’a; Waaqa isaaniille te’a. Imimmaan duudii ila isaanii irraa haqa; wonni durii waan dabarteertuuf, haganaa achi duuti, yookiin gaddi, yookiin bootti, yookiin farri hin jiraattu» jedhe.
Waaqi dansa’a;
yennaa rakkinnaa addee itti baqatanu.
Inni worra itti baqatu rakkinna irraa hin dhoogga;
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.
Isin ammoo gatii eloo teessanii waan dhaggattanuuf, jajjabaadha’a, hin dadhabina’a» jedhe.
Permanecendo firme
Persevere na oração, firme-se na Palavra e fortaleça-se na graça de Cristo. A fé vem pelo ouvir, e o ouvir pela Palavra de Deus.
Jabaadha’aa huja’a malee, gadhee hin te’ina’a. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila’a. Addii qaddanuun gammada’a; rakkinna ossadha’a; yennaa mara daadimadha’a.
Addii qaddanuun gammada’a; rakkinna ossadha’a; yennaa mara daadimadha’a.
Jaalota tiyya! Mufiin Waaqaa haluu baatuutii malee, isin ijjumaa haluu hin bayina’a. Barreeffam Woyyichi, «Ka haluu bawuu fi ka gatii halu’uu kaffalu ana jedha Goottaan Waaqi» jedha.
Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage’iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.
Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa’aaf akka isaanii godhu hin beenna.
Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.
Barumsa fayyaalessa akka fakkeennaatitti hordofiisaaf na irraa baratte, dhugeeffanna’aa fi jaalala tokkummaa nuuti Yesuus Kiristoosiin qannu jabeessii qabadhu. Waan dansaa maganne’een sitti kenname san, hunna Ayyaana Woyyicha nu keessa jiruutiin eegi.
Amma Goottaan keenna Yesuus Kiristoosii fi Waaqi Abbaan keenna ka nu jaalatee, badhaadha ifiitiin jajjabeenna bara baraatii fi addii jadduu nu’uuf kenne, waan dansaa mara akka gootanuu fi akka dubbattanu gadhaa keessan jajjabeessee, isin jabeessa.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
Waaqa dura dhikaatiisaaf ifi-addiin nuuti qannu tana: waan mara akka fedha isaa yoo isa gaafanne inni nu hin dhage’a. Waan isa gaafannu mara akka inni nu’uu dhage’u yoo beenne, yennaa isa gaafannu mara akka fudhannu hin beenna.
Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.