Publicidade

Nascimento

Por Bíblia Online

O nascimento é obra das mãos de Deus. Cada criança é formada por Ele no ventre materno com propósito e amor. A Bíblia celebra a vida desde a concepção até a eternidade.

O nascimento de Jesus

O maior nascimento da história mudou o curso da humanidade. Jesus nasceu de uma virgem pelo poder do Espírito Santo, conforme as profecias.

Dhalachuu Yesuus Kiristoos

Dhalachuun Yesuus Kiristoos akkana ture: Haati isaa Maariyaam kaadhima Yoosef turte; isheenis utuu Yoosef wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte. Yoosef kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.

Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, ergamaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; "Yaa Yoosef ilma Daawit, kaadhimni kee Maariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin. Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Yesuus jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii."

Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe. Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu" jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Waaqni nu wajjin jira" jechuu dha.

Yoosefis hirribaa dammaqee akkuma ergamaan Gooftaa isa ajajetti Maariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate. Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, "Yesuus" jedhee moggaase.

Kanaafuu Gooftaan mataan isaa mallattoo isiniif kenna: Kunoo durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; Amaanuʼel jettees isa moggaafti.

Dhalachuu Yesuus

Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture.

Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu."

Maariyaamis, "Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?" jettee ergamaa sana gaafatte.

Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama.

Formados desde o ventre

Deus nos teceu no ventre de nossa mãe. Antes de nascermos, Ele já nos conhecia e nos separou para um propósito sagrado.

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,

lafeen koo si duraa hin dhokanne.

Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,

iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.

Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,

kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.

"Ani utuu gadameessa keessatti si hin uumin dura si beeke;

utuu ati hin dhalatin dura addaan si baafadhe;

akka ati sabootaaf raajii taatuufis si muude."

Ati garuu gadameessa keessaa na baafte;

harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.

Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame;

erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.

Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera;

gadameessa haadha koo keessaas situ na baase.

Ani yeroo hunda sin galateeffadha.

"Haati daaʼima ishee kan hoosiftu

irraanfachuu ni dandeessii?

Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu?

Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!

Ani yeroo daʼumsaatiin nama gaʼee

daʼuu nan dhowwaa?"

jedha Waaqayyo.

"Ani daʼumsaan gaʼee

gadameessa nan cufaa?"

jedha Waaqni kee.

Crianças — bênção e promessa

Jesus acolheu as crianças e disse: delas é o Reino dos céus. Os filhos são herança do Senhor e motivo de alegria para os pais.

Yesuusis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii" jedhe.

Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala. Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.

Innis ijoollee sana fuudhee ofitti qabe; harka isaas isaan irra kaaʼee isaan eebbise.

Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti;

iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

Ani mucaa kana argachuuf kadhadheera; Waaqayyos waan ani isa kadhadhe naaf kenneera.

Yaa Waaqayyo, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii;

ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.

Nascer de novo

Jesus ensinou que é preciso nascer de novo para ver o Reino de Deus. O novo nascimento é espiritual — pelo Espírito e pela Palavra.

Yesuusis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu" jedheen.

Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.

Namni Waaqa irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Waaqaa isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Waaqa irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu.

Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;

waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-