Natal
O Natal celebra o maior milagre da história: Deus se fez homem. O menino Jesus, nascido em Belém, é Emanuel — Deus conosco — a esperança do mundo inteiro.
O nascimento do Salvador
O anjo anunciou: hoje vos nasceu um Salvador, que é Cristo, o Senhor! A virgem concebeu pelo Espírito Santo e deu à luz o Filho de Deus.
Ergantichi Waaqaa ammoo, «Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessiisaaf dhufe.
Adha qachaa Daawitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos.
Yoseefille dhalootaan sanyii Daawitii waan te'eef, qachaa Naaziretii ka Galiilaa keessatti dhaggamuu bayee, gara qachaa Daawitii, ka biyya Yihuda'aa keessatti dhaggamuu Beeteelem dhaqe. Inni intala kadhateeru, ta ulfa qaddu, Maariyaam woliin laakkowamiisaaf achi dhaqe.
Adoo isaan Beeteelem keessa jiranuu, yennaan Maariyaamiin deettu geette. Isiin ilma angaficha deettee, mana keessumma'aa keessaa addee buli'ii waan dhabaneef, annuu hoccu'uun martee goongaa keessa irkitte.
A profecia cumprida
Isaías profetizou: a virgem conceberá e dará à luz um filho que se chamará Emanuel. Em Jesus, essa promessa se cumpriu perfeitamente.
Tanaaf Mootiin Waan Maraa ifiifuu beessisa isiniif hin kenna; kunoo, durri duudduun ulfoottee, ilma hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el› jettee hin waanti.
Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju'uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin.
Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.
Kun martinuu wonni Goottaan karaa raagichaatiin dubbateeru akka muummottuuf teete. Wonni dubbatameerulle, «Durri duudduun hin ulfootti; ilmalle hin deetti; maqaa isaalle, ‹Amaanu'el› jedhamee waamama;» «Amaanu'el» jechuun, «Waaqi nu woliin jira» jechu'u.
Glória a Deus nas alturas
Os pastores glorificaram a Deus e os anjos cantaram: 'Glória a Deus nas alturas e paz na terra entre os homens a quem Ele quer bem!'
«Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti worra inni jaalatuuf nageenni te'u» jedhanee Waaqaa galateeffatane.
Tissitooti akkuma ergamaan Waaqaa isaanitti hime teeteertuun waan dhage'anee fi dhagganne maraaf, Waaqa galateessaa leellisaa deebi'ane.