Nova aliança
A Nova Aliança é o pacto de graça que Deus estabeleceu através de Jesus Cristo. Diferente da antiga, ela é escrita no coração, mediada pelo sangue de Cristo e acessível a todos.
A profecia da Nova Aliança
Jeremias profetizou uma aliança nova em que Deus escreveria sua lei no coração do povo. Essa promessa se cumpriu em Cristo.
"Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,
mana Yihuudaa wajjinis
kakuu haaraa galu ni dhufa,"
jedha Waaqayyo.
"Kakuun kunis kakuu ani,
yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee
harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale,
kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu
isaan cabsan sanaan tokko miti"
jedha Waaqayyo.
"Kakuun ani yeroo sana booddee
mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha" jedha Waaqayyo.
"Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;
garaa isaanii keessattis nan barreessa.
Ani Waaqa isaanii nan taʼa;
isaanis saba koo taʼu.
Sababii hundi isaanii,
xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,
siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee
ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu"
jedha Waaqayyo.
"Ani yakka isaanii nan dhiisaaf;
cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu."
Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture.
Innis kakuu kanaan "haaraa" jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.
Yesuus sababii kakaa kanaatiif kakuu caaluuf wabii taʼeera.
Selada com sangue
Jesus instituiu a Nova Aliança na Última Ceia: 'Este cálice é a nova aliança no meu sangue.' Seu sacrifício é definitivo e perfeito.
Akkasumas irbaata booddee xoofoo sana fuudhee akkana jedhe; "Xoofoon kun Kakuu Haaraa dhiiga koo kan isiniif dhangalaafamuun taʼuu dha.
Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; "Hundi keessan kana irraa dhugaa. Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.
yoos dhiigni Kiristoos isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Waaqaaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Waaqa jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!
Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Kiristoos araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.
Iddoo dhaamsi dhaalaa jirutti duʼa namicha dhaamate sanaa mirkaneessuun barbaachisaa dha; dhaamsi dhaalaa yommuu namni dhaamate sun duʼu qofa hojii irra oola malee utuu inni lubbuun jiruu hin hojjetuutii. Sababiin kakuun jalqabaa iyyuu dhiiga malee hojii irra hin ooliniifis kanuma. Museen erga ajaja seera sanaa tokko tokkoon saba sana hundatti himee booddeetti, dhiiga jabbootaatii fi dhiiga reʼootaa bishaan wajjin, rifeensa hoolaa bildiimaa fi hiisophii fuudhee kitaaba maramaa fi saba hundatti facaase. Innis, "Kun dhiiga kakuu kan Waaqni isiniif ajajee dha" jedhe.
Seerri gaaddidduu waan gaarii dhufuuf jiruu qofa malee bifa dhugaa miti. Kanaafuu seerichi aarsaa utuu wal irraa hin citin wagguma waggaan dhiʼeeffamu sanaan gonkumaa namoota waaqeffachuuf dhiʼaatan sana warra mudaa hin qabne gochuu hin dandaʼu. Utuu isaan waan kana gochuu dandaʼanii silaa aarsaan dhiʼeeffamuun isaa ni hafa ture mitii? Waaqeffattoonnis siʼa tokko yeroo hundaaf ni qulqulleeffamu turaniitii; ergasii sababii cubbuu isaaniitiif yakki isaanitti hin dhagaʼamu ture. Aarsaawwan kunneen garuu wagguma waggaan cubbuu nama yaadachiisu. Sababiin isaas dhiigni korommiitii fi dhiigni reʼootaa gonkumaa cubbuu dhabamsiisuu hin dandaʼuutii.
Reconciliação e vida nova
Pela Nova Aliança somos reconciliados com Deus, trazidos para perto pelo sangue de Cristo e feitos embaixadores da reconciliação.
Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera. Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera. Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna. Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.
Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti. Nu waan tokko illee ofii keenyaan hojjechuuf dandeettii qabna jennee miti; dandeettiin keenya garuu Waaqa irraa dhufa. Innis akka nu tajaajiltoota kakuu haaraa taanuuf dandeettii nuu kenneera; kakuun kunis kan qubee utuu hin taʼin kan Hafuuraa ti; qubeen ni ajjeesa; Hafuurri garuu jireenya kenna.
Kanaaf isin warri durumaa dhalootaan Namoota Ormaa taatan akka warra dhagna qabaa harka namaatiin dhagna namaa irratti hojjetamuun, "Nu warra dhagna qabatee dha" ofiin jedhan biratti "Warra dhagna hin qabatin" jedhamtanii waamamtan sana yaadadhaa; isin akka yeroo sana Kiristoos irraa cittanii, lammummaa Israaʼel keessaa baafamtanii, kakuu waadaatiifis keessumoota taatanii, abdii malee, Waaqa malees addunyaa keessa turtan yaadadhaa. Amma garuu isin warri yeroo tokko fagoo turtan Kiristoos Yesuusiin dhiiga Kiristoosiin dhiʼeeffamtaniirtu.
Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.