Pais
Deus é nosso Pai celestial — amoroso, provedor, disciplinador e fiel. As Escrituras também honram os pais terrenos e os chamam a criar os filhos na instrução do Senhor.
O Pai celestial
Deus é Pai de misericórdias. Ele nos adotou como filhos, nos ama incondicionalmente e cuida de cada detalhe da nossa vida.
Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.
Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.
Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne. Akka nu ijoollee Waaqaa taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana.
Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.
Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu;
Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,
Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,
Waaqayyo warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
inni akka nu itti uumamne ni beekaatii;
akka nu biyyoo taanes ni yaadata.
Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa,
niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun
iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya.
Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti;
hundi keenya hojii harka keetii ti.
Yoo Abrahaam nu beekuu baatee,
yookaan Israaʼel nu yaadachuu baate iyyuu,
ati dhugumaan abbaa keenya;
Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya;
Furaan keenya durumaa jalqabee maqaa kee ti.
Mucaan nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.
Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa,
Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa
jedhamee ni waamama.
Mucaan nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.
Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa,
Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa
jedhamee ni waamama.
O cuidado paterno de Deus
O Pai celestial sabe do que precisamos antes de pedirmos. Ele dá boas dádivas aos filhos que pedem e cuida até dos passarinhos.
Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?
Daaloteen lama saantima tokkotti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu fedhii Abbaa keessanii malee lafa hin buutu. Rifeensi mataa keessanii hundis lakkaaʼameera. Kanaaf hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu. Kunis akka sooma kee sana abbaa kee isa namatti hin mulʼanne malee namni hin beekneefii dha. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun gatii kee ifaan ifatti siif kenna.
"Yaa abbootii, isin keessaa namni yoo ilmi isaa qurxummii isa kadhate, qooda qurxummii bofa kennuuf eenyu? Yookaan namni yoo ilmi isaa hanqaaquu isa kadhate torbaanqabaa kennuuf eenyu? Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, Abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif Hafuura Qulqulluu haa kennuu ree!"
"Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.
Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
Waaqni Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree?
Conhecer o Pai
Jesus é o caminho para o Pai. Ninguém conhece o Pai senão o Filho e aquele a quem o Filho quiser revelar.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.
Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha.
Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa."
Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.
Eenyu iyyuu takkumaa Waaqa hin argine; garuu Ilma Tokkicha Abbaa bira jiru sanatu isa beeksise.
Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu. Anii fi Abbaan tokkuma."
"Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.
"Abbaan koo waan hunda dabarsee natti kenneera. Abbaa malee namni tokko iyyuu Ilma hin beeku; Ilmaa fi nama Ilmi isa itti mulʼisuu fedhu malee namni tokko iyyuu Abbaa hin beeku.
Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.
"Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti. Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.
Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa Leegewoonii Kudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?
Akkuma abbaan keessan araara qabeessa taʼe sana, isinis araara qabeeyyii taʼaa.
Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinni haa taʼu. Ameen.
Disciplina e amor paterno
O Pai disciplina os filhos que ama. A correção divina produz fruto de justiça e paz para aqueles que foram exercitados por ela.
Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti. Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree! Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Waaqni garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba.
Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin;
dheekkamsa isaas hin jibbin.
Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti
warra jaallatu ni adabaatii.
Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin;
dheekkamsa isaas hin jibbin.
Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti
warra jaallatu ni adabaatii.
Pais terrenos
A Bíblia honra os pais que criam os filhos nos caminhos de Deus. Honrar pai e mãe é mandamento com promessa de vida longa.
Ijoollee fi Warra Isaanii
Yaa ijoolle, Gooftaaf jedhaatii abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun qajeelaadhaatii. Ajajni jalqabaa kan waadaa qabu, "Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni" jedha; kunis, "Akka sitti toluu fi akka lafa irra bara dheeraa jiraattuuf."
Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
Yaa abbootii, isinis ijoollee keessan barsiisaa fi gorsa Gooftaatiin guddisaa malee hin aarsinaa.
Akka biyya Waaqayyo Waaqni kee siif kennu keessa bara dheeraa jiraattuuf abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni.
Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,
morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
Abbaan nama qajeelaa gammachuu guddaa qaba;
namni ilma ogeessa qabu isatti gammada.
Gowwaan adabbii abbaa isaa tuffata;
namni sirreeffama fudhatu kam iyyuu garuu qalbii qabeessa.
Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;
haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare,
ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
Yaa ijoolle, waan hundumaan abbootii fi haadhota keessaniif ajajamaa; kun Gooftaa gammachiisaatii.
Yaa abbootii, isinis akka ijoolleen keessan abdii hin kutanneef tuttuqxanii isaan hin aarsinaa.
Kunoo, ijoolleen kennaa Waaqayyoo ti;
iji gadameessaas badhaasa isaa ti.
Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,
akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.
Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.
Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.
Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa,
yaa jiraataa jedhanii si jajatu;
abbootiin waaʼee amanamummaa keetii
ijoollee isaaniitti ni odeessu.
Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban yookaan ijoolleen sababii abbootii isaaniitiif ajjeefamuu hin qaban; tokkoon tokkoon namaa sababii cubbuu ofii isaatiif duʼa.
Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira.
Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif
ani isiniifin barreessa.
Yaa dargaggoota, isin waan isa hamaa sana moʼattaniif,
ani isiniifin barreessa.
Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif,
ani isiniifin barreessa.
Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif,
ani isiniifin barreessa.
Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif,
waan dubbiin Waaqaa isin keessa jiraatuuf,
waan isa hamaa sanas moʼattaniif,
ani isiniifin barreessa.
Addunyaa Hin Jaallatinaa
Addunyaa yookaan waan addunyaa keessa jiru tokko illee hin jaallatinaa. Eenyu iyyuu yoo addunyaa jaallate, jaalalli Abbaa isa keessa hin jiru.