Publicidade

Lamentações 5

Daadimata Marartii Dhaggatiisaaf Dhikaate

1 Ee Waaqa, waan nu irratti te'e qaabadhu;

kunoo, salphinna keennalle dhaggi.

2 Qabeenna keenna ormi,

mana keenna alagaan fudhate.

3 Nuuti ijoollee worri irraa du'e,

ta abbaa hin qannee teeneerra;

haadhotiin teennalle

haadha hiyyeessaa te'aneeran.

4 Bisaan unnuuf hin kaffalla;

qoraanille hin bitanna.

5 Akka horii waanjoo itti hidhanee

oofamiisaan guddoo dadhanneerra;

fooralle nu dhoogganeeran.

6 Sagalee quufiisaaf,

worra Gibxi'iitii fi Asooriititti harka kennanne.

7 Abbootiin teenna ta durii

cubbuu hujjee dabarte;

nuuti ammoo sababa cubbuu isaaniitiif

rakkatiisatti jirra.

8 Garbooleen nu bulchan;

nami harka isaaniitii nu baasu hin jiru.

9 Goomolee keessa

ijjeechaan waan jirtuuf,

lubbuu teenna gurgurannee,

sagalee dhagganna.

10 Beela irraa ka ka'e

gogaan keenna

akka suunsumaa gurraachoweera.

11 Dubartoota Xiyoon keessatti,

durralle qachoota Yihuda'aa keessatti

hunnaan woliin rafane.

12 Sooreyyiin harka isaaniitiin fannifante;

jaarsoleen ulfinna dhadde.

13 Dargaggoota dhiiraa

hunnaan daakuu daassifatane;

ijoolleen dhiiraa

qoraan guddaa ba'atanee tintimane.

14 Jaarsoleen

yaa'ii karra qacha'aa,

dargaggootille sirba lakkitteerti.

15 Gammadi gadhaa keenna keessaa badeera,

sirbi keenna gara bowaa deebi'eera.

16 Nuuti cubbuu waan hunyeef,

ulfinni nu irraa ka'eera;

nu'uuf aanne'e!

17 Waan kanaaf gadhaan nu dhibameera;

iltille nu cuurrotteerti.

18 Sababa kanaaf gaarri Xiyoonii onee,

jeedalti irra burraaxxi.

19 Ee Waaqa, ati ammoo,

haga bara baraa mooti'i;

barcumaan mootummaa teetiille

dhalootaa haga dhalootaatitti jiraata.

20 Ati maaf ijjumaa nu deete?

Maaf haga kana mara nu lakkitte?

21 Ee Waaqa, akka duriititti nu deebifadhu,

nuutille hin deebina;

bara keenna haaressii akka durii nuu tolchi.

22 Yoo kana hin tolchin ati nu gatteerta;

akka maleelle nutti aarteerta.

Veja também

Publicidade
Lamentações
Ver todos os capítulos de Lamentações
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-