Nascimento
O nascimento é obra das mãos de Deus. Cada criança é formada por Ele no ventre materno com propósito e amor. A Bíblia celebra a vida desde a concepção até a eternidade.
O nascimento de Jesus
O maior nascimento da história mudou o curso da humanidade. Jesus nasceu de uma virgem pelo poder do Espírito Santo, conforme as profecias.
Dhalooti Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaamiin Yoseefiif kadhatanteertu adoo isaan wol bira hin geyin dura, Ayyaana Woyyichaan ulfoottee dhaggante. Yoseefiin isii kadhateeru sun nama balchaa waan te’eef, kolbaa duratti Maariyaamii qaanessuu hin barbaanne; maarre dhokaataan isii lakkisiisaaf yaade. Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju’uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.
Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeru akka muummottuuf teete. Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu’el› jedhamee waamama;» «Amaanu’el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu’u.
Maarre Yoseef yennaa dammaqe, akkuma ergamaan Gootta’aa itti hime, Maariyaamii kadhateeru akka niiti’iititti gara mana ifii fudhate. Te’uu malee haga isiin ilma deettutti akka niiti’iititti isii bira hin geenne. Yoseef maqaa isaa Yesuus jedheen.
Tanaaf Mootiin Waan Maraa ifiifuu beessisa isiniif hin kenna; kunoo, durri duudduun ulfoottee, ilma hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu’el› jettee hin waanti.
Elsaabeex ulfoottee ji’a jayeesso’ootitti Waaqi erganticha Gabri’eel gara qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu, gara durra duuddu’uu ta Maariyaam jedhantuu takka erge. Isiin nama Yoseef jedhamu ka sanyii Mooticha Daawitii keessaa dhalate tokkoof kadhatanteerti.
Ergantichi Waaqaa isi’iin, «Maariyaam, hin sodaatin! Waaqi si badhaaseera. Ati ulfoottee ilma hin deetta; maqaa isaalle Yesuus jettaan. Inni guddaa hin te’a, Ilma Waaqa Ol Aana’aalle hin jedhama. Goottaan Waaqi akkuma abbaa isaa Daawitii isa hin mootonsa. Inni kolbaa Israa’eliitiif haga bara baraa mootii hin te’a, mootummaan isaalle dhuma hin qaddu» jedhe.
Maariyaam erganticha Waaqaatiin, «Ani durra duuddu’u; tun attam te’iisaa dandeetti?» jette.
Ergantichi Waaqaalle deebisee, «Ayyaanni Woyyichi si’itti hin dhufa, hunni Waaqa Ol Aana’aalle si irratti hin buuti. Tanaaf daa’inni woyyichi dhalatu Ilma Waaqaa hin jedhama.
Formados desde o ventre
Deus nos teceu no ventre de nossa mãe. Antes de nascermos, Ele já nos conhecia e nos separou para um propósito sagrado.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Ani yennaa addee dhossa’aatitti dadame,
qilee gadaamessaa keessatti dadame;
lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,
adoo ani dhiigaatuu,
ilti teeti na dhaggite;
dhaladhee barri jiruu tiyyaa
laakkowamiisa adoo hin jalqabin,
guyyooti naaf yaadamane marti
kitaaba keeti keessatti barreeffamane.
«Ani gadhaa haadha teetii keessatti adoo si hin dadin si beeke; adoo ati hin dhalatin adda si baafadhee, gosa biyya adda addaatiif, raagaa akka teetu si filadhe» naan jedhe.
Ati nageyaan akka dhaladhu na gootee,
harma haadha tiyyaa irralle’etti na eedde.
Gadaamessa haadha tiyyaatii jalqabee
ka na eege si’i;
gadhaa haadha tiyyaatii jalqaddee
ati Waaqa kiyya teeteerta.
Gadhaa haadha tiyyaa keessaa
akka dhaladhu sittuu godhe;
dhaloota kiyyaa jalqabee sitti irkadheera;
ani yennaa mara si leellisa.
Mootiin Waan Maraa, «Haati annuu ifii ta hoosittu
dedhuu dandeettii?
Yookiin finna ifii ta deetteef hin marartuu ree?
Haati annuu ifii deetulle ani ijjumaa Xiyoon hin dedhu.
Ani dubartii deyiisa geette akka hin deenne hin godhaa? Yennaa dubartiin deettu, ani ka gadaamessa cufuu?» jedha.
Crianças — bênção e promessa
Jesus acolheu as crianças e disse: delas é o Reino dos céus. Os filhos são herança do Senhor e motivo de alegria para os pais.
Yesuus ammoo, «Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa’a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina’a» jedhe.
Eennulle ka akka daa’ima kanaa ifi gad qabu mootummaa ol-gubba’aa keessatti mara ka caalu te’a. Eennulle daa’ima akkasii maqaa kiyyaan ka fudhatu na fudhata.
Achiin duuba ijoollee habbaarratee harka ifiitiin qaqqabee, isaan eebbise.
Ijoolleen kennansa Mootii Waan Maraa ti;
midhaan gadaamessaa,
eebba isaa ti.
Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne.
Ee Mootii Waan Maraa, hujii teetiin na gammachiitta;
ani hujii harka keetiititti gammadee faarfadha.
Nascer de novo
Jesus ensinou que é preciso nascer de novo para ver o Reino de Deus. O novo nascimento é espiritual — pelo Espírito e pela Palavra.
Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande’u» jedhee deebise.
Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniinsu’uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa’imi dhalate ammoo, daa’imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti.
Nami Waaqa irraa dhalate adabi Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande’u.
Isa faarfadha’a; isa leellifadha’a
hujii isaa ta maade’ee hima’a.