Nascimento de Jesus
O nascimento de Jesus é o evento que divide a história. O Verbo se fez carne e habitou entre nós. Deus enviou seu Filho ao mundo para nos salvar e nos reconciliar consigo.
O Verbo se fez carne
Jesus não nasceu por acaso — sua encarnação foi planejada antes da fundação do mundo. Ele se esvaziou e assumiu a forma humana por amor.
Yaada Kiristoos Yesuus qabaate isinille qabaadha’a:
Inni yennaa maraa adaba waaqumma’aa adoo qabuu,
ulfinna waaqumma’aa, ka Waaqa woliin isa qixxeessu
lakkisiis akka hin malleetitti hin laakkonne.
Ammoo ulfinna ifii lakkisee
akka garbaa te’ee mudhate;
akka namaa te’ee dhalate;
nama fakkaatee mudhate.
Ifi gad qabee,
haga du’aatitti,
haga fannifamee du’ulle’etti, ka ajajamu te’e.
Barri murtaye sun yennaa geye, Waaqi Ilma ifii nuuf erge. Inni dubartii irraa dhalatee, Seera jalatti bule. Inni worra Seera jala jiru wodee, ilmaan Waaqaa nu godhiisaaf tana godhe.
Ijoolleen tun namoota foonii fi dhiiga qabanu akkuma te’ane, Yesuusille du’a ifiitiin, Seexana du’a irratti baallii qabu balleessiisaaf, akkuma isaanii nama te’e. Akkasuma worra du’a sodaatiisaan bara ifii duudii garbummaa jala turelle bilisa baase.
Tanaaf inni Waaqa tajaajiliisaan Hayyicha Guddaa addatama’aa fi mararticha te’ee, kolbaan araara cubbu’uu akka dhaggattuuf, waan maraan obboleeyyan ifii fakkaatiis isaaf barbaachise.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
O anúncio e o nascimento
O nascimento de Jesus foi anunciado por anjos, precedido por sinais e recebido com adoração pelos pastores e pelos magos do oriente.
Dhaloota Yesuus Kiristoosii
Dhalooti Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaamiin Yoseefiif kadhatanteertu adoo isaan wol bira hin geyin dura, Ayyaana Woyyichaan ulfoottee dhaggante.
Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju’uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.
Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeru akka muummottuuf teete. Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu’el› jedhamee waamama;» «Amaanu’el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu’u.
Maarre Yoseef yennaa dammaqe, akkuma ergamaan Gootta’aa itti hime, Maariyaamii kadhateeru akka niiti’iititti gara mana ifii fudhate. Te’uu malee haga isiin ilma deettutti akka niiti’iititti isii bira hin geenne. Yoseef maqaa isaa Yesuus jedheen.
Ergantichi Waaqaa isi’iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. Inni guddaa hin te’a, Ilma Waaqa Ol Aana’aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa. Inni kolbaa Israa’eliitiif haga bara baraa mootii hin te’a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.
Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te’eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda’aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe. Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe. Adoo isaan Beeteelem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette. Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma’aa keessaa addee buli’ii waan dhabaneef, annuu hoccu’uun martee goongaa keessa irkitte.
Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina’a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe. Adha qachaa Daawitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos. Beessisi isaalle kana: annuu hoccu’uun maramee, goongaa keessa irkateeruun dhaggitan» isaaniin jedhe.
Ergantooti Waaqaa tissitoota lakkisanee gara ol-gubba’aa deebi’aneen duuba, tissitooti, «Ka’aa me, gara Beeteelemii dhandhee, waan te’e kana, ka Goottaan nu’utti hime ilaallaa!» woliin jedhane. Maarre isaan ariifatanee dhaqanee, Maariyaami’ii fi Yoseef, daa’imalle goongaa keessa irkateeruun dhaggane. Tissitooti yennaa isa dhaggane, waan ergamaan Waaqaa marroo daa’ima kanaatiif dubbate isaanitti odeessane. Worri waan kana dhage’ane maraa, waan tissitooti isaanitti odeessane baaseffatane.
O Rei que veio servir
Jesus nasceu para ser Rei, e todo aquele que é da verdade ouve a sua voz. Os magos o adoraram e ofereceram seus tesouros.
Maarre Philaaxoos, «Ati mootii Yihudootaatii ree?» jedhee isa gaafannaan, Yesuus deebisee, «Akka ani mooti’ii atinuu jette. Ani marroo dhuga’aatiif dhugaa bayiisaaf dhaladhee, gara biyya lafaa dhufe. Ka dhuga’aa ka te’e na hin dhage’a» jedhe.
Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage’ane, ka’anee yaa’ane; karaa irralle’etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba’atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente. Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane. Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.
Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju’uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi’iin gara biyya ifii deebi’ane.
Este artigo te tocou? Faça uma oração!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.