Pular para o conteúdo
Publicidade

Pão

Por Bíblia Online

O pão é símbolo central na Bíblia: do maná no deserto ao pão da vida — Jesus. A Escritura usa o pão para ensinar sobre provisão divina, comunhão e dependência espiritual.

O maná do céu

Deus alimentou Israel no deserto com pão do céu. O maná era diário, fiel e suficiente — retrato da provisão constante de Deus.

Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; "Ani guungummii saba Israaʼel dhagaʼeera. Ati immoo, Isin yeroo lafti dimimmisooftutti foon nyaattu; ganama immoo buddeena nyaattanii quuftu. Isinis yeroo sana akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe ni beektujedhii isaanitti himi."

Galgaluma sana dimbiriqqeen dhuftee iddoo qubannaa sana guutte; guyyaa itti aanu ganama immoo fixeensi naannoo qubannaa sanaa ture. Yommuu fixeensi buʼettis, kunoo wantoonni haphiin akka qorraa lafa irraa addaatan dirree gammoojjii irra bubbuʼan. Israaʼeloonnis yommuu waan kana arganitti, "Wanni kun maali?" waliin jedhan. Isaan wanni sun maal akka taʼe hin beekne tureetii.

Museenis akkana isaaniin jedhe; "Wanni kun buddeena akka isin nyaattaniif Waaqayyo isiniif kennee dha.

Sabni Israaʼel buddeena sana "mannaa" jedhee moggaase. Mannaan kunis sanyii dinbilaalaa fakkaata; adiidhas; miʼaan isaas akka bixxillee dammaan tolfamee ti.

Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne;

balbala samiis ni bane;

akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef;

midhaan samiis isaaniif kenne.

Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan;

inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.

Inni lafa irraa nyaata kennuuf jedhee looniif marga,

faayidaa namaatiif immoo biqiltuuwwan biqilcha;

akka daadhiin wayinii garaa nama gammachiisu,

akka zayitiin fuula nama cululuqsuu fi

akka midhaan nama jajjabeessu ni goota.

O pão da vida

Jesus declarou: 'Eu sou o pão da vida.' Quem vem a Ele nunca terá fome, e quem nele crê jamais terá sede. Ele é o sustento eterno.

Yesuusis akkana jedheen; "Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti. Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii."

Isaanis, "Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni" jedhaniin.

Yesuusis akkana isaaniin jedhe; "Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.

Buddeenni jireenyaa ana. Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan. Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu. Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti."

Innis gad si deebisee si beelessee "mannaa" ati yookaan abbootiin kee hin beekin si soore; kunis akka namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraanne si barsiisuuf.

Yesuus immoo deebisee, " Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu jedhamee barreeffameera" jedheen.

Partilha e comunhão

O partir do pão une o corpo de Cristo. Na Ceia, na generosidade e na partilha, expressamos a comunhão com Deus e uns com os outros.

Innis buddeena fuudhee galata galchee, caccabsee isaaniif kennee, "Kun foon koo kan isiniif kennamuu dha; kanas yaadannoo kootiif godhadhaa" jedheen.

Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu.

Xoofoon eebbaa kan nu eebbifnu sun dhiiga Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Buddeenni nu caccabsinu sunis foon Kiristoos wajjin tokkummaa qaba mitii? Waan buddeenni tokko qofti jiruuf, nu baayʼee taanu iyyuu dhagnuma tokko; hundi keenya buddeenuma tokkicha sana irraa hirmaannaatii.

"Egaa akkana jedhaa kadhadhaa:

" Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu,

maqaan kee haa qulqullaaʼu;

mootummaan kee haa dhufu;

fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana,

lafa irrattis haa taʼu.

Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.

Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf

ofii isaatii ni eebbifama.

Inni garuu, "Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.

Isaanis, "Dhaqnee buddeena diinaarii dhibba lamaa binnee akka nyaataniif isaaniif kenninuu ree?" jedhaniin.

Innis, "Buddeena meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!" jedheen.

Isaanis yommuu arganitti, "Buddeena shanii fi qurxummii lama" jedhan.

Yesuusis akka isaan namoota hundumaa garee gareedhaan marga lalisaa irra teteessisan isaan ajaje. Kanaafuu namoonni dhibba dhibbaa fi shantama shantamaan garee gareedhaan tataaʼan. Innis buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabse. Akka isaan namootaaf dhiʼeessaniifis barattoota isaatti kenne. Qurxummii lamaanis hunduma isaaniitiif qoqqoode. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa buddeenaatii fi qurxummii gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.

Provisão divina

O justo não é desamparado e seus descendentes não mendigam pão. Deus provê com fidelidade o alimento de cada dia.

Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;

garuu qajeeltonni gatamuu isaanii

yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.

Raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa

Barattoonni yommuu galaanicha ceʼanitti buddeena fudhachuu irraanfatan. Yesuusis, "Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa" isaaniin jedhe.

Isaanis, "Kun sababii nu buddeena hin fidatiniif" jedhanii waan kana walii wajjin haasaʼan.

Yesuusis waan isaan haasaʼan beekee akkana jedhee gaafate; "Yaa warra amantii xinnoo nana, isin maaliif waaʼee buddeena dhabuu keessanii walii wajjin dudubbattu? Isin amma iyyuu hin hubattanii? Buddeenni shan nama kuma shaniif dhiʼeeffamee gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii? Yookaan buddeenni torba nama kuma afuriif dhiʼeeffamee hambaa gundoo hammam guutuu akka walitti qabdan hin yaadattanii? Akka ani waaʼee buddeenaa isinitti dubbachaa hin turin isin akkamitti hin hubanne? Garuu raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa." Isaanis ergasii akka inni akka isaan raacitii buddeenaa irraa of eeggataniif utuu hin taʼin akka barsiisa Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggataniif isaanitti himaa ture hubatan.

Buddeena Bishaan Irraa

Buddeena kee bishaan gubbaa buusi;

guyyaa baayʼee booddee deebiftee argattaatii.

Qabeenya kee iddoo torbatti yookaan saddeetitti qoodi;

balaa biyyatti dhufuuf jiru hin beektuutii.

Seja o primeiro