Pular para o conteúdo
Publicidade

Não temas

Por Bíblia Online

'Não temas' é uma das frases mais repetidas na Bíblia. Deus a pronuncia nos momentos de maior temor, lembrando que sua presença e poder são maiores que qualquer ameaça.

Deus está contigo

Não temas, porque eu sou contigo. Deus repete essa promessa em cada crise, guerra e desafio que seus filhos enfrentam.

Kanaafuu ati hin sodaatin; ani si wajjin jiraatii;

hin raafamin; ani Waaqa keetii.

Ani sin jabeessa; sin gargaaras;

ani harka koo mirgaa qajeelaa sanaan hirkisee ol sin qaba.

Ani Waaqayyo Waaqni kee

harka kee mirgaa nan qabaatii;

inni, Hin sodaatin;

ani sin gargaaraasiin jedhus anuma.

Yaa Yaaqoob raammoo nana,

Yaa Israaʼel xinnoo nana hin sodaatin;

ani mataan koo sin gargaaraatii" jedha Waaqayyo,

Furaan kee, Qulqullichi Israaʼel sun.

Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu,

tulluu dheeraatti ol baʼi.

Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu,

sagalee kee ol fudhuutii iyyi;

ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin;

magaalaawwan Yihuudaatiinis,

"Waaqni keessan kunoo ti!" jedhi.

Ani akkana jedhee si hin ajajnee? Cimi; ija jabaadhus. Waan Waaqayyo Waaqni kee iddoo ati deemtu hundumatti si wajjin taʼuuf, hin sodaatin; abdiis hin kutatin."

Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu."

Kakuu Waaqni Abraam Wajjin Gale

Kana booddee dubbiin Waaqayyoo mulʼataan gara Abraam dhufee akkana jedhe;

"Yaa Abraam hin sodaatin;

ani gaachana keetii fi

gatii kee guddicha."

Coragem diante do perigo

Não tenhas medo — o Senhor teu Deus está no meio de ti, poderoso para salvar. Ele luta por nós e dá forças aos medrosos.

Isaan gaafas

Yerusaalemiin akkana ni jedhu;

"Yaa Xiyoon hin sodaatin;

harki kees hin laafin.

Waaqayyo Waaqni kee

inni si wajjin jiru jabaa dha.

Inni baayʼee sitti gammada;

inni jaalala isaatiin si boqochiisa;

faarfannaadhaanis sitti gammada."

Raajiin sun immoo, "Hin sodaatin; warri nu wajjin jiran warra isaan wajjin jiran caalaniitii" jedhee deebise.

Elsaaʼis, "Yaa Waaqayyo, akka inni arguu dandaʼuuf ija isaa baniif" jedhee kadhate. Waaqayyos ija tajaajilaa sanaa ni bane; innis milʼatee akka gaarran sun naannoo Elsaaʼitti fardeenii fi gaariiwwan ibiddaatiin guutamanii jiran ni arge.

Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin;

gammadiitii ililchi.

Waaqayyo dhugumaan waan guddaa hojjeteera!

Waaqayyo garuu akkana naan jedhe; "Ati, Ani mucaa xinnoo dhahin jedhin. Ati gara nama ani itti si ergu hundaa dhaqxee waan ani si ajaju hunda dubbachuu qabda. Ati jara hin sodaatin; ani si baasuuf si wajjinan jiraatii" jedha Waaqayyo.

Halkan tokko Gooftaan akkana jedhee mulʼataan Phaawulositti dubbate; "Hin sodaatin; dubbadhu malees hin calʼisin. Sababii ani si wajjin jiruuf namni tokko iyyuu si miidhuuf jedhee si hin tuqu; ani magaalaa kana keessaa nama baayʼee qabaatii."

Yaa ilma namaa, ati isaan yookaan dubbii isaanii hin sodaatin. Sokorruu fi qoraattiin si marsus, torbaanqabaa gidduu jiraattus hin sodaatin. Isaan mana fincilaa taʼan iyyuu ati waan isaan dubbatan hin sodaatin yookaan isaan si hin rifachiisin. Waan isaan finciltoota taʼaniif, dhagaʼanis dhagaʼuu baatanis ati dubbii koo isaanitti himuu qabda.

Fé que vence o medo

O medo não vem de Deus. Jesus disse: não temas, crê somente! A fé dissipa o medo e nos conecta ao poder de Deus.

Yesuus garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, "Amani malee hin sodaatin!" jedhe.

Dhiphina sirra gaʼuuf jiru hin sodaatin. Kunoo, akka qoramtaniif diiyaabiloos isin keessaa namoota tokko tokko mana hidhaatti ni galcha. Guyyaa kudhanis ni dhiphattu. Ati hamma duʼaatti amanamaa taʼi; ani gonfoo jireenyaa siifin kennaatii.

Warra foon malee lubbuu ajjeesuu hin dandeenye hin sodaatinaa. Qooda kanaa Isa gahaannam keessatti foonii fi lubbuu balleessuu dandaʼu sana sodaadhaa.

Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin.

Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii.

Simoon Phexrosis yommuu waan kana argetti jilba Yesuusitti kufee, "Yaa Gooftaa, ani nama cubbamaa dha; narraa fagaadhu!" jedhe.

Seja o primeiro