A paixão de Cristo
A paixão de Cristo é o ato de amor supremo da história. Jesus sofreu voluntariamente a cruz, carregando os pecados da humanidade para nos dar vida eterna.
O caminho da cruz
Jesus sabia o que o aguardava. Mesmo em agonia, submeteu-se à vontade do Pai e caminhou resolutamente para o Calvário.
Yesuus Marroo Rakko’oo Fi Du’a Ifii Dubbate
Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole’eetitti, harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse’eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeefamalle’e; guyyaa sadeesso’oo ammoo hin ka’a» jedhu’utti ka’e.
Achiin duuba inni, isaaniin, «Ani qixxee du’aatitti, guddoo gadde; isin as tura’aa, na woliin dammaqa’aa tee’a’a!» jedheen.
Ifi gad qabee,
haga du’aatitti,
haga fannifamee du’ulle’etti, ka ajajamu te’e.
Ijoolleen tun namoota foonii fi dhiiga qabanu akkuma te’ane, Yesuusille du’a ifiitiin, Seexana du’a irratti baallii qabu balleessiisaaf, akkuma isaanii nama te’e. Akkasuma worra du’a sodaatiisaan bara ifii duudii garbummaa jala turelle bilisa baase.
O sacrifício voluntário
Ninguém tirou a vida de Jesus — Ele a deu voluntariamente. Ele veio para servir e dar a sua vida em resgate por muitos.
«Ani lubbuu tiyya deebisee fudhatu’uuf dabarsee waan kennuuf, Abbaan na jaalata. Ani lubbuu tiyya fedha kiyyaan dabarsee kenna malee eennulle narraa hin fudhatu. Ani lubbuu tiyya dabarsee kenniisaa fi deebisee fudhatiisaaf baallii qaba. Ani ajaja kana Abbaa irraa fudhadhe» jedhe.
Ilmi namaa tajaajiliisaaf, namoota hedduulle wodiisaaf lubbuu ifii kenniisaaf dhufe malee, tajaajilamiisaaf hin dhunne» jedhe.
Sooreyyiin hayyootaatii fi korri murti’ii duudiinuu, Yesuus ijjeesisiisaaf, nama yakkaa isaa himatu barbaadane. Ammoo nama isa himatu tokkolle hin dhaggine.
Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.
Waaqi waan kanaaf isin waame; Kiristoos ammoo isiniif rakkatee isa faana akka horddottanu fakkeenna isiniif te’e. Inni ijjumaa cubbuu hin hunye; sobille afaan isaa keessaa hin baane. Inni yennaa arraffame deebisee hin arrassine; yennaa rakkate, Waaqa muraa qajeeltuu murutti addii godhate malee, isaan hin sossodaachinne. Akka nuuti cubbu’uuf duunee balchumma’aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba’ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan.
Inni nama namooti jibbanee tuffatane;
inni nama dhibee guddo’oo fi rakkoo guddoo qabu.
Inni akka nama nami fuula irraa deebifatee ti;
inni nama tuffatame;
nuutille ulfinna isaaf hin kennine.
«Inni dhugumaan dhukkuba keenna fudhatee,
dhibee teennalle ba’ate.
Te’uu malee, nuuti akka Waaqi isa dhowee,
akka Waaqi balaa isatti buusee,
akka Waaqi isa farrisiisetti laakkonne.
Inni ammoo, sababa cubbuu teennaatiif woraaname;
sababa yakkaa teennaatiifille butute.
Nuuti adabamiisa isaatiin nageya dhagganne;
madaa isaatille’een nuuti fayyine.